[1] Bara sana namichi sanyii Lewwii tokko dhaqee, sanyii isaa keessaa intala tokko fuudhe;
[2] dubartittiinis ulfooftee ilma in deesse; mucichi bareedaa ta'uu isaa yommuu argite ji'a sadiif isa in dhoksite.
[3] Yeroo dhoksuu dadhabdetti immoo waan akka bidiruu xinnoo dhallaadduu irraa hojjetame tokko fuutee, leeleedhaa fi hapheedhaan maragdee, mucicha isa keessa ciibsitee, qarqara laga Abbayyaa jajjaba keessa keesse;
[4] obboleettiin isaa immoo wanta mucichi ta'u ilaaluudhaaf irraa fagaattee in dhaabatti turte.
[5] Yommus intalli mootichaa immoo laga Abbayyaatti dhiqachuudhaaf dhufte; durboonni isheedhaaf ergaman immoo qarqara lagichaa in adeemu turan; isheen jajjaba keessatti wanta akka bidiruu sana argitee, xomboreen ishee akka itti fiduuf in ergite.
[6] Wanta fichisiifte sana yommuu bante mucicha argite; mucichi in boo'a waan tureef, garaan ishee jibbee,“Kun ijoollee Ibrootaa keessaa tokko” jette.
[7] Kana booddee obboleettiin isaa dhuftee intala mootichaatiin,“Hoosiftee akka siif guddiftuuf dhaqee dubartoota Ibrootaa keessaa tokko siif waamuu?” jette.
[8] Intalli mootichaa immoo deebiftee“Dhaqi!” jetteen; akkasitti intalattiin dhaqxee haadha mucichaa waamtee in fidde.
[9] Intalli mootichaa,“Mucaa kana fuudhii hoosisii anaaf guddisi! Ani immoo gatii dadhabbii kee siifan baasa!” jetteen; dubartittiinis mucicha fuutee hoosiftee in guddifte.
[10] Mucichi erga guddatee, isheen gara intala mootichaatti isa fidde; inni isheedhaaf ilma ta'e; isheen immoo,“Ani bishaan keessaa isa baaseera!” jettee, maqaa isaa Museetti moggaafte.
[11] Museen nama ga'aa erga ta'ee, gaaf tokko gara sanyii isaatti gad ba'ee hojii isa ba'aa ulfaataa isaanitti ta'e sana in ilaale; namni Gibxii tokko Ibroota sanyii isaa keessaa isa tokko utuu rukutuu arge.
[12] Inni asii fi achi ilaalee nama biraa tokko illee yeroo dhabetti, namicha Gibxii sana ajjeesee reeffa isaa cirracha jala dhokse.
[13] Guyyaa itti aanuttis yeroo gad ba'e, Ibroonni lama utuu wal lolanii arge; inni namicha isa balleesseen,“Ati maaliif Ibricha akkaa keetti rukutta?” jedhe.
[14] Namichi immoo deebisee,“Ati eegduudhaa fi abbaa firdii akka taatuuf eenyutu nu irra si kaa'e” Yookiis akkuma namicha Gibxii sana ajjeefte anas ajjeesuu yaaddee?” jedhe; yommus Museen in sodaate; itti yaadees,“Dubbichi beekamuun isaa dhuguma!” jedhe.
[15] Mootichi yommuu waa'ee isaa dhaga'e immoo Musee ajjeesuu barbaade; Museen garuu isa jalaa gara biyya Miidiyaanitti baqate; achi yommuu ga'e boolla bishaanii tokko bukkee in taa'e.
[16] Lubni Miidiyaan tokko ijoollee durbaa torba qaba ture; isaan gara boolla bishaanichaa dhufanii, bushaayee abbaa isaanii obaasuudhaaf bishaan buduqsanii bidiruutti guutan.
[17] Tiksoonni biraa immoo dhufanii irraa isaan in ari'atan; Museen garuu achii ka'ee durboota sana gargaaree bushaayee isaanii in obaaseef.
[18] Durboonni kun gara abbaa isaanii Reu'ela isa Yetroo jedhamu, yommuu dhufan, inni immoo,“Har'a maalittuu akkas daftanii deebitan?” jedhe.
[19] Isaan immoo,“Nama Gibxii tokkotu tiksoota nu irraa dhowwe, bishaan iyyuu nuuf buduqsee bushaayee nuuf obaase” jedhan.
[20] Inni immoo durboota isaatiin,“Amma namichi eessa jira ree” Maaliif isa dhiiftanii dhuftan” Waamaa buddeena haa nyaatu!” jedhe.
[21] Akkasitti Museen namicha bira jiraachuu in jaallate; namichis intala isaa Siiforaa Museef in kenne.
[22] Isheen ilma deesse; Museen immoo,“Ani biyya ormaatti galaa ta'eera” jedhe, maqaa isaa Gershoomitti moggaase [“Gershoom” jechuun “Galaa” jechuu dha].
[23] Bara baay'ee booddee mootiin biyya Gibxii in du'e; namoonni Israa'el immoo garbummaa isaanii keessatti aadanii gargaarsaaf in iyyatan; inni isaan garbummaa keessaa iyyatanis gara Waaqayyootti ol ba'e.
[24] Waaqayyo yommus aadnaa isaanii dhaga'ee, kakuu Abrahaamii fi Yisihaqiif, Yaaqoobiifis kakate in yaadate;
[25] Waaqayyo akka Israa'eloonni itti jiran beekee, isaan in ilaale.