[1] Bazaali'el itti fufee muka laaftoo irraa iddoo aarsaa dheerinni isaa dhundhuma shan, bal'inni isaa dhundhuma shan, irraan-oleen isaa dhundhuma sadii, gara arfanuun wal qixxee kan ta'e in ijaare.
[2] Golee iddoo aarsaa arfan gubbaatti gaanfota baase; gaanfota sanas isuma irraa itti baasee sibiila borrajjii itti uffise.
[3] Mi'a iddoo aarsaa sanaa hundumaa caabii, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitii ittiin aarsaa dhi'eessan, fileewwan foonii, baattuu irratti ibidda bobeessanis sibiila borrajjii irraa in tolche.
[4] Iddoo aarsichaattis sibiila borrajjii akka gingilchaatti wal keessa babaasee ittisa tolchee, gara walakkaa iddoo aarsaa ga'uu akka danda'utti geengoo isaa jalaan kaa'e.
[5] Golee arfan ittisa sibiila borrajjii sanaattis danqaraa ittiin baatan akka keessa loosaniif amartii afur itti baqse.
[6] Muka laaftoo irraa danqaroota tolchee sibiila borrajjii itti uffise;
[7] danqaroota sanas iddoon aarsaa akka ittiin baatamuuf amartoota isa bukkee iddoo aarsichaa isa muka irraa dhooqfamee hojjetametti jiru sana keessa loose.
[8] Waciitii fi jaliitii sibiila borrajjii of-ilaalii dubartoota warra balbala dunkaana itti wal ga'an sanaatti yeroo sagadaa hojii gargaaran irraa fuudhee tolche.
[9] Inni itti aansee oobdii in tolche; oobdichis gara harka mirgaatiin golgaa quncee talbaa fo'amaadhaan dha'amee, dheerinni isaa dhundhuma dhibba ta'u qaba ture.
[10] Utuboonni digdammanii fi miiloowwan isaanii digdamman sibiila borrajjii irraa, hokkoon isaanii fi amartiin walitti hidhu meetii irraa hojjetaman.
[11] Golgaan gara harka bitaas immoo dheerinni isaa dhundhuma dhibba tokko utuboonni isaanii digdammanii fi miiloowwan isaanii digdamman sibiila borrajjii irraa, hokkoon isaanii fi amartiin walitti hidhus meetii irraa hojjetaman.
[12] Gara lixa-biiftuutiin golgaa bal'inni isaa dhundhuma shantama ta'u qaba ture; utuboonni isaanii kudhan, miiloowwan isaanii kudhan; hokkoon isaanii fi amartiin walitti hidhu meetii irraa hojjetaman.
[13] Gara boruu karaa biiftuun baatus oobdichi dhundhuma shantama bal'ata ture.
[14] Dheerinni golgichaa karaa ittiin ol lixan gar-tokkoon dhundhuma kudha shan; utuboota sadii fi miiloowwan sadii qaba ture.
[15] Dheerinni golgaa isa gara kaaniis dhundhuma kudha shan, utuboota sadii fi miiloowwan sadii qaba ture.
[16] Golgaan naannoo oobdichaa hundinuu uffata quncee talbaa fo'amaa irraa dha'ame.
[17] Miiloowwan utuboota sanaa sibiila borrajjii irraa hojjetaman, hokkoon isaanii fi amartiin walitti hidhu immoo meetii irraa hojjetaman; fiixee utuboota oobdichaattis meetiitu uffifame; akkasuma utuboonni oobdichaa hundinuu amartii meetii irraa hojjetame qabu turan.
[18] Golgaan karra oobdichaa uffata quncee talbaa fo'amaadhaan dha'amee, namni ogeessi immoo fo'aa bifa waaqaa, bifa dhiilgee, bifa bildiimaa qabuun irratti hoddhee tolche qaba ture; dheerinni isaa dhundhuma digdama; akkuma golgaa oobdichaa irraan-oleen isaa dhundhuma shan, bal'inni isaa dhundhuma shan ture.
[19] Utuboonni isaa arfanii fi miiloowwan isaa arfan sibiila borrajjii irraa hojjetaman; hokkoon isaanii fi amartiin walitti hidhu meetii irraa hojjetaman; bantiiwwan isaaniittis meetiitu uffifame.
[20] Qofoon godoo sanaa fi oobdii sanatti naanna'anii jiran hundinuu meetii irraa hojjetaman.
[21] Mi'i godoo dhuga-baatuu inni Itaamaar Lewiichi ilmi Aaron lubichaa abboommii Museetiin tarreetti caafee qopheesse kanatti aane jira;
[22] Bazaali'el ilmi Urii, akaakayyuun Huur gosa Yihudaa keessaa wanta Waaqayyo, Musee abboome hundumaa in hojjete;
[23] Aholiiyab ilmi Ahisamaak gosa Daan keessaa, inni waa qirixee bifa itti baasu uffata quncee talbaa irratti, boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, boffee bildiimaadhaan kulaan miidhagsee hojjetu, isaa wajjin ture.
[24] Godoon qulqullaa'aan akka ittiin hojjetamuuf warqeen kenname sun hundumti isaa akka madaalii godoo qulqullaa'aatti akka kiilo graamii kuma tokkoo ture.
[25] Meetiin namoota waldaa keessaa lakkaa'aman irraa walitti qabame, akka madaalii godoo qulqullaa'aatti kiilo graamii kuma sadii fi dhibba afurii fi digdamaa ture.
[26] Namoonni warra dur lakkaa'amanii jiranitti dabalaman, waggaan isaaniis digdamaa hamma isaa oliitti kan jiru hundinuu lakkoobsi isaanii kumaatama dhibba ja'aa fi kuma sadii fi dhibba shanii fi shantama; isaan kun mata mataatti akka madaalii godoo qulqullaa'aatti akka walakkaa sheeqelii baasan.
[27] Meetii kiilo graamii kuma sadii fi dhibba shaniin miiloo godoo qulqullaa'aa fi miiloo golgichaatu hojjetame; kiilo graamii kuma sadii fi dhibba shaniin miiloo dhibba tokkotu hojjetame; kiilo graamii soddomii shaniin miiloo tokkotu hojjetame.
[28] Akka kiilo graamii digdamaatiin immoo utubootatti hokkoo hojjetee, bantiiwwan isaanii amartiidhaan walitti qabsiise.
[29] Sibiilli borrajjiin kennaa sochoofamuuf dhi'aate kiilo graamii kuma lamaa fi dhibba afurii fi afurtama ture.
[30] Isaaniin miiloowwan balbala dunkaana itti wal ga'anii, iddoo aarsaa sibiila borrajjii irraa hojjetamee fi ittisa isaa isa sibiila borrajjii irraa hojjetame, mi'a isaa hundumaas in hojjete.
[31] Akkasumas miiloowwan utubaa naannoo oobdichaa, miiloowwan utubaa karra oobdichaa, qofoon dunkaanichaa hundinuu, qofoon utubaa naannoo oobdichaa hundinuus isaaniin hojjetaman.