[1] Yommus Philaaxos Yesusin achii fuudhee reebsise.
[2] Warri loltuu gonfoo qoraattii hojjetanii, mataa isaa irra kaa'an; uffata dhiilgees itti uffisan.
[3] Gara isaatti deddeebi'aniis, ?Attami ree, yaa mootii Yihudootaa!? jedhanii isa in kabalu turan.
[4] Philaaxos ammas gad ba'ee, ?Dabaa tokko illee akkan isa irratti hin argine akka beektaniif, kunoo gara keessanittan gad isa baasa? isaaniin jedhe.
[5] Yesus immoo gonfoo qoraattii kaa'atee, uffata dhiilgees uffatee gad ba'e; yommus Philaaxos, ?Namichi kunoo ti ilaalaa!? isaaniin jedhe.
[6] Luboonni warri angafoonnii fi eegdonni yeroo isa argan, ?Fannisi! Fannisi!? jedhanii iyyan. Philaaxos immoo, ?Isin ofii keessanii fuudhaatii isa fannisaa, ani dabaa tokko illee isa irratti hin argine? isaaniin jedhe.
[7] Warri Yihudootaa deebisanii, ?Nuyi seera tokko qabna; inni immoo ilma Waaqayyoo of godheera, kanaaf akka seera keenyaa sanatti du'uutu isa irra jira? jedhan.
[8] Philaaxos dubbii kana yommuu dhaga'e caalchisee in sodaate.
[9] Deebi'ees manichatti ol lixee, Yesusiin, ?Ati eessaa dhufte?? jedhe; Yesus garuu deebii hin deebifneef.
[10] Philaaxos kana irratti, ?Anatti hin himtuu? Gad si dhiisuudhaaf akka ani humna qabu akkasumas si fannisuudhaaf akka ani humna qabu hin beektu moo?? jedheen.
[11] Yesus garuu deebisee, ?Utuu olii siif kennamuu dhabaatee, ati humna tokko illee ana irratti hin qabdu turte; kanaafis inni dabarsee sitti na kenne, cubbuu caalaa qaba? ittiin jedhe.
[12] Kana irraa kan ka'es Philaaxos isa gad dhiisuuf in dhama'e. Warri Yihudootaa garuu, ?Namicha kana yoo gad dhiifte, ati fira mootii warra Roomaa miti; namni ofii isaa mootii of godhu hundinuu, mootii warra Roomaatiin morkata'o? jedhanii itti iyyan.
[13] Philaaxos dubbii kana dhaga'ee Yesusin gad baasee, iddoo dhagaa buufamaa isa afaan Ibraayisxiitti ?Gabataa? jedhamutti, barcuma firdii irra taa'e.
[14] Kunis guyyaa qophee Faasiikaa gara sa'aatii ja'affaatti ture; Philaaxos yommus Yihudootaan, ?Ilaa mootii keessan? jedhe.
[15] Isaanis iyyanii, ?Balleessi, balleessi, isa fannisi!? jedhan. Philaaxos immoo, ?Mootii keessan fannisuu ree?? ittiin jedhe. Luboonni warri angafoonni immoo deebisanii, ?Nuyi Qeesaar mootii warra Roomaa malee mootii hin qabnu? jedhan.
[16] Yommus akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne; isaan akkasitti Yesusin fuudhanii adeeman.
[17] Yesus fannoo isaa ofii baatee, gara iddoo ?Lafee mataa? yookiis afaan Ibraayisxiitti ?Golgootaa? jedhamutti ba'e.
[18] Achitti isa fannisan; namoota kan biraa lama garasii fi garanaan, Yesusinis gidduutti fannisan.
[19] Philaaxos yommus waan ittiin beeksisu tokko caafee, mataa fannoo isaatiitti maxxanse; caaffatichis, ?Yesus nama biyya Naazireet, mooticha Yihudootaa? kan jedhu ture.
[20] Iddoon itti Yesus fannifame mandarichatti dhi'oo waan tureef, caaffata beeksisaa sana Yihudoota keessaa baay'eetu dubbise; inni afaan Ibraayisxiitti, afaan warra Roomaatti, afaan warra Griikiittis caafamee ture.
[21] Yommus luboonni warri angafoonni Yihudootaa Philaaxosiin, ?Namicha kanatu ?Ani mootii Yihudootaa ti? jedhe, jedhi malee, ?Mooticha warra Yihudootaa? jettee hin caafin!? jedhan.
[22] Philaaxos garuu deebisee, ?Waanan caafe caafeera? jedhe.
