Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:25

[1] Waldaan Israa'el guutummaatti akka Waaqayyo isaanitti himetti, Siin lafa onaadhaa ka'anii iddoodhaa gara iddootti darbaa dhufanii iddoo “Refiidiim” jedhamu in buufatan; garuu sabni sun bishaan dhugan hin arganne.

[2] Kanaaf jarri,“Bishaan dhugnu nuuf kenni!” jedhanii Musee lolan; Museen immoo jaraan,“Maaliif ana loltu” Waaqayyoonis maaliif qortu?” jedhe.

[3] Jarri bishaan dhabanii waan dheebotaniif, Musee irratti guungumanii,“Nuun, ijoollee keenya, horii keenyas dheebuudhaan fixuudhaaf biyya Gibxii nu baaftee?” jedhan.

[4] Yommus Museen gara Waaqayyootti iyyee,“Jarri kunoo, dhagaadhaan na rukutuudhaaf xinnoo isheetu isaan hafe, maal godhu?” jedhe.

[5] Waaqayyo immoo deebisee Museedhaan,“Maanguddoota Israa'el keessaa muraasa fudhadhuutii, ulee kee isa ittiin bishaan Abbayyaa rukuttes qabadhuutii, jara dura darbii adeemi!

[6] Kunoo! Ani achi Siinaatti kattaa tokko irra si dura nan dhaabadha; ati immoo kattaa sana in rukutta, bishaan isa keessaa in burqa, jarris isa in dhugu” jedhe; Museenis ija maanguddoota Israa'el duratti akkasuma in godhe.

[7] Namoonni Israa'el waan morkataniif gooftichaan immoo,“Waaqayyo nu gidduu jira moo hin jiru?” jedhanii waan qoraniif, maqaan iddoo sanaa “Maasaa fi Mariibaat” moggaafame.

[8] Warri Amaaleq Refiidiimin dhufanii warra Israa'el in lolan.

[9] Museen yommus Iyaasuudhaan,“Namoota fo'adhuutii dhaqii warra Amaaleq loli! Anis bor ulee Waaqayyoo qabadhee gaara gubbaa nan dhaabadha” jedhe.

[10] Iyaasuun akkuma Museen isatti hime godhe, warra Amaaleq loluudhaaf ba'e; Museen, Aaronii fi Huur garuu gaara gubbaatti ol ba'an.

[11] Yeroo Museen harka isaa ol qabu warra Israa'eltu humna caala ture; yeroo inni harka isaa gad deebisu immoo warra Amaaleqtu humna caala ture.

[12] Harki Musee in dadhabe; yommus isaan dhagaa fidanii achi keenyaaniif, inni irra taa'e; Aaronii fi Huur immoo, inni tokko garanaan, inni kaan immoo garasiin goranii, hamma aduun lixutti harki isaa akka gad hin deebineef ol qabaniif.

[13] Yommus Iyaasuun loltoota warra Amaaleq billaadhaan in mo'e.

[14] Ergasii Waaqayyo Museedhaan,“Seenaa kana akka macaafaatti caafi! Ani immoo seenaa warra Amaaleq raawwadhee bantii waaqaa jalaa haxaa'ee akkan balleessu Iyaasuutti himi!” jedhe.

[15] Museenis iddoo aarsaa ijaaree, maqaa isaas “Waaqayyo faajjii koo ti” jedhee moggaase.

[16] Itti dabalees,“Harki gara teessoo Waaqayyootti ol fuudhameera! Waaqayyo immoo dhalootaa hamma dhalootaatti warra Amaaleq in lola” jedhe.

Seera Ba'uu — Chapters