[1] Ayyaana Faasiikaa dura, Yesus biyya lafaa kana keessaa gara abbaa dhaquudhaaf yeroon isaa akka ga'e in beeke; inni biyya lafaa kana keessatti kan isaa warra ta'an akkuma jaallate, hamma dhumaatti jaalala guutuu isaan argisiise.
[2] Yeroo irbaataatti, Seexanni akka Yihudaan ilmi Simoon, namni biyya Keriyot, Yesusin dabarsee kennuuf yaada isaa irra kaa'ate.
[3] Yesus immoo Waaqayyo abbaan waan hundumaa harka isaatti akka kenne, inni ofii isaatii Waaqayyo biraa akka dhufe, gara Waaqayyoos akka dhaqu in beeke.
[4] Kanaafis irbaata irraa ka'ee, wayyaa isaa of irraa fuudhee kaa'ee, erbee tokkos fuudhee mudhiitti suuqate.
[5] Xuwwee miillaatti bishaan buusee, miilla bartootaa dhiqee, erbicha mudhiitti suuqate sanaanis qoorsuutti ka'e.
[6] Simoon Phexros biras geenyaan, Phexros, ?Gooftaa situ miilla koo dhiqaa?? ittiin jedhe.
[7] Yesus immoo, ?Waan ani hojjechaa jiru ati amma hin beektu; gara booddeetti garuu in hubatta? jedhee deebiseef.
[8] Phexrosis, ?Yoom iyyuu taanaan miilla koo hin dhiqxu? jedheen. Kana irratti Yesus, ?Ani yoon si dhiquu dhabaadhe, na biraa qooda hin qabdu? jedhee deebiseef.
[9] Simoon Phexros yommus, ?Yoos miilla koo duwwaa utuu hin ta'in, harkas mataas na dhiqi!? ittiin jedhe.
[10] Yesus immoo, ?Kanaan dura kan dhiqate miilla isaa duwwaa dhiqachuu malee, lammaffaa isaaf hin barbaachisu inni guutummaatti qullaa'aa dha'o; isin qullaa'oo dha, garuu hunda keessan miti? jedheen.
[11] Innoo dabarsee isa kennuuf kan ture, eenyu akka ta'e waan beekeef, ?Hundumti keessan qullaa'oo miti? jedhe.
[12] Yesus miilla isaanii dhiqee wayyaa isaa fudhatee, iddoo isaatti erga deebi'ee booddee, ?Waanan isiniif godhe hubattuu ree?
[13] ?Barsiisaa, gooftaas? jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa.
[14] Ani barsiisaan keessaniif gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta'a.
[15] Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta'eera.
[16] Dhuguma, dhuguman isinitti hima, hojjetaan isa isa hojjechiifatu irra hin caalu, inni ergames isa ergate irra hin caalu.
[17] Kana erga beektanii, akkuma kanaatti yoo hojjettan kan ayyaanomtanii dha.
[18] ?Ani waa'ee hunduma keessaniitiif hin dubbadhu, warra ani fo'adhe immoo beeka; inni macaafni, ?Namichi buddeena koo nyaate na dhiite!? jedhu garuu, raawwatamuun in ta'a.
[19] Yommuu inni ta'u ?Ani isa ta'uu koo? akka amantaniif, utuu inni hin ta'in duraan dursee amma isinitti nan hima.
[20] Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni isa ani erge simatu ana simachuu isaa ti, namni ana simatus isa ana erge simachuu isaa ti? jedhee isaanitti dubbate.
[21] Yesus erga kana dubbatee booddee, hafuura isaatti dhiphatee, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, tokko isin keessaa dabarsee na kennuuf jedha? jedhee dhugaa ba'e.
[22] Bartoonni garuu waa'ee eenyuutiif akka inni dubbate walii wallaalanii, ija keessa wal ilaalan.
[23] Bartoota isaa keessaa inni Yesus jaallate tokko baay'ee Yesusitti maxanee in taa'a ture.
[24] Kanaaf Simoon Phexros waa'ee eenyuutiif akka Yesus dubbate haa gaafatuuf, nyaaraan bartichatti argisiise.
[25] Bartuun sunis gara Yesusitti jedhee, ?Yaa gooftaa, eenyu inni?? jedhee gaafate.
[26] Yesus immoo, ?Inni ani buddeena afaan-kaa'ata tokko cuuphee kennuuf isa? jedhee deebiseef; si'uma sanas buddeena afaan-kaa'ata tokko cuuphee, Yihudaa ilma Simoon nama biyya Keriyotiif kenne.
[27] Yihudaan akkuma buddeenicha afaan kaa'ateen, Seexanni isatti gale; yommus Yesus, ?Waan gochuuf jettu dafii godhi!? ittiin jedhe.
[28] Warra maaddiitti taa'an sana keessaas, maaliif Yesus akkas akka ittiin jedhe, homtinuu hin hubanne.
[29] Kaan Yihudaan korojoo horii waan baateef Yesus, ?Waan ayyaanaaf nu barbaachisu biti!? ittiin jedhe; yookiis immoo akka inni hiyyeessotaaf waa kennuuf, itti hime se'an.
[30] Yihudaan buddeena afaan-kaa'ata tokko sana fudhatee, achumaan gad ba'e; yeroon isaa immoo halkan ture.
[31] Yihudaan erga gad ba'ee booddee, Yesus, ?Egaa ilmi namaa ulfina argachuu isaa ti; Waaqayyos isaan ulfina argachuu isaa ti.
[32] [Waaqayyo isaan ulfina erga argatee], Waaqayyo immoo deebisee ulfina isa in argachiisa, dafees in argachiisa.
[33] Yaa ijoollee koo si'achi yeroo gabaabaa duwwaadhaafan isinii wajjin jira; na barbaaduuf jirtu, ?Iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan? jedhee Yihudootatti akkuman hime, isinittis immoo amma nan hima.
[34] Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera.
[35] Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku? jedhe.
[36] Yommus Simoon Phexros, ?Eessa dhaquuf jetta yaa gooftaa?? jedheen; Yesus immoo, ?Iddoo ani dhaquudhaaf jedhu amma na duukaa dhufuu hin dandeessu, booddee garuu na duukaa in buuta? jedhee deebiseef.
[37] Kana irratti Phexros, ?Gooftaa maaliifan amma si duukaa bu'uu hin danda'u? Anoo siif jedhee lubbuu koo kennuuf jira? jedheen.
[38] Yesus immoo deebisee, ?Maal akkas anaaf jettee lubbuu kee kennita? Dhuguma, dhuguman sitti hima, indaanqoon utuu hin iyyin si'a sadii na ganta? jedhe.