[1] Waaqayyo immoo Museedhaan,“Mootichi harka koo isa jabaadhaan qabamee waan isaan gad dhiisuuf, inni biyya isaa keessaa iyyuu oofee akka isaan baasuuf, amma irree koo isa cimaadhaan waanan isa irratti hojjedhu arguuf jirta” jedhe.
[2] Yommus Waaqayyo Museedhaan,“Ani Waaqayyoo dha;
[3] ani Waaqayyo inni hundumaa danda'u, Abrahaamitti, Yisihaqitti, Yaaqoobittis mul'adheera; garuu maqaan koo “Waaqayyo isa jiraataa dha” jedhee isaanitti of hin beeksifne.
[4] Biyya Kana'aan biyya takka galaa ta'anii keessa jiraatan isaaniif kennuudhaaf immoo kakuu isaanii wajjin galeera.
[5] Kana malee immoo aadnaa Israa'eloota warra namoonni biyya Gibxii akka garbaatti hojjechiifachaa turanii dhaga'ee, kakuu koo yaadadheera.
[6] Egaa Israa'elootaan,“Ani Waaqayyoo dha! Ba'aa warra Gibxii jalaa isin nan baasa, garbummaa isaanii keessaas isin nan oolcha; ani irree koo ol fudhadhee firdii gurguddaadhaan isin nan fura.
[7] Ani saba koo isin godhadhee isin nan simadha, Waaqayyo keessanis isiniif nan ta'a; isin immoo ani Waaqayyo keessan goofticha isa ba'aa warra Gibxii jalaa isin baasu akkan ta'e in beektu.
[8] Ani biyya isan Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobiif kennuudhaaf kakadhe sanatti isin nan galcha, dhuunfaa keessan godhees isiniif nan kenna; ani Waaqayyoo dha” jedhi!” jedhe.
[9] Museenis Israa'elootatti kana in hime, isaan garuu yaadni isaanii waan cabeef, garbummaanis waan isaanitti jabaateef isa hin dhaggeeffanne.
[10] Waaqayyo yommus Museedhaan,
[11] “Gara mootii Gibxii dhaqiitii akka inni Israa'eloota biyya isaa keessaa gad dhiisu, itti dubbadhu!” jedheen.
[12] Museen garuu Waaqayyo duratti deebisee,“Kunoo sabni Israa'el iyyuu ana hin dhageenye, attamitti mootichi immoo ana nama afaan isaa qajeelchee hin dubbanne dhaga'a ree?” jedhe.
[13] Waaqayyo garuu Musee fi Aaronitti dubbatee, Israa'eloota biyya Gibxii keessaa baasuudhaaf, dhaqanii Israa'elootatti, mootii Gibxiittis akka himan isaan abboome.
[14] Warri maqaan isaanii kanatti fufee jirus, dura-buutuu sanyii abboota isaanii keessaa waamamanii dha; ilmaan Ruuben ilma Israa'el isa angafaa, Henok, Faluu, Hezronii fi Karmii dha; isaan kun gosa Ruuben.
[15] Ilmaan Shimi'oon, Yimu'el, Yaamiin, Ohad, Yaakiin, Zohaarii fi Shaawul; Shaawulin durba warra Kana'aantu da'e; isaan kun immoo gosa Shimi'oon.
[16] Kanatti aanee immoo maqaa ilmaan Lewwiitu akka dhaloota isaaniitti dhufa; isaan Gershoon, Qehaat, Meraarii dha; Lewwii hamma waggaa dhibbaa fi soddomii torba guututti in jiraate.
[17] Ilmaan Gershoon immoo, akka gosa isaaniitti Liibnii fi Shime'ii turan.
[18] Ilmaan Qehaat, Amraam, Yizhaar, Hebron, Uzii'elis; barri jireenya Qehaat waggaa dhibbaa fi soddomii sadii ture.
[19] Ilmaan Meraarii, Maahilii, Mushiis, isaan kun akka dhaloota isaaniitti gosa Lewwii turan.
[20] Amraam Yokebeedin obboleettii abbaa isaa fuudhe, isheen Aaronii fi Musee in deesseef; barri Amraam jiraate waggaa dhibbaa fi soddomii torba ture.
[21] Ilmaan Yizhaar immoo, Qoraahi, Nefeg, Ziikriis turan.
[22] Ilmaan Uzii'el immoo, Miishaa'el, Elzaafaanii fi Siitrii dha.
[23] Aaron, Eliishebaa intala Aminaadaab obboleettii Nahishoon fuudhe; isheen Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaarin deesseef.
[24] Ilmaan Qoraahi, Asiir, Elqaanaa fi Abii'aasaaf turan; isaan kun gosa Qoraahotaa ti.
[25] Ele'azaar ilmi Aaron durboota Futii'el keessaa tokko fuudhe; isheen Fiinehaasin deesseef; isaan kun akka gosa gosa isaaniitti dura-buutuu abboota sanyii Lewwii ti.
[26] Aaronii fi Museen warri Waaqayyo,“Isin Israa'eloota akka kutata kutata isaaniitti biyya Gibxii baasaa!” jedheen isaan kana.
[27] Waa'ee Israa'eloota biyya Gibxiitii baasuu, warri mootii Gibxiitti dubbatan isaan kana turan; Museen, Aaronis isaanuma kana.
[28] Gaafas Waaqayyo biyya Gibxiitti Museetti in dubbate;
[29] inni Museedhaan,“Ani Waaqayyoo dha, waanan sitti dubbadhu hundumaa, mootii Gibxiitti himi!” jedhe.
[30] Museen garuu achuma Waaqayyo duratti,“Kunoo, anoo nama afaan isaa qajeelchee hin dubbannee dha, mootichi attamitti anaaf dhaga'a ree?” jedhe.