[1] Kana booddee Yesus bishaan ciisaa Galiilaa, isa bishaan Xiberiyaas jedhamu ce'e.
[2] Namoonni danuun, warra dhukkubsatan fayyisuu isaatiin milikkita inni godhe waan arganiif, isa duukaa bu'an.
[3] Yesus gaafas bartoota isaa wajjin gara dirree gaara tokkotti ol ba'ee taa'e.
[4] Yeroo sana Faasiikaan, ayyaanni warra Yihudootaa dhi'aatee ture.
[5] Yesus achi taa'ee asii fi achi ilaalee, namoonni danuun gara isaa akka dhufan arge; kana irratti, ?Buddeena jarri kun nyaatan eessaa binna?? jedhee Filiphosin gaafate.
[6] Kana immoo waan Filiphos jedhu ilaaluuf itti dubbate, Yesus ofii isaatii waan gochuuf jedhe beeka ture'o.
[7] Kana irratti Filiphos deebisee, ?Buddeenni meetii dhibba lamaa iyyuu tokkon tokkon isaanii xinnoo xinnoo illee wal hin ga'u? jedheen.
[8] Indriiyaas obboleessi Simoon Phexros, bartoota isaa keessaa tokko kan ture, Yesusitti dubbatee,
[9] ?Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko as jira; garuu namoota baay'ee kanaaf kun maal godha?? jedhe.
[10] Yesus immoo, ?Namoota teessisaa!? jedhee abboome. Achi margi baay'een jira ture; namoonni akka kuma shanii ta'anis marga sana irra taa'an.
[11] Kana booddee Yesus buddeenan sana fuudhee, Waaqayyoof galata galchee, warra taa'aniifis hire; qurxummicha irraas akkasuma hamma isaan barbaadan hireef.
[12] Namoonni erga nyaatanii quufanii, Yesus, ?Waan tokko illee akka hin badnetti, hurraa isa hafe walitti qabaa!? jedhee bartoota isaatti hime.
[13] Hurraa buddeenan garbuu shanan jarri nyaatan irraa hafes gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.
[14] Namoonni sun milikkita Yesus argisiise kana yommuu argan, ?Kun dhuguma raajicha, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru sana? jedhan.
[15] Yesus namoonni kun dhufanii humnaan isa qabanii, mootii isa godhachuudhaaf abbaluutti akka jiran hubatee, kophaa isaa ammas gara gaaraatti jalaa sokke.
[16] Yeroo galgalaa'es, bartoonni isaa gara bishaan ciisaa sanaatti gad bu'an.
[17] Erga dukkanaa'ee immoo, Yesus amma illee gara isaanii hin dhufne iyyuu, bidiruu yaabbatanii gama Qifirnaahomitti ce'uuf ka'an.
[18] Qilleensi jabaan qilleensofnaan bishaanichi raafame.
[19] Kiiloo metrii shanii hamma ja'aatti bidiruudhaan erga adeemanii, Yesus bishaan gubbaa adeemee gara bidirichaatti utuu dhi'aatuu arganii sodaatan.
[20] Yesus garuu, ?Hin sodaatinaa, innoo ana? isaaniin jedhe.
[21] Isaan gara bidirichaatti isa fudhachuu barbaadan; bidirichi garuu achumaan qarqara bishaanichaa iddoo itti adeemaa turan ga'e.
[22] Borumtaas namoonni bishaanicha gamatti hafan sun, kaleessumtii bidiruun tokkichi duwwaan akka achi ture, Yesus immoo bartoota isaa wajjin bidiricha akka hin yaabbatin, bartoonni kophaa isaanii bidirichaan akka adeeman baran.
[23] Haa ta'u iyyuu malee, bidiroonni kan biraa Xiberiyaasii gara iddoo sanaa dhufaniiru; iddoon sun immoo lafa itti gooftaan galata galche, namoonni buddeena nyaatan sanatti dhi'oo ture.
