Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:28

[1] Yesus utuu darbuu nama dhaloota isaatii jalqabee jaame tokko arge.

[2] Yommus bartoonni isaa, ?Barsiisaa! Namni kun cubbuu eenyuutiif jaamaa ta'ee dhalate? Isatu yakke moo yookiis abbaa isaatii fi haadha isaatu yakke?? jedhanii Yesusin gaafatan.

[3] Yesus immoo deebisee, ?Inni cubbuu hojjeteef yookiis abbaan isaatii fi haati isaa cubbuu hojjetaniif miti, isa fayyisuudhaan hojiin Waaqayyoo akka mul'atuuf jaamaa ta'ee dhalate malee.

[4] Hojii isa ana ergee guyyaadhaan hojjechuun nuuf in ta'a, yeroo namni tokko illee itti hojjechuu hin dandeenye halkan in dhufa'o.

[5] Biyya lafaa keessa hamman jirutti, ani ifa biyya lafaa ti? isaaniin jedhe.

[6] Yesus akkuma kana jedheen lafatti tufee, hancufa isaatiinis biyyoo dhoqqeessee, dhoqqicha ija namichaatti dibe.

[7] Namichaanis, ?Dhaqi Siiloam bishaan kuufamaatti dhiqadhu!? jedhe; ?Siiloam? jechuun isa ergame jechuu dha. Namichi yommus dhaqee dhiqatee, ija isaatiinis argaa, deebi'ee dhufe.

[8] Olloonni isaa, warri kanaan dura utuu inni kadhatuu argan, ?Inni kun namicha isa taa'ee kadhachaa ture mitii?? jedhanii gaafatan.

[9] Namoonni kaan, ?Eyyee isuma? jedhan; kaan immoo, ?Lakkisaa, isa fakkaata malee? jedhan. Namichi yommus, ?Ani isa? jedhe.

[10] Namoonni immoo, ?Iji kee lachanuu attamitti siif banamani ree?? jedhanii isa gaafatan.

[11] Kana irratti inni, ?Namicha isa Yesus jedhamutu biyyoo dhoqqeessee, ija koo lachuutti anaaf dibee, ?Gara bishaan Siiloam dhaqiitii dhiqadhu!? anaan jedhe. Anis dhaqee dhiqadheetan arguu danda'e? jedhee isaaniif deebise.

[12] Jarri immoo, ?Inni eessa jira?? jedhanii isa gaafatan; namichi garuu, ?Ani hin beeku? jedhee deebiseef.

[13] Jarri yommus namicha dur jaamaa ture sana fuula warra Fariisotaatti in dhi'eessan.

[14] Guyyaan Yesus biyyoo dhoqqeessee ija namicha jaamaa bane guyyaa Sanbataa ture.

[15] Fariisonnis immoo attamitti arguu akka danda'e namicha in gaafatan; namichi yommus, ?Inni ija koo irra dhoqqee kaa'e, ani immoo nan dhiqadhe, nan arges!? isaaniin jedhe.

[16] Fariisota keessaa jarri tokko, ?Namni kun guyyaa Sanbataa waan hin eegneef, nama Waaqayyo biraa dhufe ta'uu hin danda'u? jedhan. Isaan keessaa kaan garuu, ?Namni cubbamaan attamitti milikkita kana hundumaa hojjetee argisiisuu danda'a?? jedhanii kana irratti yaadaan gargar ba'an.

[17] Kana booddee warri Fariisotaa namicha isa jaamaa ture sanaan, ?Waa'ee isa ija kee siif bane kanaa maal jetta?? jedhan; yommus namichi, ?Inni raajii dha? jedhee deebiseef.

[18] Yihudoonni amma iyyuu, namichi kun jaamaa akka ture akka inni arguu danda'es hin amanne; kanaaf abbaadhaa fi haadha namicha isa arguu danda'e kanaa, ofitti waaman.

[19] Warra waamaman kanaanis, ?Inni kun ilma keessan, isa isin jaamaa ta'ee dhalate jettanii? Amma immoo attamitti arga ree?? jedhanii gaafatan.

