Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:38

[1] Waaqayyo yommus Museetti dubbatee,“Gara mootichaatti ol galiitii itti dubbadhu,“Dhaqanii anaaf akka hojjetanitti saba koo gad dhiisi!

[2] Ati isaan gad dhiisuu yoo didde immoo, kunoo ani guutummaa biyya keetti fattee naquudhaan dha'icha itti nan fida!

[3] Lagni Abbayyaa fatteedhaan in guuta, isaan lagicha keessaa ol ba'anii mana keetti, diinqa keetti, siree keetti, mana hojjetoota keetti, mana saba keetti, iddoo ibiddaa keetti, qodaa bukoo keettis in nam'u;

[4] fatteewwan kunis sitti, saba keetti, hojjetoota keettis ol in ba'u!” jedhiin!” jedhe.

[5] Waaqayyo ammas Museedhaan, “ ‘Harka kee isa ulee qabu lagoota irratti, yaa'ota irratti, bishaan ciisu irrattis ol fudhadhu, fatteen guutummaa biyya Gibxii irratti akka dhufu godhi!” jedhiitii Aaronitti himi!” jedhe.

[6] Aaronis bishaanota biyya Gibxii irratti harka isaa ol fudhatee, fatteewwanis ol yaa'anii lafa uffisan.

[7] Ayyaana hedduun warra Gibxii immoo ogummaa isaanii isa dhokataadhaan akkasuma godhanii, biyya Gibxii irratti fattee in fidan.

[8] Mootichi yommus Musee fi Aaroniin waamsisee,“Fattee kana ana irraa, saba koo irraas akka fuudhuuf Waaqayyoon kadhadhaa! Anis sabni kun dhaqee Waaqayyoof aarsaa akka dhi'eessuuf gad nan dhiisa” jedhe.

[9] Museen yommus deebisee mootichaan,“Fatteen si irraa, mana kee irraas balleeffamee laga Abbayyaa duwwaatti akka hafuuf, siif, hojjetoota keef, saba keefis yoom akkan kadhadhu ati akka sitti toletti anatti himi!” jedhe.

[10] Inni immoo deebisee,“Bor” jedhe; Museenis,“Kan akka Waaqayyo gooftaa keenyaa tokko illee akka hin jirre ati akka beektuuf, akkuma ati jettetti haa ta'u!

[11] Fatteen si irraa, manneetii kee irraa, hojjetoota kee irraa, saba kee irraas fuudhamee laga Abbayyaa duwwaatti in hafa” jedhe.

[12] Musee fi Aaron egaa mooticha biraa gad in ba'an; Museen waa'ee fattee isa inni mooticha irratti fide sanaaf gara Waaqayyootti in iyye.

[13] Waaqayyo akkuma Museen kadhate in godhe; fatteen manneen keessaa, oobdii keessaa, bakkee keessaas in duddu'an.

[14] Yommus namoonnis tuullaa tuullaatti walitti in qaban; kanaafis biyyichi in ajaa'e.

[15] Mootichi garuu amma akka hafuura fudhate yommuu arge, deebisee garaa isaa in jabeesse; akkuma Waaqayyo dubbatee ture, Musee fi Aaroniif hin dhageenye.

[16] Waaqayyo yommus Museedhaan,“Ati Aaronitti himi,“Guutummaa biyya Gibxiitti awwaarri injiraan akka ta'uuf, ulee kee ol fuudhiitii awwaaricha lafaa rukuti!” jedhiin!” jedhe;

[17] isaanis akkasuma godhan; Aaronis harka isaa isa ulee qabu ol fuudhee awwaara lafaa rukute; injiraanis namaa fi horiitti in nam'e; guutummaa biyya Gibxii keessattis awwaarri lafaa hundinuu injiraan ta'e.

[18] Egaa injiraan namaa fi horiitti nam'ee ture; warri ayyaana hedan immoo ogummaa isaanii isa dhokataadhaan injiraan fiduu in yaalan, garuu hin dandeenye.

[19] Warri ayyaana hedan sunis mootichaan,“Inni kun hojii harka Waaqayyoo ti” jedhan; mootichi garuu akkuma mata-jabeessa ta'etti in hafe; akkuma Waaqayyo dubbatee ture, Musee fi Aaroniif hin dhageenye.

[20] Waaqayyo ammas Museedhaan,“Kunoo mootichi gara laga bishaanii in dhaqa, ganama bariidhaan ka'ii isa duratti dhi'aadhuu, Waaqayyo,“Sabni koo dhaqanii anaaf akka hojjetanitti gad dhiisi!

[21] Ati saba koo yoo gad dhiisuu dhabaatte immoo, kunoo ani gurmuu qarxaasaa sitti, hojjetoota keetti, saba keetti, manneen keettis gad nan dhiisa; manneen warra Gibxii lafti isaan irra jiranis gurmuu qarxaasaatiin in guuta;

[22] biyyicha keessatti ani Waaqayyo akkan ta'e ati akka beektutti, gaafas Gooshen lafa sabni koo jiraatu keessatti immoo gurmuun qarxaasaa akka hin argamnetti isa addaan nan baasa.

[23] Ammas ani sabaa koo fi saba kee gidduutti garaagarummaa nan argisiisa; milikkinni kun bor in ta'a siin jedha” jedhiitii itti himi!” jedhe.

[24] Waaqayyo akkuma jedhe in godhe; gurmuun qarxaasaa baay'een mana mootichaa keessatti, manneen hojjetoota isaa keessatti, guutummaa biyya Gibxii keessattis in nam'e; biyyichi qarxaasaa sanaan in balleeffame.

[25] Kana booddee mootichi Musee fi Aaronin waamsisee,“Dhaqaatii asuma biyya kana keessatti Waaqayyo keessaniif aarsaa dhi'eessaa!” jedhe.

[26] Museen garuu deebisee,“Aarsaan nuyi Waaqayyo gooftaa keenyaaf dhi'eessinu, warra Gibxii biratti ciigaasisaa waan ta'uuf, kana gochuun kan ta'u miti; egaa nuyi aarsaa warra Gibxii biratti ciigaasisaa ta'ee ilaalamu, ija isaanii duratti yoo dhi'eessine, isaan immoo dhagaadhaan nu hin rukutanii ree”

[27] Nuyi karaa guyyaa sadii lafa onaa keessa adeemnee, akka inni nu abboomutti Waaqayyo gooftaa keenyaaf aarsaa in dhi'eessina” jedhe.

[28] Mootichi immoo,“Isin baay'ee fagaattanii hin adeeminaa malee, lafa onaa keessatti dhaqxanii Waaqayyo gooftaa keessaniif aarsaa akka dhi'eessitaniif gad isin nan dhiisa; isin anaaf kadhadhaa!” jedhe.

[29] Yommus Museen,“Kunoo ani, amma si biraa nan adeema, bor qarxaasichi si irraa, hojjetoota kee irraa, saba kee irraas akka ka'uuf Waaqayyoon nan kadhadha; ati garuu yaa mootii sabni kun dhaqee Waaqayyoof aarsaa akka dhi'eessuuf gad dhiisuu diduudhaan gowwoomsaa kee itti hin fufin!” jedhe.

[30] Museen mooticha biraa gad ba'ee, Waaqayyoon in kadhate;

[31] Waaqayyo immoo akkuma Museen kadhate in godhe; qarxaasaa sanas mooticha irraa, hojjetoota isaa irraa, saba isaa irraas in kaase; tokko illees hin hafne.

[32] Mootichi garuu alanas garaa isaa in jabeesse, saba sanas gad hin dhiifne.

Seera Ba'uu — Chapters