[1] Ergasii Waaqayyo Museedhaan,“Ani amma dha'icha tokko duwwaa mooticha irratti, biyya isaa irrattis dabalee nan fida, mootichis kana booddee gad isin in dhiisa; gara dhumaatti yommuu asii gad isin dhiisu, ari'ee gad isin in baasa.
[2] Dhiirri, dubartiinis ollaa ollaa isaanii mi'a meetii, mi'a warqees gaafatanii akka fudhataniif saba Israa'el gurra buusi!” jedhe.
[3] Waaqayyo yommus warri Gibxi saba sanaaf akka faara tolan godhe; Museen immoo biyya Gibxiitti hojjetoota mootichaa fi warra Gibxii duratti baay'ee nama guddaa ta'e.
[4] Ergasii Museen,“Waaqayyo,“Ani gara halkan walakkaatti biyya Gibxii keessa nan ba'a;
[5] biyya Gibxii keessaa, dhala mootichaa isa angafa isa teessoo isaa dhaalu jalqabee hamma dhala hojjettuu ishee daakuu daaktu isa angafaatti, angafni hundinuu in du'a; horii keessaas angafni hundinuu in du'a.
[6] Guutummaa biyya Gibxii keessatti boo'ichi guddaan in ta'a; boo'ichi akkasii kun takkaa ta'ee hin beeku, kan akkasiis deebi'ee hin ta'u.
[7] Namaa fi horii Israa'elootaatti garuu sareen illee hin duutu; Waaqayyo warra Gibxii fi warra Israa'el gidduutti garaagarummaa akka godhu kanaan in beektu” jedhe” jedhe.
[8] Museen itti dabalee,“Hojjetoonni kee kun hundinuu gara kootti gad bu'anii, anaaf qoomma'anii,“Ati warra si faana adeeman hundumaa wajjin hadaraa ba'i!” naan jedhu; anis kana booddee nan ba'a” jedhe; Museen kana booddee aaree boba'ee mooticha biraa in adeeme.
[9] Dura iyyuu Waaqayyo Museedhaan,“Dinqiin koo biyya Gibxiitti akka baay'atuuf, mootichi isiniif hin dhaga'u” jedhee ture.
[10] Museenii fi Aaron fuula mootichaa duratti dinqii kana hundumaa godhaniiru; Waaqayyo immoo mooticha garaa waan jabeesseef, Israa'eloonni biyya isaa keessaa akka ba'aniif gad hin dhiifne.