[20] Abbaan isaa fi haati isaa deebisanii, ?Akka inni ilma keenya ta'e, jaamaa ta'ees akka dhalate in beekna.

[21] Amma attamitti akka argu hin beeknu; yookiis eenyu ija isaa lachuu akka baneef nuyi hin beeknu; inni nama ga'aa dha, innumtuu waa'ee ofii isaatii in dubbata, isa gaafadhaa!? jedhan.

[22] Abbaan isaa fi haati isaa Yihudoota waan sodaataniif kana jedhan; namni ?Yesus Masiihicha? jedhee dhugaa ba'u, tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa akka baafamu Yihudoonni sun irratti walii galanii turan.

[23] Sababii kanaaf abbaan isaa fi haati isaa, ?Inni nama ga'aa dha, isa gaafadhaa!? jedhan.

[24] Ergasii Fariisonni namicha jaamaa ture sanas si'a lammaffaa waamanii, ?Ati, dhugaa dubbachuudhaan Waaqayyoof ulfina kenni! Namni kun cubbamaa akka ta'e nuyi in beekna? ittiin jedhan.

[25] Namichi immoo, ?Inni cubbamaa ta'uu isaa ani hin beeku, waan tokkicha duwwaa nan beeka, ani jaamaa ta'een dhaladhe, amma garuu nan arga? jedhee isaaniif deebise.

[26] Kana irratti isaan, ?Maal siif godhe? Attamittis ija kee siif bane?? jedhanii gaafatan.

[27] Inni immoo, ?Kanaan dura ani isinitti himnaan dhaga'uu diddan; maaliif ammas dhaga'uu barbaaddu? Tarii isinis immoo bartoota isaa ta'uu feetuu?? jedhee deebiseef.

[28] Fariisonni kana irratti namichatti ori'anii, ?Situ bartuu isaa ti, nuyi garuu bartoota Musee ti.

[29] Waaqayyo Museetti akka dubbate nuyi in beekna; namichi kun garuu eessaa akka inni dhufe iyyuu hin beeknu? jedhaniin.

[30] Namichi immoo deebisee, ?Inni ija koo anaaf bane, isin immoo eessaa akka inni dhufe iyyuu hin beeknu jettu; kun nama dinqa.

[31] Waaqayyo warra cubbamootaaf akka hin dhageenye in beekna; nama isa sodaatuuf jaalala isaas isa raawwatuuf garuu in dhaga'a.

[32] Durii durii jalqabee, namni ija nama jaamaa ta'ee dhalatee akka bane, dhaga'amee hin beeku.

[33] Namni kun utuu Waaqayyo biraa dhufuu dhabaate, waanuma tokko iyyuu hojjechuu hin danda'u ture? isaaniin jedhe.

[34] Isaan immoo deebisanii, ?Ati guutummaatti cubbuudhaan dhalattee nu barsiiftaa?? jedhaniin; yommus namicha tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa in baasan.

[35] Yesus yommus, Fariisonni namicha jaamaa ture sana tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa akka baasan in dhaga'e; isa argees, ?Ilma namaatti in amantaa?? ittiin jedhe.

[36] Namichi immoo, ?Inni isa kami? Yaa gooftaa, anatti himi, itti nan amana!? jedhee deebiseef.

[37] Kana irratti Yesus, ?Isa'oo dur argite, inni amma sii wajjin dubbachaa jirus isuma? jedheen.

[38] Namichi deebisee, ?Nan amana, gooftaa ko? jedhee, jilbeenfatee Yesusiif sagade.

[39] Yesus ammoo, ?Warri hin argine akka argan, warri arguutti jiran immoo jaamota akka ta'an, firdii kennuudhaaf ani gara biyya lafa kanaa dhufeera? jedhe.

[40] Fariisota warra isaa wajjin turan keessaa jarreen tokko kana dhaga'anii, ?Nus immoo jaamota jechuu keetii ree?? jedhaniin

[41] Yesus immoo, ?Jaamota utuu taatanii cubbuu hin qabdan turtan, amma garuu in argina jettu, kanaaf cubbuun keessan isin irratti in hafa? jedhee isaaniif deebise.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Yohannis Caafe — Chapters