[23] Yesusin erga fannisaniis warri loltuu, wayyaa isaa fudhatanii, tokko tokko akka isaan ga'utti iddoo afuritti hirmaatan; kittaan isaa garuu olii hamma gadiitti dha'aa tokkichaan ba'e malee, hoddhaa hin qabu ture.
[24] Kanaafis, ?Kottaa kittaa kana hin tarsaafnu, muka itti buufannee abbaa inni ba'uuf ilaalla!? waliin jedhan. Kanaanis dubbiin macaafaa inni, ?Wayyaa koo hirmaatanii, uffata koottis muka buufatan? jedhe in raawwatame. Warri loltuus kanuma godhan.
[25] Fannoo Yesus bukkees haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaam haati manaa Qilophaa, Maariyaam isheen Magdalaas in dhaabatu turan.
[26] Yesus yeroo sanatti haadha isaa, bartuu isa inni jaallates ishee bukkee utuu dhaabatuu argee, haadha isaatiin, ?Haadha ko, ilaa ilma kee!? jedhe.
[27] Ergasii bartuu sanaan immoo, ?Ilaa haadha kee!? jedhe; bartichi yeroo sanaa jalqabee gara mana ofii isaatti ishee fudhate.
[28] Yesus amma wanti hundinuu fiixaan ba'uu isaa beekee, dubbii macaafaa fiixaan baasuudhaaf, ?Nan dheebodhe? jedhe.
[29] Qodaan daadhiin waynii dhangaggaa'aan keessa guute tokko achi in dhaabata ture; daadhii dhangaggaa'aa sanas, waan akka cumaa buqqee hadhaa'aa isa bishaan dhagnatti xuuxu tokkotti guutanii, hanxaxii hisoophitti kaa'anii afaan Yesusitti qaban.
[30] Yesus daadhii dhangaggaa'aa sana erga afaaniin qabee booddee, ?Fiixaan ba'eera? jedhe; mataa isaas jal'isee hafuura isaa kenne.
[31] Guyyaan sun guyyaa itti qophaa'an; guyyaan Sanbata isatti aanus guyyaa guddaa ture. Kanaaf dhagna warra fannifamanii, guyyaa Sanbataatti fannoo irra akka hin oolle gochuudhaaf, lafeen miillan isaanii cabsamanii fannoo irraa akka gad buufamaniif, warri Yihudootaa Philaaxosin gaafatan.
[32] Akkasitti warri loltuu dhufanii, miilla namicha isa duraa kan isa isaa wajjin fannifamees in cabsan.
[33] Gara Yesus dhufanii, kanaan dura du'uu isaa yommuu argan garuu miilla isaa hin cabsine.
[34] Haa ta'u iyyuu malee, warra loltuu keessaa inni tokko eeboodhaan cinaacha isaa waraannaan, yommusuma dhiignii fi bishaan keessaa lola'e.
[35] Inni kana arge dhugaa ba'eera, wanti inni dhugaa ba'es amanamaa dha; isinis immoo akka amantanitti, inni isa dhugaa akka dubbatu in beeka.
[36] Kunis inni macaafni, ?Lafeen isaa tokko illee hin cabsamu? jedhe haa raawwatamuuf, ta'e.
[37] Macaafni iddoo biraatti immoo, ?Garuma isa waraananii in ilaalu? jedhe.
[38] Kana booddees Yoseef kan jedhamu namni Armaatiyaa tokko, reeffa Yesus fannoo irraa fudhachuudhaaf Philaaxosin kadhate; Philaaxos tole jennaan, namichi dhaqee reeffa Yesus fudhate. Namichi kun Yihudoota waan sodaateef, mul'inatti utuu hin ta'in dhoksaatti bartuu Yesus ture.
[39] Niqoodemos immoo inni gaafa jalqabaa halkaniin Yesus bira dhufe, waliin makaa qumbii fi sabirii naxirii dhibba tokko kan ta'u fuudhee iddoo sana dhaqe.
[40] Yommus reeffa Yesus fuudhanii akka amala awwaala Yihudootaatti, urgooftuu sanaa wajjin wayyaa quncee talbaa irraa hojjetameen kafanan.
[41] Lafa inni itti fannifame sana immoo iddoon dhaabaa tokko ture; iddoo dhaabaa sana keessas awwaalli haaraan, kanaan dura namni keessatti hin awwaalamin tokko ture.
[42] Guyyaa warri Yihudootaa itti qophaa'an ta'e, awwaalichi dhi'ootti waan argameef, Yesusin achi keessa kaa'an.