Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:19

[1] Jarri akka ittiin geggeeffamaniif seerri ati isaaniif kennitu warra kanatti fufanii jiranii dha;

[2] “Sanyii warra Ibrootaa keessaa nama tokko akka garbaatti yoo bitatte, waggaa ja'a siif haa hojjetu! Waggaa torbaffaatti garuu utuu waa hin baasin akkasumatti birmadummaa haa argatu!

[3] Inni kophaa isaa dhufe yoo ta'e, kophaa isaa si biraa haa adeemu! Fuudheera yoo ta'e garuu haati manaa isaa isaa wajjin haa adeemtu!

[4] Gooftaan isaa yoo niitii isa fuusise, isheen, ilmaan yookiis intaloota yoo deesseef, isheen, ijoolleen ishees kan gooftaa isheetii haa ta'an! Inni garuu kophaa isaa ba'ee haa adeemu!

[5] Garbichichi garuu,“Ani gooftaa koo, haadha manaa koo, ijoollee koos nan jaalladha, birmadummaa argachuus matumaa hin barbaadu” yoo jedhe,

[6] gooftaan isaa gara Waaqayyootti isa haa dhi'eessu! Gara balbalaatti yookiis michichilaatti geessee mutaadhaan gurra isaa haa uru! Kana booddee guutummaa bara jireenya isaatti garbicha isaaf haa ta'u!

[7] “Namni tokko intala isaa akka garbittiitti yoo gurgure, garbichi tokko akka birmadummaa argatu, isheen birmadummaa hin argattu.

[8] Gooftaan ishee ishee fuudhuu yaadee, yoo isheen isatti toluu didde immoo akka isheen furamtu haa godhu malee, erga ishee gowwoomsee nama ormaatti dabarsee ishee hin gurgurin!

[9] Ilma isaatiif yoo ishee yaade immoo, akka seera durbootaaf ta'utti isheedhaaf haa raawwatu!

[10] Ishee irratti kan biraa yoo fuudhe immoo haadha manaa isaa ishee duraatti nyaata, uffata, wanta haadha manaatiif ta'us hin hir'isn!

[11] Wanta kana sadan isheedhaaf hin godhu yoo ta'e, horiin utuu itti hin baafamin akkasumatti baatee haa adeemtu!

[12] “Namni nama rukutee ajjeesu, innis immoo haa ajjeefamu!

[13] Inni riphee utuu hin eeggatin Waaqayyotu harka isaa keessa buuse yoo ta'e garuu, iddoo inni itti baqatee oolu sin argisiisa.

[14] Namni tokko garuu aaree beekaa nama yoo ajjeese, innis akka ajjeefamutti iddoo aarsaa kootii isa baasi!

[15] Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa rukutu haa ajjeefamu!

[16] Namni nama hatee yoo gurgure yookiis inni hatame isa harkatti yoo argame haa ajjeefamu!

[17] Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa abaaru haa ajjeefamu!

[18] “Namoonni wal lolanii inni tokko isa kaan dhagaadhaan yookiis abootteedhaan yommuu rukutu, inni rukutame du'a oolee miidhamee yoo ciise,

[19] booddee garuu ka'ee dhaabataan bakkee keessa asii fi achi yoo adeeme, inni isa rukute gumaadhaaf hin gaafatamu; yeroo isaa waan duraa balleesseef garuu gatii haa baasu, hamma inni raawwatee fayyuttis haa wal'aanu!

[20] Namni garbicha isaa yookiis garbittii isaa uleedhaan rukutee ajjeese gumaadhaaf in gaafatama.

[21] Inni rukutame guyyaa tokko yookiis lama yoo jiraate garuu, horii isaa waan ta'eef inni rukute gumaadhaaf hin gaafatamu.

[22] Namoonni utuu wal lolanii dubartii dadhabbii qabdutti bu'anii ulfa yoo ishee irraa baasan, yoo isheen du'a oolte iyyuu, namichi ishee miidhe sun gatii haa baasu! Namichi hamma abbaan manaa ishee isatti muru abboonni firdii erga ilaalanii baasa.

[23] Miidhamni biraa yoo irra ga'e immoo qooda lubbuu, lubbuu;

[24] qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii, ilkaan; qooda harkaa, harka; qooda miillaa, miilla;

[25] qooda gubuu, gubuu; qooda madaa, madaa; qooda reebichaa, reebicha ijaa in baafta.

[26] Namni ija garbicha isaa yookiis garbittii isaa rukutee yoo balleesse, qooda ijichaa birmadummaa haa kennuuf!

[27] Inni ilkaan garbicha isaa yookiis garbittii isaa rukutee yoo cabse, qooda ilkaanichaa birmadummaa haa kennuuf!

[28] “Qotiyyoon dhiira yookiis dubartii waraanee yoo ajjeese, dhagaadhaan rukutamee haa ajjeefamu! Foon isaa hin nyaatamin! Abbaan qotiyyichaas itti hin gaafatamin!

[29] Qotiyyichi duraan iyyuu amala nama waraanuu qabaachuun isaa beekamee, abbaan isaas akka isa eeggatu gorfamee, garuu isa eeggachuu dhiisee dhiira yookiis dubartii yoo ajjeese, qotiyyichi dhagaadhaan rukutamee haa du'u! Abbaan qotiyyichaas immoo haa ajjeefamu!

[30] Haa ta'u iyyuu malee, gumaa akka of bituu yoo itti murame, kan isatti murame hundumaa haa baasu!

[31] Qotiyyichi mucaa dhiiraa yookiis mucaa durbaa yoo waraane, akka seera kanaatti irratti raawwatama.

[32] Qotiyyichi garbicha yookiis garbittii namaa yoo waraane, abbaan qotiyyichaa abbaa garbichichaaf yookiis garbittiif meetii sheeqelii soddoma haa baasu! Qotiyyichis dhagaadhaan rukutamee haa ajjeefamu!

[33] “Namni qadaaddii boollaa banee yookiis boolla qotee utuu waa irra hin kaa'in afaan banaa dhiise, qotiyyoon yookiis harreen boollicha keessatti yoo kufe,

[34] namichi boollicha afaan banaatti dhiise abbaa horichaaf gatii baasee horiin boollicha keessatti kufee du'e sun kan isaa ta'a;

[35] qotiyyoon nama tokkoo qotiyyoo nama biraa yoo miidhe, qotiyyoon miidhame sunis yoo du'e, qotiyyicha isa waraanee ajjeese sana gurguranii horii isaa haa hirmatan, qotiyyicha isa du'e sanas haa hirmatan!

[36] Qotiyyichi duraan iyyuu amala horii waraanuu qabaachuun isaa beekamee, abbaan isaa yoo isa eeguu dhiise garuu, abbaan qotiyyichaa qooda qotiyyoo, qotiyyoo haa baasu, qotiyyoon inni du'e immoo kan isaa haa ta'u!

Seera Ba'uu — Chapters