[1] “Ati godicha bullukkoo arraba kudhan irraa hojjedhu; isaan boffee quncee talbaa gaarii bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa walitti fo'amanii dha'amanii, bifni Kiruubel hojii harka-toleessaatiin isaan keessatti kan hojjetame haa ta'an!
[2] Bullukkoon kunis tokkon tokkon isaa dheerinni isaa dhundhuma digdamii saddeet, bal'inni isaa dhundhuma afur, bullukkoon hundinuu immoo safarri isaanii tokko haa ta'u!
[3] Bullukkoon shan akka baal'ee tokkootti, warri hafan shanan immoo akka baal'ee tokkootti walitti haa qabsiifaman!
[4] Gurroo bifa waaqaa qabus bullukkoo akka baal'ee tokkootti walitti qabsiifame isa duraa keessaa andaara arraba isa moggaatti hojjedhu! Akkasumas bullukkoo akka baal'ee tokkootti walitti qabsiifame isa lammaffaa keessaa andaara arraba isa moggaatti gurroo in hojjetta;
[5] andaara baal'ee bullukkoo isa duraatti gurroowwan shantama, andaara bullukkoo akka baal'ee tokkootti walitti qabsiifame isa lammaffaa gara moggaattis gurroowwan shantama in hojjetta; gurroowwan sun moggaa gamaa gamanaatiin akka wal fudhatan haa ta'an!
[6] Hokkoo warqee shantama hojjedhu! Walumatti godoo tokko fayyaa akka ta'utti hokkoowwan sanaan baal'ee bullukkoo lamaan walitti qabsiisi!
[7] “Akkasumas bullukkoo rifeensa re'ootaa irraa hojjetame kudha tokkon sanaan godoo isa duraa sana irratti dunkaana hojjedhu!
[8] Bullukkoon kun tokkon tokkon isaa dheerinni isaa dhundhuma soddoma, bal'inni isaa dhundhuma afur; bullukkoon kudha tokkonuu safarri isaanii tokko haa ta'u!
[9] Bullukkoo shan kophaatti akka baal'ee tokkootti, warra hafan ja'an immoo kophaatti akka baal'ee tokkootti walitti in qaqabsiifta! Arraba isa ja'affaa sana immoo balbala godichaa duraan wal irra dabarsi!
[10] Andaara bullukkoo akka baal'ee tokkootti walitti qabsiifame isa duraatti gurroowwan shantama, andaara bullukkoo akka baal'ee tokkootti walitti qabsiifame isa lammaffaattis gurroowwan shantama in hojjetta.
[11] Hokkoo sibiila borrajjii shantama hojjedhuutii, hokkoowwan sana gurroowwan sana keessa galchi! Walumatti dunkaana tokko akka ta'utti baal'ee bullukkoo sana lamaan walitti qabsiisi!
[12] Bullukkoowwan dunkaanichaa irraa inni hafu immoo walakkaan arraba bullukkoo dugda duuba godoo sanaatiin gad haa rarra'u!
[13] Bullukkoo dunkaanaatti, dhundhumni tokko gara tokkoon, dhundhumni tokko immoo gara kaaniin irraa hafee, cinaacha godoo sanaa irra akka uffisaatti garasii fi garanaan gad haa rarra'u!
[14] Godoo sanaaf irra-buusa gogaa korbeessa hoolaa isa duugamee diimeffame irraa, irra-buusa lammaffaas gogaa hoolaa bishaanii irraa hojjedhuuf!
[15] “Godoo sana ol qajeelchuudhaaf tuggeewwan babattee muka laaftoo irraa hojjedhuuf.
[16] Tuggeen batteen tokko dheerinni isaa dhundhuma kudhan, bal'inni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa ta'u!
[17] Tuggeen batteen kun adduma addaan isa kaanii wajjin wal keessa galuuf akka ta'utti fiixee isaa irratti mucha haa qabaatu! Kana tuggeewwan godoo sanaa hundumaaf in goota.
