[1] Yesus ergasii gara gaara ejersaatti ol ba'e.
[2] Ganama obboroos deebi'ee gara mana qulqullummaa dhaqe. Namoonni hundinuu gara isaa dhufnaan, inni immoo taa'ee isaan barsiisuu jalqabe.
[3] Barsiisonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko ol galchanii, namoota gidduu dhaabachiisan.
[4] Yesusiin immoo, ?Barsiisaa, dubartiin kun utuu ejjituu qabamte.
[5] Museen seera keessatti, dubartoota akkasii dhagaadhaan rukunnee akka ajjeefnu nu abboomeera; egaa ati immoo maal jetta?? jedhan.
[6] Isaan kanaan qabanii isa hadheessuudhaaf, akkas jedhanii isa qoran; Yesus garuu gad jedhee quba isaatiin lafatti caafe.
[7] Isaan garuu ittuma dabalanii waan isa gaafataniif, Yesus ol jedhee, ?Isin keessaa namni cubbuu hin qabne, duraan dursee dubartii kanatti dhagaa haa darbatu? isaaniin jedhe.
[8] Kana booddee ammas gad jedhee lafatti caafe.
[9] Isaan kana dhaga'anii, jaarsoliidhaa hamma warra kaaniitti tokko tokkoon ba'anii adeeman; Yesusin kophaatti dhiisan; dubartittiinis achuma dhaabattee hafte.
[10] Yommus Yesus ol jedhee, ?Dubartii nana, meerree isaan? Namni tokko illee firdii si irratti hin raawwannee?? isheedhaan jedhe.
[11] Isheen immoo, ?Tokko illee, gooftaa ko? jettee deebifteef; kana irratti Yesus, ?Egaa anis sitti hin faradu, dhaqi ammaa jalqabdee cubbuu hin hojjetin!? isheedhaan jedhe.]
[12] Yesus ammas namootatti dubbatee, ?Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu? isaaniin jedhe.
[13] Kana irratti warri Fariisotaa, ?Ati ofii keetiif dhugaa in baata, dhugaan kees hin fudhatamu? jedhaniin.
[14] Yesus immoo deebisee, ?Ofii kootiif yoon dhugaa ba'e iyyuu, eessaa akkan dhufe, eessas akkan dhaqu waanan beekuuf, dhugaan koo in fudhatama; isin garuu eessaa akkan dhufu, eessas akkan dhaqu hin beektan.
[15] Isin akka yaada namaatti faraddu, ani garuu nama tokkotti iyyuu hin faradu.
[16] Ani yoon farade iyyuu firdiin koo dhugaa dha; anoo kophaa koo miti, isa ana erge abbaatu anaa wajjin jira.
[17] Seera keessan keessattis immoo, ?Dhugaan namoonni lama dhugaa ba'an in fudhatama? kan jedhu caafamee jira.
[18] Ani ofii kootiif dhugaa nan ba'a, abbaan inni ana erges immoo anaaf dhugaa in ba'a? isaaniin jedhe.
[19] Isaan immoo, ?Abbaan kee eessa jira?? jedhanii Yesusin gaafatan. Yesus immoo deebisee, ?Isin anas, abbaa koos hin beektan; ana utuu beektanii, abbaa koo immoo in beektu turtan? isaaniin jedhe.
[20] Yesus kutaa mana qulqullummaa keessaa, iddoo qodaan buusii kaa'amutti dhi'oo taa'ee, utuu barsiisuu dubbii kana hundumaa dubbate. Yeroon isaa amma iyyuu waan hin ga'iniif, namni tokko illee harkaan isa hin qabne.
[21] Ammas Yesus, ?Ani nan adeema, isin ana barbaaduuf jirtu; iddoo ani dhaqus dhufuu hin dandeessan, kanaaf cubbuu keessaniin in duutu? jedhee isaanitti dubbate.
[22] Kana irratti Yihudoonni warri Yesusiin morman, ?Iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan erga jedhee, of ajjeesinna laataa?? jedhan.
[23] Inni immoo, ?Isin kan goodaa kanaa ti, ani immoo kan gubbaa sanaa ti; isin kan biyya lafa kanaa ti, ani garuu kan biyya lafa kanaa miti.
[24] Cubbuu keessaniin akka duutan isinitti himeera; ani eenyu akkan ta'e beektanii yoo amanuu dhabaattan, cubbuu keessaniin in duutu? isaaniin jedhe.
[25] Kana irratti isaan, ?Egaa eenyu ati?? jedhanii isa gaafatan; Yesus immoo, ?Maaliifan waan akkasii isinitti dubbadha ree?
[26] Ani waa'ee keessaniif kanan dubbadhu kanan faradus waan baay'een qaba; isa na erge irraa waanan dhaga'e, biyya lafaatti nan dubbadha; inni ana erges dhuga-qabeessa? jedhee isaanitti hime.
[27] Isaan garuu waa'ee abbaa isaanitti dubbachuu isaa hin hubanne.
[28] Kanaaf Yesus, ?Ilma namaa kana erga muka irratti ol fuutanii, eenyu akkan ta'e, ani isa abbaan na barsiise akkan dubbadhu malee, ofiin homaa akka ani hin hojjennes in hubattu.
[29] Inni ana erge anaa wajjin jira; ani yeroo hundumaa kan isa gammachiisu waan ani hojjedhuuf, inni kophaatti ana hin dhiifne? isaaniin jedhe.
