Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:29

[1] Yeroo kana booddee ayyaanni warra Yihudootaa ture, Yesusis Yerusaalemitti ol ba'e.

[2] ?Karra hoolaa? isa jedhamu isa masaraa mandara Yerusaalemitti galchu bukkeedhaan bishaan kuufamaan, afaan Ibraayisxiitti ?Betzataa? jedhamu tokko ture; bishaan sana bira godoo babbal'aa shantu ture.

[3] Namoonni dhukkubsatan baay'een, warri jaaman, warri naafatan, warri dhagni isaanii gar tokko du'es godoota sana keessa ciisanii, [raafamuu bishaanichaa in eeggatu turan.

[4] Ergamaan Waaqayyoo yeroo yerootti golba bishaanichaa keessa lixee isa in raasa; raafamuu isaa booddee, namni dura bishaanicha keessa lixe dhukkuba isa kamittii iyyuu in fayya ture.]

[5] Namni waggaa soddomii saddeet dhukkubsate tokko achi ture.

[6] Yesus yommuu namicha dhukkubsatee ciisu sana arge, yeroo dheeraa hammana ga'u dhukkubsachuu isaa erga beekee, ?Fayyuu barbaaddaa?? jedhee isa gaafate.

[7] Namichi dhukkubsataan sun, ?Gooftaa, bishaanichi yommuu raafamu kuufama bishaanichaa keessa nama na buusu hin qabu; ofii kootii immoo utuu ani itti rakkadhuu, namni biraa na dura keessa lixa? jedhee deebiseef.

[8] Yesus immoo, ?Ka'i, siree kee fudhadhuutii adeemi!? ittiin jedhe.

[9] Namichis achumaan fayyee, siree isaa fudhatee achii adeeme; guyyaan namichi kun fayye guyyaa Sanbataa ture.

[10] Yommus warri Yihudootaa namicha fayye sanaan, ?Har'i Sanbata, siree baachuu seerri si dhowwa? jedhan.

[11] Inni garuu deebisee, ?Namicha isa ana fayyisetu, ?Siree kee fudhadhuutii adeemi!? anaan jedhe? isaaniin jedhe.

[12] Isaan immoo, ?Eenyu namichi, ?Siree kee fudhadhuutii adeemi? jedhee sitti hime?? jedhanii isa gaafatan.

[13] Namichi fayye sun garuu eenyu akka isa fayyise hin beekne; Yesus immoo namoonni iddoo sanatti waan tuuta'aniif achii adeeme ture.

[14] Ergasii Yesus namicha fayye sana mana qulqullummaatti argatee, ?Kunoo, amma fayyiteetta; egaa kan kana irra caalu akka sitti hin dhufnetti, si'achi cubbuu hin hojjetin!? ittiin jedhe.

[15] Namichi yommus dhaqee, kan isa fayyise Yesus akka ta'e warra Yihudootaatti hime.

[16] Yihudoonni kana irratti, Yesus hojii akkasii guyyaa Sanbataatti waan hojjeteef, isa ari'achuutti ka'an.

[17] Yesus garuu, ?Abbaan koo amma iyyuu hojjechuutti jira, anis immoo nan hojjedha? jedhee isaanitti dubbate.

[18] Kana dhageenyaan Yihudoonni, Yesus seera Sanbataa kan cabse duwwaa utuu hin ta'in, Waaqayyo abbaadhuma koo ti jechuu isaatiin immoo ofii isaa Waaqayyotti qixxeesseera jedhanii isa ajjeesuudhaaf caalchisanii yaadan.

[19] Yesus itti fufee, ?Dhuguman isinitti hima, ilmi ofuma isaatiin homaa gochuu hin danda'u, isa abbaan isaa hojjetu ilaalee in hojjeta; isuma abbaan hojjetu ilmis immoo akkuma kanatti in hojjeta.

[20] Abbaan ilma in jaallata, ofii isaatii kan hojjetu hundumaa ilmatti in argisiisa; isin akka dinqifattaniif inni hojii kana irra caalu iyyuu isatti argisiisuuf jedha.

[21] Abbaan warra du'an kaasee akkuma isaan jiraachisu, ilmis immoo warra barbaadu in jiraachisa.

