Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:57

[1] Kana booddee Waaqayyo Museedhaan,“Ati gara mootichaatti ol gali! Ani milikkitoota koo kana isaan gidduutti argisiisuudhaaf, garaa mootichaa fi garaa hojjetoota isaa jabeesseera;

[2] ati immoo warra Gibxii irratti waanan hojjedhe, milikkita ani isaan gidduutti argisiises dabarsitee ilma kee, ilma ilma kees dhageessisi; isin hundumti keessan ani Waaqayyo akkan ta'e akka beektaniif kana godheera” jedhe.

[3] Musee fi Aaron gara mootichaatti ol galanii,“Waaqayyo gooftichi inni kan Ibrootaa,“Ati hamma yoomiitti fuula koo duratti gad of deebisuu didda” Sabni koo anaaf akka hojjetaniif gad isaan dhiisi!

[4] Ati saba koo gad dhiisuu yoo didde immoo, ani bor biyya kee irratti hawaannisa nan fida;

[5] isaan namni tokko illee lafa arguu hamma dadhabutti biyyicha in uffisu; isaan isheedhuma cabbii irraa isiniif hafte iyyuu in nyaatu; mukkeetii warra bakkeetti isiniif biqilan hundumaas in nyaatu;

[6] isaan manneen mootummaa kee keessa, mana hojjetoota kee hundumaa, kan warra Gibxii hundumaa keessas in guutu; kunis abboonni kee, abboonni abboota kees erga lafa irratti argamanii jalqabanii hamma har'aatti kan hin argin in ta'a” siin jedha” jedhan; kana booddees Museen gara galee fuula mootichaa duraa ba'ee adeeme.

[7] Yommus hojjetoonni isaa mootichaan,“Namichi kun hamma yoomiitti rakkina guddaa hammasii nutti fida” Biyyi Gibxii balleeffamuutti akka jirtu ati amma iyyuu hin hubannee” Namoonni kun dhaqanii Waaqayyo gooftaa isaaniif akka hojjetanitti, gad isaan dhiisi!” jedhan.

[8] Kanaaf Museenii fi Aaron ammas mootichatti dhi'eeffaman; inni immoo isaaniin,“Dhaqaa, Waaqayyo keessan gooftichaaf hojjedhaa! Garuu warri dhaqan kun eenyufa'i?” jedhe.

[9] Yommus Museen deebisee,“Kun cidha isa Waaqayyoof ayyaaneffannu waan ta'eef, nuyi mucoolii keenyaa fi jaarsolii keenya, ilmaan keenyaa fi intaloota keenya, bushaayee keenyaa fi saawwan keenya fudhannee in dhaqna” jedhe.

[10] Mootichi immoo,“Ani isinii fi ijoollee keessan yommuun gad dhiisu, mee akkuma isin jettan Waaqayyo isinii wajjin haa ta'u! Kunoo, isin waan hamaa korachaa jirtu, mee of eeggadhaa!

[11] Kun hin ta'u! Isin kan barbaaddan isa waan ta'eef, amma warri dhiiraa duwwaan dhaqaatii Waaqayyoof hojjedhaa!” jedhe; kana irratti isaan fuula mootichaa duraa gad ari'aman.

[12] Yommus Waaqayyo Museedhaan,“Hawaannisni biyya Gibxii irratti dhufee, biqila lafaa biyyicha keessa jiru, isa cabbii irraa hafe hundumaa akka nyaatuuf, ati harka kee biyya Gibxii irratti ol fudhadhu!” jedhe.

[13] Kana irratti Museen ulee isaa biyya Gibxii irratti ol fudhate; Waaqayyo guyyaa sana guutuu, halkan sana guutuus qilleensa gara ba'a-biiftuu isa hamaa biyyichatti gad dhiise; yeroo bari'es qilleensichi hawaannisa itti fidee ture.

[14] Hawaannisichi guutummaa biyya Gibxiitti dhufee, gurmuun baay'een guutummaa biyyichaa irra in buufate; hawaannisni inni akkas baay'atu isa dura takkaa argamee hin beeku ture, isa booddees kan akkasii hin argamu.

[15] Inni hamma lafa dukkaneessutti, guutummaa biyyichaatti in uffise; inni biqiltuu biyya sana keessaa hundumaa, mukkeetii ija godhatan warra cabbii irraa hafan hundumaas in nyaate; guutummaa biyya Gibxii keessatti mukkeetii irratti, biqiltuu bakkeetti biqilu irrattis wanti lalisaan tokko illee hin hafne.

[16] Mootichi ariitiidhaan Musee fi Aaronin waamsisee,“Ani, Waaqayyo keessan goofticha, isinis yakkeera;

[17] kanaaf amma si'a tokkicha kana duwwaa dabaltanii yakka koo akka anaaf dhiiftaniif isin nan kadhadha; dha'icha ajjeesu kana duwwaas ana irraa akka fageessuuf Waaqayyo keessan goofticha anaaf kadhadhaa!” jedhe.

[18] Museen achumaan mooticha biraa gad ba'ee Waaqayyoon in kadhate;

[19] Waaqayyo immoo qilleensa gara lixa-biiftuu isa baay'ee jabaa itti gara galche; qilleensichis hawaannisa sana ol fuudhee galaana diimaa keessatti naqe; guutummaa biyya Gibxii keessatti hawaannisni tokkittiin illee hin hafne.

[20] Waaqayyo garuu mooticha garaa waan jabeesseef, inni Israa'eloota gad hin dhiifne.

[21] Waaqayyo yommus Museedhaan,“Dukkanni biyya Gibxii irratti akka bu'utti, dukkanicha keessas namni akka qaqqabatutti, ati harka kee gara waaqaatti ol qabi!” jedhe.

[22] Kana irratti Museen harka isaa gara waaqaatti ol qabe, guyyaa sadii guutuu dukkanni quba hin keessifne guutummaa biyya Gibxii irra ture.

[23] Namoonni walii isaanii hin argine, namni tokko illee guyyaa sadan sana iddoo isaatii hin kaane; lafti Israa'eloonni hundinuu jiran garuu ifa ture.

[24] Mootichi ergasii Musee waamsisee,“Isin dhaqaa Waaqayyoof hojjedhaa! Maatiin keessanis isinii wajjin haa dhaqan! Garuu bushaayeen keessanii fi saawwan keessan asumatti haa hafan!” jedheen.

[25] Museen immoo,“Qalma gubatu, aarsaa isa Waaqayyo gooftaa keenyaaf dhi'eessinu ati nuuf kenni kaa!

[26] Horiin keenyas immoo nuu wajjin in dhaqu; kotteen tokko illee hin hafu; Waaqayyo gooftaa keenyaaf kan dhi'eessinu isaan keessaa in fudhanna; hamma achi geenyutti immoo yeroo Waaqayyoof hojjennu nuyi wanta isaaf dhi'eessinu hin beeknu” jedhe.

[27] Waaqayyo immoo mooticha garaa waan jabeesseef, inni saba sana gad dhiisuu hin barbaanne.

[28] Mootichi ergasii Museedhaan,“Ana irraa adeemi! Fuula koo dura deebitee yoo dhufte in duuta, kanaaf lammaffaa deebitee fuula koo dura akka hin dhufne, of eeggadhu!” jedhe.

[29] Museen deebisee,“Akkuma ati jette iyyuu, ani deebi'ee fuula kee dura hin dhufu!” jedheen.

Seera Ba'uu — Chapters