[24] Namoonni sun, Yesus, bartoonni isaas akka achi hin jirre baranii, bidiroota yaabbatanii, Yesusin barbaacha gara Qifirnaahomitti ce'an.
[25] Yommus jarri Yesusin bishaanicha gamatti argatanii, ?Yaa barsiisaa! Yoom as geesse?? ittiin jedhan.
[26] Yesus immoo deebisee, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, isin milikkita waan argitaniif utuu hin ta'in, buddeena nyaattanii waan quuftaniif na barbaaddu.
[27] Nyaata baduuf hin dhama'inaa! Nyaata jireenya bara baraatiif argamuuf dhama'aa malee! Ilmi namaa inni Waaqayyo abbaan mallattoo itti godhe, nyaata kana isiniif kennuuf jira? isaaniin jedhe.
[28] Isaan immoo, ?Egaa hojii Waaqayyoof akka dhamaanuuf maal gochuutu nuuf ta'a?? jedhanii isa gaafatan.
[29] Yesus deebisee, ?Isa inni ergetti amanuu keessaniin hojii Waaqayyoo in hojjettu? jedheen.
[30] Kana irratti isaanis, ?Arginee akka sitti amannuuf, milikkita maalii argisiifta? Maalis hojjetta ree?
[31] Macaafni ?Buddeena akka nyaataniif waaqa irraa isaaniif kenne? akkuma jedhu, abaabiliin keenya lafa onaatti nyaata ?Maannaa? jedhamu nyaataniiru? jedhaniin.
[32] Yesus immoo deebisee, ?Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, Museen buddeena waaqa irraa isiniif hin kennine; abbaan koo buddeena isa dhugaa waaqa irraa isiniif in kenna.
[33] Buddeenni Waaqayyoo isa waaqa irraa gad dhufu, biyya lafaatiifis isa jireenya kennuu dha? jedheen.
[34] Isaan immoo, ?Gooftaa, buddeena kana yeroo hundumaa nuuf kenni? jedhaniin;
[35] yommus Yesus, ?Ana buddeenni jireenyaa, gara koo kan dhufu hin beela'u, kan anatti amanus matumaa hin dheebotu.
[36] Akkuma ani isinitti hime, isin ana argitaniittu, garuu hin amantan.
[37] Abbaan koo anaaf kan kennu hundinuu gara koo in dhufa, isa gara koo dhufus ani of irraa hin ari'u.
[38] Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu'e malee.
[39] Inni na erge immoo, warra inni anaaf kenne keessaa tokko illee akka ani balleessu hin fedhu, guyyaa booddeetti du'aa akkan isaan kaasu fedha malee.
[40] Abbaan koo, namni ana ilma isaa argu, kan anatti amanus hundinuu, jireenya bara baraa akka qabaatu in fedha; anis immoo guyyaa booddeetti du'aa isa nan kaasa.
[41] ?Warri Yihudootaa, waan inni, ?Ani buddeena isa waaqa irraa gad bu'ee dha? ofiin jedheef, isa irratti in guunguman?.
[42] Isaan, ?Kun Yesus ilma Yoseef isa abbaa isaa fi haadha isaa beeknu mitii? Amma attamitti ?Waaqaraan gad bu'e? jedha ree?? jedhan.
[43] Yesus deebisee, ?Walii keessanitti hin guunguminaa!
[44] Abbaan inni ana erge yoo isa harkisuu dhabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin danda'u; isa gara koo dhufu immoo ani guyyaa isa dhumaatti du'aa nan kaasa.
[45] Macaafa raajotaa keessatti, ?Hundumti isaanii warra Waaqayyo isaan barsiise in ta'u? jedhamee caafameera; abbaa koo irraa kan dhaga'ee fi kan bare hundinuu immoo gara koo in dhufa.
[46] Kanaanis namni tokko illee abbaa argeera jechuu koo miti, isa Waaqayyo biraa dhufe sana duwwaatu abbaa arge malee.
