[1] Waaqayyo yommus Museedhaan,“Ati, Aaron, Naadaab, Abiihuu, jaarsolii Israa'el keessaa torbaatamni as gara koo gara Waaqayyo kottaa, fagoo dhaabadhaatii sagadaa!
[2] Ati kophaan as gara koo gara Waaqayyootti dhi'aadhu malee, warri kaan hin dhi'aatin! Sabni matumaa sii wajjin ol hin ba'in!” jedhe.
[3] Museen dhufee wanta Waaqayyo jedhe hundumaa, seera isaas hundumaa saba sanatti in hime; sabni immoo sagalee tokkichaan deebisanii,“Nuyi dubbii Waaqayyo dubbate kana hundumaa in goona” jedhan.
[4] Museen dubbii Waaqayyo dubbate hundumaa in caafe; ganama barii immoo ka'ee tullicha jalatti iddoo aarsaa ijaaree, akka lakkoobsa gosa Israa'el warra kudha lamaaniitti utubaa dhagaa kudha lama in dhaabe.
[5] Israa'eloota keessaas dargaggoonni qalma gubamuu fi qalma araaraafis tuntunoota qalanii Waaqayyoof dhi'eessuudhaaf akka ergaman in godhe.
[6] Museen immoo dhiiga sana walakkaa waciitotatti naqee, walakkaa isa hafe immoo iddoo aarsaa sanatti in facaase.
[7] Yommus macaafa kakuu sanaa fuudhee, akka sabni sun dhaga'utti dubbise; isaan immoo,“Wanta Waaqayyo dubbate hundumaa in dhageenya, in goonas” jedhan.
[8] Museen dhiigicha fuudhee, namootatti facaasee,“Ilaa dhiiga kakuu isa Waaqayyo akka dubbii kana hundumaatti isiniif dhaabe” jedhe.
[9] Yommus Museen, Aaron, Naadaab, Abiihun, jaarsolii Israa'el keessaas namoonni torbaatamni ol in ba'an;
[10] isaan Waaqayyo isa kan Israa'el in argan; miilla isaa jala wanta akka dhagaa Safiiros, isa qullaa'aa akka bantii waaqaatu ture.
[11] Inni harka isaa gurguddoota saba Israa'el kanatti hin buufne; isaan Waaqayyoon in argan, achitti walii wajjin in nyaatan, in dhuganis.
[12] Ammas Waaqayyo Museedhaan,“Tulluutti ol ba'ii gara koo kottu, achi turi! Ani gabatoota dhagaa, seeraa fi abboommii sabni kun akka ittiin gorfamuuf, ani irratti caafee sitti nan kenna” jedhe.
[13] Kana irratti Museen, Iyaasuu gargaartuu isaa wajjin ka'ee, tulluu Waaqayyootti ol in ba'e.
[14] Inni jaarsolii sanaan,“Hamma nuyi deebinee gara keessan dhufnutti, asitti nu eegaa! Kunoo Aaronii fi Huur isin bira jiru, namni dubbiin isa argate immoo isaan biratti haa dhi'aatu!” jedhe ture.
[15] Museen tulluutti erga ol ba'ee booddee, duumessi tullicha in uffise.
[16] Ulfinni Waaqayyoo tulluu Siinaa irra in buufate, duumessis guyyaa ja'a tullicha in uffise; gaafa guyyaa torbaffaa Waaqayyo duumessa sana gidduudhaa Musee in waame.
[17] Yeroo kanatti ulfinni Waaqayyoo akka ibidda xaph godhutti, fiixee tuulu sanaa irraa saba Israa'el duratti in mul'ata ture.
[18] Museen tulluu sanatti ol ba'ee, duumessa sana gidduu lixee, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irra ture.