[1] Museen bushaayee Yetroo abbiyyuu isaa luba Miidiyaan in tiksa ture; gaaf tokko bushaayee lafa onaa keessa dabarsee gara Horeeb tulluu Waaqayyoo isa Siinaa jedhamu dhufe.
[2] Achitti ergamaan Waaqayyoo arraba ibiddaa isa huuxxii qoraattii tokko keessaa boba'u keessatti Museetti mul'ate; Museenis gara huuxxii qoraattichaa ilaalee, kunoo, huuxxicha irratti ibiddi in argama ture, garuu hin gubanne.
[3] Yommus Museen,“Wanta guddaa mul'atu kana itti goree nan ilaala; huuxxiin qoraattii kun maaliif hin gubanne laata?” jedhe.
[4] Waaqayyo gooftaan immoo Museen kana ilaaluudhaaf akka itti gore argee, huuxxicha qoraattii keessaa,“Musee! Musee!” jedhee waame; Museen immoo,“Kunoo asan jira” jedhe.
[5] Ammas Waaqayyo,“As hin dhi'aatin! Iddoon ati irra dhaabattee jirtu lafa qulqullaa'aa waan ta'eef, kophee miilla keetii baafadhu!” jedhe.
[6] Itti fufees,“Ani Waaqayyo isa kan abboota keetii ti, Waaqayyo isa kan Abrahaam, Waaqayyo isa kan Yisihaq, Waaqayyo isa kan Yaaqoobis” ittiin jedhe; kana irraa kan ka'e Museen gara Waaqayyoo ilaaluu sodaatee fuula isaa in dhokfate.
[7] Yommus Waaqayyo,“Gad qabamuu saba koo warra Gibxi jiranii argeera; isa isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa ba'uudhaaf iyyatanis dhaga'eera; dhiphina isaaniis ani beeka;
[8] ani harka warra Gibxii keessaa isaan baasuudhaaf gad bu'eera; biyya sana keessaa gara biyya gaariitti, biyya bal'aatti, biyya aannanii fi damma baasutti, lafa Kana'aanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa, Yibusootaattis ol isaan nan baasa.
[9] Amma kunoo, iyyanni Israa'elootaa na bira ga'eera; akka warri Gibxii itti isaan cunqursanis argeera.
[10] Ani mootii Gibxiitti sin erga, dhaqi, saba koo Israa'elin biyya Gibxiitii baasi!” jedhe.
[11] Museen immoo Waaqayyoon,“Gara mootii Gibxii dhaqee, saba Israa'el biyya Gibxiitii kanan baasu ani eenyu?” jedhe.
[12] Waaqayyo immoo Museedhaan,“Ani sii wajjin nan ta'a; ati saba sana biyya Gibxiitii yommuu baaftu, tuulu kana irratti Waaqayyoof sagaduuf jirtu; si erguu kootiifis kun milikkita siif in ta'a” jedhe.
[13] Museen yommus Waaqayyoon,“Ani saba Israa'el bira dhaqee,“Waaqayyo isa kan abboota keessaniitu isinitti ana erge” yommuun isaaniin jedhu, isaan immoo “Maqaan isaa eenyu?” jedhanii na gaafatu; ani immoo maal isaaniin jedhu ree?” jedhe.
[14] Waaqayyo deebisee Museedhaan,“Ani“Isa jiraataa dha” ati immoo saba Israa'eliin,“Inni jiraataan isinitti na ergeera” in jetta.
[15] Bara hundumaa maqaan koo isa kana, dhaloota hundumaa keessattis kanumaan nan yaadatama” jedhe; Waaqayyo ammas Museedhaan,“Saba Israa'eliin,“Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii, Waaqayyo inni kan Abrahaam, Waaqayyo inni kan Yisihaq, Waaqayyo inni kan Yaaqoobis isinitti na ergeera” jedhi!”
[16] Akkasumas dhaqii, maanguddoota Israa'el walitti qabi, isaaniin,“Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii, Waaqayyo inni kan Abrahaam, inni kan Yisihaq, inni kan Yaaqoobis anatti mul'ate; anatti dubbatee,“Ani wanta biyya Gibxiitti isin irratti hojjetame ilaalee argeera;
[17] ani gad qabamuu biyya Gibxiitti isin irra ga'e keessaa isin baasee, gara biyya aannanii fi damma baasutti, biyya Kana'aanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa, Yibusootaattis ol isin baasuudhaaf murtoo godheera naan jedhe” jedhii isaanitti himi!
[18] Maanguddoonni Israa'el dubbii kee in dhaga'u; isinis immoo walii wajjin mootii Gibxii bira dhaqxanii mootichaan,“Waaqayyo gooftaan warra Ibrootaa nutti mul'ateera, egaa karaa guyyaa sadii lafa onaa keessa adeemnee, Waaqayyo keenya gooftichaaf aarsaa in dhi'eessina!” in jettu.
[19] “Mootiin Gibxii irree jabaadhaan yoo giddisiifame malee, adeemuudhaaf akka inni gad isin hin dhiifne ani beeka.
[20] Ani garuu harka koo ol nan fudhadha, dinqii ani achi keessatti hojjedhu hundumaanis warra Gibxii nan dha'a; mootichi kana irratti gad isin in dhiisa.
[21] Sabni kun warra Gibxii duratti faara tolaadhaan akka ilaalamu nan godha; yommuu baatan harka duwwaa hin adeemtan.
[22] Dubartiin adduma addaan dubartii Gibxii ishee ollaa ishee irraa, ishee mana ishee jirtu irraas, mi'a meetii, mi'a warqee, uffatas gaafattee in fudhatti; mi'ichas ilmaan keessanii fi intaloota keessanitti in naqxu, uffatichas itti in uffiftu; akkasitti isin warra Gibxii harka-qullaa in hambiftu” jedhi!” jedhe.