Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:36

[1] Kana booddee Waaqayyo Museedhaan,

[2] “Ilaa! Ani gosa Yihudaa keessaa Bazaali'el ilma Urii akaakayyuu Huur maqaa dha'ee waammadheera.

[3] Ani Waaqayyo hafuura kootiin, ogummaadhaan, hubannaadhaan, beekumsa waan garaa garaa miidhagsanii hojjechuutiinis isa guuteera.

[4] Inni akka itti warqee, meetii, sibiila borrajjiis hojjetan akeeka in baasa.

[5] Dhagaas ijaarsaaf in tolcha, muka in soofa, waan garaa garaas miidhagsee in hojjeta.

[6] Ani kunoo, akka inni isaa wajjin hojjetuuf gosa Daan keessaa Aholiiyab ilma Ahisamaak kenneeraaf; waan ani si abboome hundumaa akka godhaniif warra ogeessota hundumaaf ani ogummaa kenneeraaf.

[7] Dunkaana isa ana Waaqayyo duratti itti wal ga'an, sanduuqa dhuga-baatuu, teessoo araaraa, mi'a godichaa hundumaas haa hojjetan!

[8] Gabatee fi mi'a isaa, baattuu ibsaa warqee qullaa'aa irraa hojjetame mi'a isaa hundumaa wajjin, iddoo aarsaa isa ixaanni irratti aarfamu haa tolchan!

[9] Iddoo aarsaa qalmi gubamu irratti gubatu, mi'a isaa hundumaa wajjin, waciitii, jaliitii isaas haa qopheessan!

[10] Uffata kulaan miidhagfame, uffata qullaa'aa isa Aaron lubichii fi ilmaan isaa yommuu anaaf hojjetan uffatan haa qopheessan!

[11] Dhadhaa dibataa, ixaana urgaa'us iddoo qulqullaa'aa sanaaf haa qopheessan, isaan kana hundumaa akkan si abboometti haa hojjetan!” jedhe.

[12] Ammas Waaqayyo Museedhaan,

[13] “Saba Israa'eliin,“Sanbatoota koo eegi! Ani Waaqayyo isa si qulqulleessu akkan ta'e akka beektuuf, dhaloota hundumaa keessatti Sanbanni kun anaaf si gidduutti milikkita” jedhi!

[14] Guyyaa Sanbataa eegi inni siif qulqullaa'aa dha; namni qulqullinatti isa hin eegne haa ajjeefamu! Namni guyyaa sanatti hojii hojjete hundinuu saba isaa keessaa haa balleeffamu!

[15] Guyyoonni ja'a guyyoota hojiin itti hojjetamuu dha, guyyaa inni torbaffaan garuu guyyaa aara-galfannaa ti, guyyaan kun ana Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha; namni guyyaa Sanbataatti hojii hojjete hundinuu haa ajjeefamu!

[16] Sabni Israa'el dhaloota isaanii hundumaa keessatti akka kakuu bara baraatti Sanbata haa ayyaaneffatan!

[17] Ani Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti bantii waaqaa fi lafa uumee, guyyaa torbaffaatti immoo waanan hojjechaa ture hundumaattii boqodheen aara galfadhe; kun anaa fi saba Israa'el gidduutti bara baraan milikkita in ta'a” jedhe.

[18] Waaqayyo tulluu Siinaa irratti Musee wajjin dubbatee erga fixee booddee, gabatoota dhuga-baatuu lamaan, gabatoota dhagaa warra ofii isaatii quba isaatiin irratti caafe sana Museetti in kenne.

Seera Ba'uu — Chapters