[1] Waaqayyo yommus Museedhaan,
[2] “Godoo dunkaana itti wal ga'anii sana ji'a duraa keessaa guyyaa duraatti dhaabi!
[3] Sanduuqa dhuga-baatuus isa keessa kaa'i, sanduuqichatti immoo golgaa tolchi!
[4] Gabatee ol galchii mi'a isaa tottolchi, baattuu ibsaas ol galchii ibsaa irra dhaabi!
[5] Iddoo aarsaa warqee irraa hojjetame isa ixaana irratti aarsan sanduuqa dhuga-baatuu sana dura dhaabi! Balbala godichaattis golgaa kaa'i!
[6] Iddoo aarsaa isa qalmi gubatu irratti aarfamus balbala godoo dunkaanicha itti wal ga'an sanaa dura dhaabi!
[7] Dunkaana itti wal ga'anii fi iddoo aarsaa sana gidduu waciitii dhiqannaa dhaabi, waciitichatti bishaan naqi!
[8] Oobdii itti naannessii tolchi, karra oobdichaatti golgaa kaa'i!
[9] Dhadhaa dibataas fuudhii godicha sanaa fi wanta isa keessa jiru hundumaa dibi, isaa fi wanta isa keessa jiru hundumaa qulqulleessi! Innis qulqullaa'aa in ta'a.
[10] Iddoo aarsaa isa qalmi gubamu irratti aarfamuu fi mi'a isaa hundumaa dibi, iddoo aarsichaas qulqulleessi! Innis hundumaa irra qulqullaa'aa in ta'a.
[11] Waciitichaa fi jaliitii isaa dibii qulqulleessi!
[12] Aaronii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana itti wal ga'an sanaatti fidii bishaaniin isaan dhiqi!
[13] Aaron luba ta'ee anaaf akka hojjetuuf uffata qulqullaa'aa itti uffisiitii, dibii isa qulqulleessi!
[14] Ilmaan isaas as fidii kittaa itti uffisi!
[15] Luba ta'anii anaaf akka hojjetaniif, abbaa isaanii akkuma dibde isaanis dibi! Dibamuun isaanii kun dhaloota dhufu hundumaa keessatti lubummaa bara baraa ta'ee in jiraata” jedhe.
[16] Museen yommus wanta Waaqayyo isa abboome hundumaa akkuma sanatti in hojjete.
[17] Godichis waggaa lammaffaa keessaa ji'a tokkoffaatti ji'icha keessaa guyyaa tokkoffaatti in dhaabate;
[18] Museen godicha yommuu dhaabe, miiloowwan isaa itti kaa'ee, tuggeewwan isaa dhadhaabee, dagalees keessa loosee, utuboota isaas in dhaabe.
[19] Ergasii godoo sana irratti dunkaana diriirsee, dunkaana sana akka Waaqayyo abboometti godichatti in uffise;
[20] dhuga-baatuu sanas fuudhee, sanduuqa kakuu keessa kaa'e; danqaraas sanduuqichatti hidhee, teessoo araaraas sanduuqicha irra kaa'e.
[21] Sanduuqichas godichatti ol galchee, akka Waaqayyo isa abboometti sanduuqa dhuga-baatuutti golgaa tolche.
[22] Museen gabaticha karaa gara bitaa godoo sanaatiin golgaa duubaan dunkaana itti wal ga'an sana keessa dhaabe;
[23] achi irras akka Waaqayyo isa abboometti fuula Waaqayyoo dura buddeena naqe.
[24] Baattuu ibsaas fuullee gabatichaatiin karaa gara mirgaa godoo sanaa dunkaana itti wal ga'an keessa kaa'e;
[25] ibsaas akka Waaqayyo isa abboometti Waaqayyo dura baatticha irra in dhaabe.
[26] Ergasii Museen iddoo aarsaa warqee irraa hojjetame sana golgicha fuul duraan dunkaana itti wal ga'an keessa dhaabe;
[27] isa irrattis akka Waaqayyo isa abboometti ixaana fooliin isaa urgaa'u aarsaa dhi'eesse.
[28] Kana booddee balbala godichaatti golgaa kaa'e;
[29] iddoo aarsaa isa qalmi gubamu irratti aarfamu balbala godoo sanaa dura dunkaana itti wal ga'an keessa dhaabee, akka Waaqayyo abboomettis achi irratti qalma gubamuu fi kennaa midhaanii in dhi'eesse.
[30] Waciitiis dunkaana itti wal ga'anii fi iddoo aarsaa sana gidduu dhaabee, akka ittiin dhiqataniif bishaan itti naqe.
[31] Musee fi Aaron, ilmaan isaaniis harka isaanii fi miilla isaanii ittiin in dhiqatu turan.
[32] Yeroo gara dunkaana itti wal ga'anii dhaqan hundumaa yookiis yeroo iddoo aarsaatti dhi'aatan hundumaa Waaqayyo akka Musee abboometti in dhiqatu turan.
[33] Museen godichaa fi iddoo aarsaa sanatti naannessee oobdii tolchee, karra oobdichaattis golgaa in kaa'e; akkanatti Museen hojicha in raawwate.
[34] Duumessis dunkaana itti wal ga'anitti uffise, ulfinni Waaqayyoo godicha keessa guute;
[35] Museen immoo duumessi godicha irra waan tureef, ulfinni Waaqayyoo godoo sana keessa waan guuteef, dunkaana itti wal ga'an sana keessa lixuu hin dandeenye.
[36] Namoonni Israa'el hamma adeemaa turan kana hundumaatti yommuu duumessichi godoo sana irraa ka'u isaanis ka'anii in adeemu turan.
[37] Yommuu duumessichi irraa ka'uu dhiisu immoo hamma gaafa duumessichi irraa ka'utti isaanis achii hin ka'an.
[38] Duumessi Waaqayyoos guyyaa guyyaa dunkaanicha irra in buufata ture, ibiddi immoo halkan halkan duumessicha irra ture; namoonni Israa'elis yeroo karaa adeemaa turan hundumaatti kana in argu turan.