[1] Waaqayyo yommus Museedhaan,“Kunoo! Ati mootii Gibxii biratti ana Waaqayyoof afaan akka taatu si godheera; Aaron obbooleessi kee immoo afaan kee ta'ee in dubbata.
[2] Ati waan ani si abboomu hundumaa in dubbatta; Aaron obbooleessi kee immoo mootichatti in hima; yommus inni Israa'eloota biyya isaatii gad in dhiisa.
[3] Ani mooticha mata-jabeessa nan godha; milikkita koo fi dinqii koo biyya Gibxii keessatti nan baay'isa.
[4] Mootichi isiniif hin dhaga'u; kanaafis biyya Gibxii irra ciqlee koo nan dhaabadha, firdii gurguddaadhaanis macca saba koo, Israa'eloota biyya Gibxii keessaa nan baasa.
[5] Ani harka koo biyya Gibxii irratti ol fudhadhee, Israa'eloota isaan gidduudhaa yommuun baasu, warri Gibxii ani Waaqayyo akkan ta'e in beeku” jedhe.
[6] Museenii fi Aaron akkuma Waaqayyo isaan abboome sana in godhan.
[7] Yeroo mootichatti dubbatan, Museen nama waggaa saddeettamaa, Aaron immoo nama waggaa saddeettamii sadii turan.
[8] Waaqayyo ammas Museedhaa fi Aaroniin,
[9] “Amma mootiin Gibxii,“Milikkita dhugaa keessan mul'isu argisiisaa!” yoo isiniin jedhe, yaa Musee, ati Aaroniin,“Ulee kee fuudhii mooticha dura buusi!” jedhi, ulichis bofa in ta'a” jedhe.
[10] Museenii fi Aaron mooticha bira dhaqanii akkuma Waaqayyo isaan abboome godhan; Aaronis mootichaa fi hojjetoota isaa duratti ulee isaa lafa buuse, ulichis bofa ta'e.
[11] Kana irratti mootichis beektotaa fi warra qoricha namatti godhan in waamsise; warri ayyaana hedanis ogummaa isaanii isa dhokataadhaan akkasuma godhan.
[12] Jarris adduma addaan ulee isaanii lafa in bubbuusan, uleewwan isaaniis bofa ta'an; uleen Aaron garuu uleewwan jaraa in lilliqimse.
[13] Haa ta'u iyyuu malee, mootichi akkuma mata-jabeessa ta'etti in hafe; akkuma Waaqayyo dubbatee ture isaaniif hin dhageenye.
[14] Kana booddees Waaqayyo Museedhaan,“Garaan mootichaa hadoodee saba sana gad dhiisuu dide.
[15] Kunoo mootichi laga Abbayyaatti gad bu'a; ganamaan isa bira dhaqi, ulicha bofa ta'u sana harkatti qabadhuutii lagicha qarqaratti isa eegi!
[16] Yommuu isa argitu,“Waaqayyo gooftaan inni kan Ibrootaa sitti na erge:- Sabni koo gara lafa onaa dhaqee anaaf haa hojjetuu gad dhiisi! siin jedheera; ati garuu hamma ammaatti dhaga'uu in didde.
[17] Waaqayyo ammas:- Ani Waaqayyo akkan ta'e beekuuf jirta siin jedha; ani immoo kunoo, ulee harka koo keessa jiru kanaan bishaan laga Abbayyaa nan rukuta, bishaanichis dhiiga in ta'a;
[18] qurxummiin bishaanicha keessaas in duddu'u, lagichis in ajaa'a; warri Gibxii immoo bishaan lagichaa dhuguu in dadhabu” jedhiin!” jedhe.
[19] Waaqayyo Museedhaan,“Dhaqii Aaroniin,“Ulee kee harkatti qabadhuu, bishaan biyya Gibxii hundumaa, lagoota isaanii, yaa'ota isaanii, bishaan ciisu, kuufama bishaanii irrattis harka kee ol fudhadhu! Isaanis dhiiga haa ta'an! Guutummaa biyya Gibxiitti qodaa mukaa isaanii fi qodaa dhagaa isaanii keessa kan jiru iyyuu dhiiga haa ta'u!” jedhiin” jedhe.
[20] Museenii fi Aaron akkuma Waaqayyo isaan abboome godhan; Aaron ija mootichaa fi hojjetoota isaa duratti ulee isaa ol fuudhee bishaan laga Abbayyaa rukute; bishaan lagicha keessa jiru hundinuus dhiiga ta'e.
[21] Qurxummiin Abbayya keessa jiran in duddu'an, lagichi in ajaa'e, warri Gibxiis bishaan lagichaa dhuguu hin dandeenye; biyya Gibxii keessaa lafa dhaqan hundumaatti dhiigatu argame.
[22] Biyya Gibxii keessaas warri ayyaana hedan ogummaa isaanii isa dhokataadhaan, akkasuma in godhan; mootichi akkuma mata-jabeessa ta'etti hafe malee, akkuma Waaqayyo dubbatee ture isaaniif hin dhageenye.
[23] Yommus mootichi gara mana isaatti in deebi'e, wanti ta'e kunis garaa isaa hin rukunne.
[24] Warri Gibxiis bishaan laga Abbayyaa dhuguu waan hin dandeenyeef, hundumti isaanii bishaan dhugaatii baafachuudhaaf qarqara bishaan Abbayyaa irra boolla qoqqotan.
[25] Waaqayyo erga bishaan Abbayyaa rukutee, guyyaa torba guuteera.