Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:38

[1] Waaqayyo dubbii kanatti fufee jiru hundumaa in dubbate;

[2] inni,“Ani Waaqayyo, gooftaa kee isa mana garbummaa biyya Gibxii keessaa si baasee dha.

[3] “Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatin!

[4] “Bifa qirixame, fakkeenya wanta ol waaqa irra jiruu, gad lafa irra jiruu, yookiis bishaan keessa lafa jala jiruu hin tolfatin!

[5] Ati bifa fakkeenyaa kanaaf hin sagadin, isaafis hin hojjetin! Ani Waaqayyo gooftaan kee Waaqayyo hinaafaa dha; cubbuu abbootaa hamma dhaloota sadii, hamma dhaloota afuriittis harka ijoollee warra na jibbanii keessaa nan barbaada.

[6] Dhaloota warra na jaallatanii abboommii koo eeganiitti garuu, kumaatama isaaniitti gaarummaa koo nan argisiisa.

[7] “Ani Waaqayyo nama akkasumaan maqaa koo dha'u utuun hin adabin waan ani hin dhiifneef, ati maqaa koo maqaa Waaqayyoo gooftaa keetii akkasumaan hin dha'in!

[8] “Guyyaa Sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf yaadadhu!

[9] “Guyyaa ja'a hojii kee hojjedhu, jiruu kees hundumaa godhadhu!

[10] “Guyyaan inni torbaffaan garuu Sanbata ana Waaqayyo gooftaa keetiif eegamuu dha; ati, ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, horiin qe'ee kee, galaan kellaa kee keessa jirus isatti hojii tokko illee hin hojjetin!

[11] “Ani Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti bantii waaqaa fi lafa, galaana, wanta isaan keessa jiru hundumaas uumee, guyyaa torbaffaatti nan boqodhe; kanaaf ani Waaqayyo guyyaa Sanbataa nan eebbise, nan qulqulleesses.

[12] “Biyya ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!

[13] “Hin ajjeesin!

[14] “Hin ejjin!

[15] “Hin hatin!

[16] “Nama irratti sobaan dhugaa hin ba'in!

[17] “Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin! Haadha manaa namaa, hojjetaa isaa, hojjettuu isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, waanuma kan isaa ta'e duraa fudhachuudhaaf hin hawwin!” jedhe.

[18] Namoonni sun hundinuu kakawwee, guca boba'u, sagalee fiinoo, tulluu aarus in hubatan; kana irraa kan ka'es na'anii hollatanii, achi irraa fagaatanii in dhaabatan.

[19] Jarri yommus Museedhaan,“Nuyi akka hin dhumnetti, Waaqayyo nuu wajjin akka dubbatu hin godhin, ati nuu wajjin dubbadhu, nus in dhageenyaa!” jedhan.

[20] Museen immoo saba sanaan,“Waaqayyoon sodaachuun isin bira akka jiraatuuf isinis cubbuu akka hin hojjenneef, Waaqayyo qoree isin ilaaluudhaaf waan dhufeef, hin sodaatinaa!” jedhe.

[21] Yommus sabni irraa fagaatee in ijaajje; Museen garuu gara duumessa gurraacha dukkanaa'aa lafa Waaqayyo turetti in dhi'aate.

[22] Yommus Waaqayyo Museetti dubbatee,“Ati Israa'elootaan,“Waaqayyo akkana jedha:- Ani waaqa irraa isinitti dubbachuu koo ofii keessanii iyyuu argitaniittu;

[23] isin ana dhiiftanii waaqayyolii meetii irraa yookiis waaqayyolii warqee irraa hojjetaman hin tolfatinaa!

[24] Isin biyyoo irraa iddoo aarsaa anaaf in hojjettu; isa irrattis qalma keessan isa gubamu, qalma araaraa keessan, bushaayee keessanii fi saawwan keessan in dhi'eessitu; iddoodhuma ani maqaan koo akka itti yaadatamu godhetti, isin bira nan dhufa, isinan eebbisas.

[25] Iddoo aarsaa dhagaadhaan yoo anaaf ijaarte immoo, mi'a ittiin sooftu sanaan isa waan xureessituuf, dhagaa soofamaadhaan hin ijaarin!

[26] Iddoo aarsaa koo irratti qullaan kee akka hin mul'annetti, toora isa gadii irraa isa oliitti tarkaanfachuudhaan gara isaatti ol hin ba'in!” jedhi!” jedhe.

Seera Ba'uu — Chapters