[18] Tuggeewwan kana yeroo hojjettu immoo, cinaacha godoo sanaa isa gara mirgaaf tuggee digdama tolchi!
[19] Tuggee digdamman sanaaf miiloo meetii irraa hojjetame afurtama tolchi! Akkasitti tuggeen tokko muchi isaa lamaan kan keessa lixu miiloo uraa qabu lama lama jala isaatti in qabaata.
[20] Cinaacha godoo sanaa isa lammaffaa, isa gara bitaaf immoo tuggee babattee digdama in hojjetta.
[21] Akkasumas tokkon tokkon tuggee jalatti miiloo lama lama, walitti miiloo meetii irraa hojjetame afurtama in goota.
[22] Cinaacha godoo sanaa isa gara dugda duubaa, isa gara lixa-biiftuuf immoo tuggee babattee ja'a hojjedhu!
[23] Golee godichaa warra gara dugda duubaaf tuggee babattee lama hojjedhu!
[24] Isaan hundee isaatii jalqabanii hamma bantiitti wal irra darbanii amartii isa gara olii irratti walitti haa qabsiifaman! Kan lachuu isaanii akkasuma in ta'a, isaan golee lamaan in argisiisu.
[25] Akkasitti tuggeen babatteen saddeet miiloo jalaa warra meetii irraa hojjetaman kudha ja'anii wajjin achitti in argamu; tuggeen tokko miiloo lama lama jala isaatti in qabaata.
[26] “Dagaleewwan muka laaftoo irraa hojjedhu! Isaan tuggeewwan cinaacha godichaa gar tokkoof dagalee shan haa ta'an!
[27] Tuggeewwan cinaacha godichaa isa gara kaaniifis dagaleen shan, tuggeewwan cinaacha dunkaanichaa isa dugda duubaa, gara lixa-biiftuuttiifis dagaleen shan haa ta'an!
[28] Dagaleen inni gidduu walakkaa tuggeewwan sanaa irra gara tokkoo hamma gara kaaniitti in fulla'a.
[29] Tuggeewwan sanatti warqee uffisi, amartiiwwan isaanii warra dagaleewwan keessa galanis warqeedhaan hojjedhu! Dagaleewwan sanatti warqee uffisi!
[30] Godoo sanas akka seera isa tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti in dhaabda.
[31] “Golgaa isa boffee bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaadhaa fi quncee talbaa gaarii isa walitti fo'ameen dha'ame irraa in hojjetta; innis bifni Kiruubel hojii harka-toleessaatiin kan keessatti hojjetame in ta'a.
[32] Golgaa kana utuboota afuritti in dirta; utuboonni kun muka laaftoo irraa hojjetamanii, warqeen itti uffifamee, mismaarri warqee itti rukutamee, miiloo meetii irraa hojjetaman afur irras kan dhaabatan haa ta'an!
[33] Ati golgaa sana hokkoowwan jalaan in dirta, sanduuqa kakuu sana immoo gara golgaa kana keessatti in fidda; golgaan sun immoo iddoo isa qulqullaa'aadhaa fi isa hundumaa irra qulqullaa'aa gidduutti gargar isiniif in hira.
[34] “Teessoo araaraa immoo iddoo hundumaa caalaa qulqullaa'aa sana keessa sanduuqa kakuu irra in keessa.
[35] Gabatee, golgaa kana duuba in keessa; baattuu ibsaa immoo cinaacha godichaa gara mirgaatiin, fuullee gabatee isa gara bitaatiin keessu sanaa kaa'i!
[36] Golgaa boffee bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaadhaa fi quncee talbaa gaarii walitti fo'ameen dha'amee, hoddhaadhaan miidhagfame irraa balbala godichaaf in hojjetta.
[37] Golgaa isa kanaaf immoo utuboota muka laaftoo warqeen itti uffifamee mismaarri warqee itti rukutame shan in dhaabda; sibiila borrajjii baqsitee miiloo shan in tolchitaaf!