[30] Yesus kana yommuu dubbate, namoonni baay'een isatti in amanan.
[31] Yommus Yesus Yihudoota warra isatti amananiin, ?Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti.
[32] Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa? jedhe.
[33] Isaan immoo deebisaniifii, ?Nuyi sanyii Abrahaam, nuyi nama tokkoof iyyuu takkaa garba hin taane; attam ?Warra birmaduu ba'an in taatu? jetta ree?? jedhan.
[34] Kana irratti Yesus, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni cubbuu hojjetu hundinuu garbicha cubbuu ti.
[35] Garbichi barumaan iyyuu maatii gooftaa isaatti hin lakkaa'amu, ilmichi garuu yoom iyyuu maatii abbaa isaatti in lakkaa'ama.
[36] Ilmichi yoo birmaduu isin baase, egaa isin warra birmaduu baatanii dha.
[37] Isin sanyii Abrahaam akka taatan ani beeka; haa ta'u iyyuu malee, dubbiin koo isin keessatti hundee waan hin godhatiniif, ana ajjeesuu in barbaaddu.
[38] Ani isan abbaa koo biratti argeen dubbadha; isin immoo isa abbaa keessan irraa dhageessan in hojjettu? isaaniin jedhe.
[39] Yihudoonni immoo, ?Abbaan keenya Abrahaam? jedhanii deebisaniif. Yesus garuu deebisee, ?Ijoollee Abrahaam utuu taatanii, hojii Abrahaam hojjete in hojjettu turtan.
[40] Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne.
[41] Isin hojii abbaa keessanii in hojjettu? isaaniin jedhe. Isaan immoo, ?Nuyi abbaa hin beekamneettii hin dhalanne; nuyi abbaa tokkicha qabna, innis Waaqayyoo dha? jedhaniin.
[42] Yesus deebisee, ?Waaqayyo utuu abbaa keessan ta'ee, ana in jaallattu turtan; anoo Waaqayyo keessaa ba'ee, dhufeen as jira; isatu ana erge malee, ani ofiin hin dhufne.
[43] Maaliif akka ani itti dubbadhu hin hubattan? Dubbii koo dhaga'uu waan hin dandeenyeef hin hubattan.
[44] ?Isin kan abbaa isa tokkoo, kan Seexanaa ti; kajeellaa hamaa isa kan abbaa keessaniis gochuu in feetu. Jalqabumaa jalqabee inni sun nama ajjeesaa ture; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne. Inni sobaa dha, abbaa sobaa tis; kanaaf yommuu sobu isa garaa isaa keessa jiru in dubbata.
[45] Ani garuu isa dhugaa waanan isinitti dubbadhuuf ana hin amantan.
[46] Isin keessaa cubbuudhaaf kan ana ceepha'u eenyu? Isa dhugaa yommuun dubbadhu immoo maaliif ana hin amantan?
[47] Kan Waaqayyoo inni ta'e, dubbii Waaqayyoo in dhaga'a; isin immoo kan Waaqayyoo waan hin ta'iniif dubbii isaa hin dhageessan? jedhe.
[48] Yihudoonni immoo deebisanii, ?Ati nama Samaariyaa ti, hafuurri hamaanis si keessa jira, siin jechuun keenya qajeelaa ture mitii?? jedhaniin.
[49] Yommus Yesus, ?Ana keessa hafuurri hamaan hin jiru; ani abbaa koottiifan ulfina kenna, isin garuu ulfina na dhowwattu.
[50] Ani ulfina mataa kootii hin barbaadu, kan isa barbaadu waa'ee isaatiifis kan faradu tokko jira.
[51] Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni dubbii koo eegu bara baraan hin du'u? isaaniin jedhe.
[52] Kana irratti Yihudoonni, ?Amma akka hafuurri hamaan si keessa jiru hubanneerra; Abrahaam du'eera, raajonnis du'aniiru; ati immoo, ?Namni dubbii koo eegu, bara baraan hin du'u? in jetta.
[53] Ati egaa abbaa keenya Abrahaam isa du'e irra in caaltaa ree? Raajonnis du'aniiru, ati eenyu of seeta?? jedhaniin.
[54] Yesus immoo, ?Ofii kootiif ulfina nan kenna yoon ta'e, ulfinni koo homaa miti; abbaan koo inni ulfina anaaf kennu jira; isin iyyuu, ?Inni Waaqayyo keenya? in jettu.
[55] Haa ta'u iyyuu malee, isa hin beektan, ani garuu isa nan beeka. Isa hin beeku yoon jedhe, akkuma keessan sobduu nan ta'a; anoo dhuguman isa beeka, dubbii isaas nan eega.
[56] Abbaan keessan Abrahaam guyyaa koo arguuf waan tureef gammachuudhaan isa eeggate; guyyicha argees itti gammade? jedhe.
[57] Kana irratti Yihudoonni, ?Atoo waggaa shantama iyyuu hin guunne, eessaa Abrahaamin argite?? jedhaniin.
[58] Yesus immoo deebisee, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture? isaaniin jedhe.
[59] Yommus Yihudoonni Yesusitti darbachuudhaaf dhagoota funaanatan; inni garuu of dhoksee mana qulqullummaa keessaa ba'ee adeeme.