[47] Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni amanu jireenya bara baraa qaba.
[48] Ana buddeenni jireenyaa.
[49] Abaabiliin keessan lafa onaatti nyaata ?Maannaa? jedhamu nyaatan, haa ta'u iyyuu malee in du'an.
[50] Buddeenni waaqa irraa gad bu'u garuu akkas miti, namni isa nyaatu hin du'u.
[51] Ani buddeenicha jiraataa isa waaqa irraa gad bu'ee dha; eenyu illee buddeena kanattii yoo nyaate bara baraan in jiraata; buddeenni ani biyya lafaatiif jireenya fiduudhaaf kennus, foon koo ti? isaaniin jedhe.
[52] Kana irratti Yihudoonni, ?Namichi kun attamitti foon isaa akka nyaannuuf nuuf kennuu danda'a?? jedhanii waliin morkatan.
[53] Yesus immoo, ?Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, isin foon ilma namaa yoo nyaachuu dhabaattan, dhiiga isaas yoo dhuguu dhabaattan, jireenya of keessaa hin qabdan.
[54] Eenyu illee foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu jireenya bara baraa qaba; anis guyyaa isa dhumaatti du'aa isa nan kaasa.
[55] Foon koo dhuguma nyaata, dhiigni koos dhuguma dhugaatii dha.
[56] Foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu ana keessa in jiraata, anis isa keessa nan jiraadha.
[57] Abbaan inni jiraataan akka na erge, ani immoo sababii abbaatiif akkuman jiraadhu, namni foon koo nyaatu immoo sababii kootiif in jiraata.
[58] Isa kana buddeenni, inni waaqa irraa gad bu'e; akka isa abaabiliin keessan nyaatanii, booddee immoo du'anii miti; buddeena kana kan nyaatu bara baraan in jiraata? jedhe.
[59] Yesus Qifirnaahomitti yeroo barsiise mana sagadaa keessatti kana hundumaa dubbate.
[60] Bartoota isaa keessaa baay'een kana dhaga'anii, ?Kunoo jecha jabaa dha, eenyutu isa dhaggeeffachuu danda'a?? jedhan.
[61] Yesus immoo bartoonni isaa kana irratti guungumuu isaanii beekee, ?Kun isin in gufachiisaa?
[62] Ilmi namaa kun gara iddoo dur tureetti utuu ol ba'uu yoo argitanoo, attami ree?
[63] Hafuurri in jiraachisa, foon homaa dhimma hin baasu; dubbiin ani isinitti dubbadhe kun hafuura, jireenyas.
[64] Garuu isin keessa kan hin amanne jiru? jedhe. Yesus jalqabaa jalqabee eenyufaa akka hin amanne, eenyus akka dabarsee isa kennuuf jiru beekeera'o.
[65] Yesus, ?Kanaafan ?Abbaa biraa yoo kennamuufii dhabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin danda'u? jedhee isinitti dubbadhe? jedhe.
[66] Yeroo sanaa jalqabanii bartoota isaa keessaa baay'een gara booddee deebi'an; ergasiis isaa wajjin hin adeemne.
[67] Yesus yommus warra kudha lamaaniin, ?Isinis immoo adeemuu in barbaadduu iyyuu?? jedhee gaafate.
[68] Simoon Phexros deebisee, ?Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa'ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba'o.
[69] Nuyi isa tokkicha qulqulluu Waaqayyoo akka ati taate amanneerra, beekneerras? jedhan.
[70] Yesus immoo, ?Ani kudha lamaan keessan fo'adheera mitii? Isin keessaa tokko garuu, Seexana? isaaniin jedhe.
[71] Kanas waa'ee Yihudaa ilma Simoon, nama biyya Keriyot sanaaf dubbate; innoo warruma kudha lamaan keessaa tokkotu, dabarsee isa kennuudhaaf jira ture.