[1] Kana booddee Museenii fi Aaron mooticha bira dhaqanii,“Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el,“Sabni koo lafa onaatti ayyaana anaaf haa ayyaaneffatanii, gad isaan dhiisi!” jedhe” jedhan.
[2] Mootichi immoo deebisee,“Waaqayyo inni ani sagalee isaa dhaga'ee namoota Israa'el gad dhiisu kun eenyu inni” Ani Waaqayyoon hin beeku, namoota Israa'elis immoo gad hin dhiisu” jedhe.
[3] Ammas Museenii fi Aaron,“Waaqayyo inni kan warra Ibrootaa nutti mul'ateera; egaa karaa guyyaa sadii lafa onaa keessa adeemnee, Waaqayyo keenya gooftichaaf aarsaa in dhi'eessina! Nuyi kana yoo gochuu dhabaanne, inni dha'icha yookiis waraana nutti in fida” jedhan.
[4] Mootiin warra Gibxii garuu Musee fi Aaroniin,“Isin jara kana maaliif hojii dhowwitu” Dhaqaa ba'aa keessan baadhaa!” jedhe.
[5] Mootichi itti fufee,“Jarri kun amma iyyuu warra biyya kanaa caalaa baay'ataniiru; isin immoo akka isaan hojii dhiisanii boqotan in barbaaddu!” jedhe.
[6] Mootichi gaafasuma warra humnaan isaan hojjechiisan, warra hojii geggeessanis yommuu abboome,
[7] “Cidii isa hojii xuuphiitiif hamma ammaatti jara kanaaf kennaa turtan, isaan ofii isaaniitii dhaqanii haa barbaaddatan malee, si'achi isin hin kenninaaf!
[8] Lakkoobsa xuuphii isaan hojjetaniis irraa hin cabsinaa, hammuma dur itti murame akka fidan godhaa! Jara kanatti hojiitu xinnaate, kanaaf“Dhaqnee Waaqayyo keenyaaf aarsaa dhi'eessina” jedhanii anatti iyyu.
[9] Isaan dubbii waa'ee hin baafne dhaggeeffachuu dhiisanii, hojii isaaniitti akka qabamaniif, hojiin ulfaataan isaan irra haa kaa'amu!” jedhe.
[10] Warri humnaan isaan hojjechiisanii fi warri hojii geggeessan achii ba'anii saba sanaan,“Mootiin,“Si'achi ani cidii isiniif hin kennu,
[11] isin ofii keessanii dhaqaatii lafa argitanii cidii barbaaddadhaa; garuu hojii keessan durii irraa wanti tokko illee hin hir'atin” jedhe” jedhan!
[12] Jarris akka cidiitti xuuphii ittiin hojjechuudhaaf, iddoo midhaan irraa haamame qarmii walitti qabachuudhaaf, guutummaa biyya Gibxii keessa in tamsa'an.
[13] Warri humnaan isaan hojjechiisan immoo,“Isa dur yeroo cidii argattan guyyaa guyyaatti hojjettan, ammas immoo hammuma sana guyyaa guyyaatti hojjedhaa!” jedhanii isaan in jarjarsu turan.
[14] Warri mootichaaf humnaan isaan hojjechiisan immoo, saba Israa'el keessaa warra ofii isaaniitii hojii geggeessuu irra kaa'an sana reebanii,“Har'aa fi kaleessa immoo maaliif lakkoobsa xuuphii isa dur hojjettan irraa hir'iftan?” jedhanii gaafatan.
[15] Warri saba Israa'el keessaa hojii geggeessuu irra kaa'aman gara mootichaa dhaqanii iyyatanii,“Maaliif nuun hojjetoota kee akkas goota”
[16] Nuyi hojjetoota keef cidiin hin kennamne, garuu xuuphii hojjedhaa nuun jedhu; kanuma irratti iyyuu kunoo hojjetoonni kee in reebamu, garuu balleessaan immoo kan namoota keetii ti” jedhan.
[17] Mootichi immoo,“Isin dhibaa'oo dha, hojii hin hojjettan! Kanaaf“Dhaqnee Waaqayyoof aarsaa dhi'eessina” jettu;
[18] amma lafa hojii keessaniitti deebi'aa hojjedhaa! Hamma isinitti murame in dhi'eessitu, garuu cidiin isiniif hin kennamu!” jedhe.
[19] Saba Israa'el keessaa warri hojii geggeessuu irra kaa'aman, lakkoobsi xuuphii isaan guyyaa guyyaatti hojjetan akka hin hir'anne yommuu isaanitti himametti, wanta hamaa keessa akka bu'an in argan.
[20] Warri hojii geggeessan sun mooticha biraa ka'anii, Museedhaa fi Aaron warra isaan eegaa turanitti ba'an;
[21] Museedhaa fi Aaroniin immoo,“Fooliin keenya mootichaa fi hojjetoota isaa biratti akka xiraa'u gootanii, billaa isaan ittiin nu ajjeesanis harka isaaniitti akka kennitanitti waan lakkaa'amuuf, Waaqayyo isinitti haa ilaalu! Isinitti haa faradus!” jedhan.
[22] Museen immoo deebi'ee Waaqayyoon,“Yaa gooftaa, maaliif saba kanatti wanta hamaa fidde” Egaa maaliif ana ergite ree”
[23] Erga ani mooticha bira dhufee maqaa keetiin isatti dubbachuu jalqabee, inni wanta hamaa saba kana irraan ga'eera, ati immoo saba kee kana oolchuudhaaf waan tokko illee hin goone” jedhe.