Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:19

[1] Waaqayyo ammas Museedhaan,“Gara mootichaa dhaqiitii,“Waaqayyo gooftaan inni kan warra Ibrootaa:- Sabni koo dhaqee anaaf haa hojjetuu gad dhiisi!” jedha.

[2] Ati diddee amma iyyuu qabaa yoo isaanitti jabeessite,

[3] ani kunoo fardeen, harroota, gaalota, saawwan, bushaayee, horii kee warra ala dheedan hundumaa irratti dha'icha guddaa isaa fiduudhaaf harka koo ol nan fudhadha!

[4] Garuu horii warra Israa'elii fi horii warra Gibxii gidduutti garaagarummaa nan godha, kan Israa'elootaa hundumaa keessaa tokko iyyuu hin du'u;

[5] Waaqayyo yeroo kun itti ta'u dhaaba godhee,“Ani wanta kana bor biyyichatti nan fida” jedhii itti himi!” jedhe.

[6] Borumtaa isaas Waaqayyo wanta kana in godhe; horiin warra Gibxii hundinuu in dhuman; horii Israa'elootaa keessaa garuu tokko illee hin duune.

[7] Mootichi itti ergee, horii Israa'elootaa keessaa tokko illee akka hin du'in in hubate; haa ta'u iyyuu malee, mootichi garaa isaa in jabeesse, saba sanas gad hin dhiifne.

[8] Waaqayyo ergasii Museedhaa fi Aaroniin,“Cilaattii qodaatti qabatu iddoo ibiddaatii harka guutaatii hammaaradhaa, Museen ija mootichaa duratti gara waaqaatti haa facaasu!

[9] Innis guutummaa biyya Gibxii irratti haa awwaara'u, namaa fi horii guutummaa biyya Gibxii irrattis iita madaa'u haa fidu!” jedhe.

[10] Yommus isaan cilaattii qodaatti qabatu iddoo ibiddaatii hammaaratanii fuula mootichaa dura in ijaajjan; Museen cilaattii sana gara waaqaatti in facaase; inni immoo namaa fi horiitti iita madaa'u in ta'e;

[11] iiti madaa'u warra ayyaana hedan, warra Gibxii hundumaattis in ba'e; kanaaf warri ayyaana hedan iita madaa'u kanaan Musee dura dhaabachuu dadhaban.

[12] Waaqayyo garuu mootichi mataa akka jabaatu in godhe; akkuma Waaqayyo Museetti dubbatee ture inni isaaniif hin dhageenye.

[13] Kana booddee Waaqayyo Museedhaan,“Bor ganama bariidhaan ka'iitii mooticha duratti dhi'aadhuu,“Waaqayyo gooftaan inni kan Ibrootaa sabni koo dhaqee anaaf haa hojjetuu gad dhiisi!

[14] Biyya hundumaa keessa kan akka koo akka hin jirre akka beektutti, alana dha'icha baay'ee jabaa si irratti, hojjetoota kee irrattis nan buusa.

[15] Egaa akkan harka koo ol fudhadheen si, saba kees utuun dha'eera ta'ee silaa yowwana ati lafa irraa baddeetta;

[16] haa ta'u iyyuu malee, ani humna koo sitti argisiisuudhaaf, maqaan koos biyya hundumaa keessatti akka beeksifamuuf ati dhaabattee akka haftu nan godhe.

[17] Ati amma iyyuu saba koo irratti ol of qabda malee gad isa hin dhiifne.

[18] Erga akkas ta'ee, ani kunoo bor yowwana cabbii baay'ee ulfaataa biyyi Gibxi erga beekamee jalqabee hamma ammaatti takkaa bu'ee hin beekne itti nan buusa!

[19] Egaa amma hojjetoota kee ergiitii horii kee, waan alaa qabdu hundumaas manatti galchisiisi! Namni, horiinis warri alatti argaman manatti utuu hin sassaabamin yoo hafan, cabbiin itti in bu'a, isaanis in duddu'u” jedhiitii itti himi!” jedhe.

[20] Hojjetoota mootichaa keessaa warri isa Waaqayyo dubbate sodaatan hojjetoota isaanii fi horii isaanii mana manatti baqachiisan.

[21] Warri wanti Waaqayyo dubbate garaa isaanii hin rukutin hafe garuu, hojjetoota isaanii, horii isaaniis alatti in dhiisan.

[22] Waaqayyo ergasii Museedhaan,“Guutummaa biyya Gibxii irratti, nama irratti, horii fi bineensa irratti, biqiltuu biyya sanaa hundumaa irratti cabbiin akka bu'uuf, harka kee gara waaqaatti ol qabi!” jedhe.

[23] Museen ulee isaa gara waaqaatti ol qabe, Waaqayyo sagalee kakawwee dhageessisee cabbii in fide, bakakkaanis lafatti in bu'e; Waaqayyo biyya Gibxii irratti cabbii in roobsise.

[24] Cabbiin in bu'e; cabbicha baay'ee ulfaataa sana keessas balaqqeessa bakakkaatu ture; warri Gibxi saba ta'anii erga beekamanii jalqabee kan akkasii guutummaa biyya sanaa keessatti ta'ee hin beeku.

[25] Cabbichi guutummaa biyya Gibxii keessatti nama, horii, bineensa, warra alatti hafan hundumaa in rukute; biqiltuu hundumaas rukutee, mukkeetii bakkee keessaas in caccabse.

[26] Biyya Gooshen iddoo Israa'eloonni jiraatan duwwaatti cabbiin hin buune.

[27] Mootichi immoo kana irratti Musee fi Aaronitti ergee waamsisee, isaaniin,“Ani alana yakkeera, Waaqayyo qajeelaa dha, anii fi sabni koo garuu balleessaa qabna.

[28] Waaqayyoon kadhadhaa! Sagaleen kakawwee Waaqayyo dhageessisu kunii fi cabbiin kun baay'ateera; ani gad isin nan dhiisa, isin si'achi as hin turtan” jedhe.

[29] Museen deebisee mootichaan,“Mandaricha keessaa akkuman ba'een harka koo gara Waaqayyootti nan bal'isa, lafti kan Waaqayyoo ta'uu isaa akka beektutti kakawween in dhiisa, cabbiinis si'achi in dhaabata.

[30] Garuu atii fi hojjetoonni kee amma iyyuu Waaqayyo gooftaa akka hin sodaanne ani beeka” jedhe.

[31] Yeroo sana talbaan daraaree, garbuun immoo asheetee waan tureef, isaan cabbichaan in rukutaman.

[32] Qamadii fi honboriin garuu gara booddee waan bilchaataniif oolaniiru.

[33] Museen mooticha biraa ka'ee mandaricha keessaa ba'ee, harka isaa gara Waaqayyootti in bal'ise; kakawwichi, cabbichis in dhaabate, bokkaan lafa irratti roobaa tures in caame.

[34] Mootichi garuu bokkichii fi cabbichi, kakawwichis akka dhaabate yommuu arge, ammas itti dabalee in yakke; garaan mootichaa, kan hojjetoota isaas in jabaate.

[35] Mootichi akkuma mata-jabeessa ta'etti in hafe; akkuma Waaqayyo afaan Museetiin dubbatee ture, Israa'eloota gad hin dhiifne.

Seera Ba'uu — Chapters