[1] Yommus Museen, Israa'eloonnis, Waaqayyoon jajatanii in faarfatan; “Waaqayyo mo'uu isaatiin guddaa ol jedhaa dha! Kanaaf ani isa nan faarfadha; inni fardeen, abboota fardeeniis galaana keessa buuseera.
[2] Waaqayyo humna koo isa ani faarfadhuu dha, inni fayyina koo anaaf ta'eera; inni Waaqayyo koo ti, ani isa nan jajadha; Waaqayyo isa kan abbaa kootii ti, ani isa ol ol nan qaba.
[3] Waaqayyo goota beekamaa dha, maqaan isaa Waaqayyoo dha.
[4] Inni konkolaattotaa fi loltoota mootii Gibxii, galaanichatti gad naqe; ajajjuun duulaa isaa warri fo'amoonis galaana diimaa keessatti akka liqimfaman godhe.
[5] Galaanni gad fagoon isaan irra gara gale, akkuma dhagaatti tuujjuba keessa gad bu'an.
[6] “Yaa Waaqayyo, harki kee mirgaa aangoo guddaa qaba, yaa Waaqayyo, harki kee mirgaa diinota in hurreessa;
[7] guddina surraa keetiin warra siin morman gad in darbatta, ati dheekkamsa kee isa boba'aa in ergita, innis akkuma cidiitti gubee isaan in fixa;
[8] qilleensa dheekkamsa keetiitiin, bishaanonni in tuulaman; bishaanonni yaa'anis akkuma keenyaniitti ol ka'anii dhaabatan, tuujjubnis manii galaanaa keessatti qorree hafe.
[9] “Diinni,“Ani isaan nan ari'a, isaan nan qaqqaba, boojuu nan hira, isa ani gojoma'ee tures isaan irratti nan raawwadha, billaa koo nan luqqifadha, harki koos isaan in balleessa” jedhe.
[10] Ati qilleensa kee itti gad dhiifnaan, galaanni isaan irra gara gale, akkuma dilaliitti bishaanota humna-qabeeyyii keessatti in liqimfaman.
[11] Waaqayyolii keessaa kan akka kee eenyu” Yaa Waaqayyo, kan akka kee surraa qulqullummaa qabu eenyu” Kan akka kee hojii guddaa fi sodaachisaa hojjetu, wanta dinqisiisaas godhu eenyu”
[12] Ati harka kee mirgaa yommuu diriirsite, biyyoon diina in nyaate.
[13] “Ati warra isaan furte gaarummaa keetiin geggeessitee, aangoo keetiinis iddoo jireenya kee isa qulqullaa'aatti isaan geessite;
[14] sabni hundinuu dhaga'anii in hollatan; warri biyya Filiisxiyaa jiraatanis in rom'an;
[15] geggeessitoonni warra Edoom baay'ee na'an, jajjaboonni warra Mo'aab baay'ee rom'an, warri Kana'aanis bishaanuma ta'an.
[16] Sodaa guddaan, naasuunis isaan irratti lafa dha'e, yaa Waaqayyo, sabni kee hamma darbutti, sabni ati kan kee godhatte hamma darbutti, isaan guddina irree keetiin akkuma dhagaa ta'anii calluma jedhan.
[17] Yaa Waaqayyo, ati saba kee, gara isa iddoo jireenya kee godhatteetti in fidda; yaa gooftaa, gara iddoo qulqullaa'aa, isa harki kee tolcheetti ol isaan in baafta, tulluu isa kan kee godhatte irras isaan in dhaabda.
[18] Waaqayyo yeroo hundumaa, baruma baraanis in mo'a” jedhan.
[19] Israa'eloonni galaanicha keessa lafa gogaa irra adeemanii in ce'an; fardeen mootichaa, konkolaattonni isaa, abboonni fardeenii isaas yeroo galaanicha gidduu lixan, Waaqayyo immoo bishaan galaanichaa deebisee isaan irra gara galche.
[20] Miiryaam raajittiin obboleettiin Aaron dibbee fudhattee baate; dubartoonni hundinuus dibbee rukutaa, sirbaas ishee duukaa in ba'an.
[21] Yommus Miiryaam, “Waaqayyoon faarfadhaa! Inni dhugumaan mo'eera; inni farda, abbaa fardaas galaana keessa buuseera” jettee isaaniif jalqabde.
[22] Kana booddee Museen namoota Israa'el galaana diimaa biraa in kaase; isaan Shuur lafa onaa keessa lixanii, lafa onaa sana keessa guyyaa sadii yeroo adeeman, bishaan hin arganne.
[23] Isaan iddoo “Maaraa” jedhamu tokko yommuu ga'an, bishaan Maaraa hadhaa'aa waan tureef, dhuguu hin dandeenye; kana irratti maqaan iddoo sanaa “Maaraa” jedhamee moggaafame; [“Maaraa” jechuun “Hadhaa'aa” jechuu dha].
[24] Kana irratti jarri,“Egaa maal dhugna?” jedhanii Musee irratti in guunguman.
[25] Yommus Museen gara Waaqayyootti in iyye; Waaqayyo immoo muka tokko isatti in argisiise; inni mukicha bishaanicha keessa in buuse bishaanichis in miyaa'e. Waaqayyo achitti seerrata, abboommiis isaaniif dhaabe; achumattis qoree isaan ilaale,
[26] “Sagalee ana Waaqayyo gooftaa kee isa sitti dubbatu dhugumaan yoo dhaggeeffatte, wanta ana duratti qajeelaa ta'e yoo goote, abboommii koo yoo dhageesse, seerrata koo hundumaas yoo eegde, dhukkuba ani warra Gibxiitti fide hundumaa keessaa tokko illee sitti hin fidu; ani Waaqayyo fayyisaa kee ti” jedhe.
[27] Yommus isaan Eliim iddoo burqituun bishaanii kudha lamaa fi mukkeetiin mexxii torbaatamni jiran dhufanii, achi bishaan bira in buufatan.