[22] Abbaan ofii isaatii homaattuu hin faradu, firdii hundumaa harka ilma isaatti kenneera malee.

[23] Hundinuu abbaadhaaf ulfina akkuma kennanitti, ilmaafis ulfina haa kennan; ilmaaf ulfina kan hin kennine, abbaa isa ilma isaa ergeefis ulfina hin kennu.

[24] ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu.

[25] Dhuguma, dhuguman isinitti hima, yerichi warri du'an sagalee ilma Waaqayyoo itti dhaga'an dhufuuf jira, ammuma iyyuu dhufeera; warri isa dhaga'anis in jiraatu.

[26] Abbaan ofuma isaatii burqaa jireenyaa akka ta'e, akkuma kanatti ilmi isaas immoo burqaa jireenyaa akka ta'uuf isaaf kenneera.

[27] Inni ilma namaa isa ulfina-qabeessa waan ta'eef, abbaan isaa firdii akka inni faraduuf gooftummaa kenneeraaf.

[28] Waa'ee kanaa hin dinqifatinaa; warri du'anii awwaalaman sagalee isaa yeroon itti dhaga'an in dhufa.

[29] Isaan awwaala keessaa in ba'u, warri waan gaarii hojjetan jireenya argachuudhaaf in ka'u, warri waan hamaa hojjetan immoo firdiitti dhi'aachuudhaaf in ka'u? jedhe.

[30] Yesus itti dabalee, ?Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee.

[31] Ofii kootiif dhugaa nan ba'a yoon ta'e, dhugaa ba'uun koo hin fudhatamu.

[32] Garuu anaaf kan dhugaa ba'u kan biraa tokko jira, dhugaan inni anaaf ba'us amanamaa akka ta'e ani beeka.

[33] Isin Yohannis cuuphaatti namoota ergitan; inni dubbii amanamaa sanaaf dhugaa ba'eera.

[34] Isin akka fayyitaniifan kana jedha malee, anoo dhugaa ba'uu namaa hin fudhadhu.

[35] Yohannis akka ibsaa boba'etti kan ibsu ture; isin garuu hamma yerootti ifa isaatti gammaduu barbaaddan.

[36] Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba'e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba'u qaba; hojiin abbaan koo akkan raawwadhuuf dabarsee anatti kenne baay'ee dha; hojiin ani hojjedhu kunis abbaan akka ana erge dhugaa anaaf in ba'a.

[37] Inni ana erge abbaanis immoo ofii isaatii anaaf dhugaa ba'eera; isin utuu inni dubbatuu sagalee isaa takkaa hin dhageenye, bifa isaas argitanii hin beektan.

[38] Isin isa abbaan ergetti hin amantan; kanaaf dubbiin isaa garaa keessan keessa hin turu.

[39] Caaffata qullaa'oo keessaa jireenya bara baraa qabna jettanii waan yaaddaniif, caaffatoota in qortu; caaffatoonni sunis immoo anaaf dhugaa in ba'u.

[40] Haa ta'u iyyuu malee, jireenya akka qabaattaniif gara koo dhufuu hin barbaaddan.

[41] ?Ani nama biraa ulfina hin fudhadhu.

[42] Akka isin Waaqayyoon hin jaallanne, anoo hubadheera.

[43] Ani maqaa abbaa kootiin nan dhufe, isin garuu ana hin simanne; kan biraa maqaa ofii isaatiitiin yoo dhufe, isa immoo in simattu.

[44] Isin walii walii keessan irraa ulfina fudhattu malee, ulfina isa Waaqayyo tokkicha biraa dhufu hin barbaaddan; egaa, attamitti amanuu dandeessu ree?

[45] Ani fuula abbaa koo duratti kanan isin hadheessu, isinitti hin fakkaatin; kan isin hadheessu jira, innis Musee isa isin abdattanii dha.

[46] Utuu isa Museen caafetti amantan ta'ee, anattis immoo in amantu turtan; Museen waa'ee koo caafeera.

[47] Isa Museen caafe isiniif kenne erga hin amantan ta'ee, attamitti isa ani afaan kootiin isinitti dubbadhu amantu ree?? jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Yohannis Caafe — Chapters