Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:57

[1] Bitaaniyaa ganda Maariyaamii fi obboleettii ishee Maartaatti, namichi Alaazaar jedhamu tokko dhukkubsachaa ture.

[2] Maariyaam kun ishee gooftaa urgooftuu dibdee, rifeensa mataa isheetiin miilla isaa haxooftee dha; Alaazaar inni dhukkubsate kun immoo obboleessa ishee ti.

[3] Kanaaf obboleettonni isaa gara Yesusitti nama erganii, ?Gooftaa! Kunoo inni ati jaallattu in dhukkubsata? jedhan.

[4] Yesus kana yommuu dhaga'e, ?Dhukkubni kun Alaazaar du'ee akka hafuuf miti, ulfina Waaqayyoo akka mul'isuuf, ilmi Waaqayyoos ittiin akka ulfaatuuf malee? jedhe.

[5] Yesus immoo Maartaa fi obboleettii ishee, Alaazaarinis in jaallata ture.

[6] Garuu dhukkubsachuu Alaazaar erga dhaga'ee iyyuu, iddoodhuma ture sana guyyaa lama oole.

[7] Kana booddee garuu Yesus, ?Mee kottaa ammas biyya Yihudaa in dhaqnaa!? jedhee bartoota isaatti in dubbate.

[8] Bartoonni isaa immoo, ?Barsiisaa! Dhi'oo kana Yihudoonni dhagaadhaan si dha'uu barbaadan; ati immoo ammas achi dhaquu yaaddaa?? jedhaniin.

[9] Yesus garuu deebisee, ?Ifni guyyaa tokkoo sa'aatii kudha lama qaba mitii ree? Namni guyyaadhaan adeemu, ifa aduu waan arguuf hin gufatu.

[10] Namni halkaniin adeemu garuu, ifa of keessaa waan hin qabneef in gufata? jedhe.

[11] Yesus kana erga dubbatee booddee, ?Alaazaar firri keenya rafeera, ani immoo dhaqeen isa dammaqsa? isaaniin jedhe.

[12] Kana irratti bartoonni isaa, ?Yaa gooftaa yoo rafeera ta'eo in fayya? jedhaniin.

[13] Yesus akka Alaazaar du'e isaanitti dubbate, isaan garuu waa'ee rafiitii hirribaa waan dubbate isaanitti fakkaate.

[14] Kanaaf Yesus mul'inumatti, ?Alaazaar du'eera;

[15] isin amanuu akka dandeessaniif, baga ani achi hin jiraatin; amma garuu kottaa gara isaa in dhaqnaa!? isaaniin jedhe.

[16] Toomaas inni ?Diidimos? jedhame immoo, ?Egaa kottaa in dhaqna, nuyis barsiisaa wajjin in duunaa!? jedhee bartoota warra kaanitti dubbate.

[17] Yesus yommuu achi ga'e, Alaazaar du'ee erga awwaalamee guyyaa afur ta'uu isaa bare.

[18] Bitaaniyaan Yerusaalem irraa akka kiiloo metrii sadii yookiis adeemsa walakkaa sa'aatii duwwaa in fagaata ture.

[19] Yihudoonni baay'eenis waa'ee du'a obboleessa isaaniitiif Maartaa fi Maariyaamin jajjabeessuudhaaf dhufanii turan.

[20] Maartaan dhufa Yesus dhageessee, gad itti baate; Maariyaam garuu mana keessa in teessi turte.

[21] Maartaan yommus Yesusiin, ?Gooftaa utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du'u ture.

[22] Ammuma iyyuu immoo waanuma ati isa kadhatte, Waaqayyo akka siif kennu ani nan beeka? jette.

[23] Yesus yommus, ?Obboleessi kee in ka'a? ittiin jedhe.

[24] Maartaan immoo deebiftee, ?Guyyaa isa dhumaatti, yeroo warri du'an du'aa ka'anitti, akka inni ka'u ani beeka? jette.

[25] Yesus garuu, ?Du'aa ka'uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du'e iyyuu in jiraata.

[26] Utuu jiruu kan anatti amanu hundinuu immoo bara baraan hin du'u; kana amantaa ree?? jedheen.

[27] Isheen kana irratti, ?Eyyee gooftaa, ati Kristos, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru, ilma Waaqayyoo akka taate amaneera? jetteen.

[28] Maartaan erga kana jettee booddee, dhaqxee obboleettii ishee Maariyaamin suuta jettee waamte; ?Barsiisaan as jira, si waamas? jette.

[29] Maariyaam akkuma kana dhageesseen, daftee kaatee gara Yesus dhaqxe.

[30] Yesus iddoodhuma Maartaan isatti dhufte ture malee, amma illee gandichatti hin galle.

[31] Yihudoonni warri ishee jajjabeessuudhaaf ishee wajjin mana keessa turan, Maariyaam daftee kaatee gad ba'uu ishee argan; isaan iddoo awwaalaatti boo'uu dhaqxi se'anii ishee duukaa in bu'an.

[32] Maariyaam iddoo Yesus ture geessee, erga isa argitee miilla isaatti kuftee, ?Gooftaa! Utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du'u ture? jetteen.

[33] Yesus boo'icha ishee fi boo'icha Yihudoota warra ishee wajjin dhufanii yommuu arge, hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame.

[34] ?Eessatti awwaaltan?? jedhee gaafannaan, ?Kottuutii ilaali gooftaa!? jedhanii deebisaniif.

[35] Yesus imimmaan isaa dhangalaase.

[36] Yommus warri Yihudootaa, ?Ilaa attam isa jaallate!? jedhan.

[37] Isaan keessaa garri kaan garuu, ?Inni ija nama jaamaa bane kun, Alaazaar akka hin duune gochuu hin danda'u turee?? jedhan.

[38] Yesus ammas of keessatti dhiphatee, gara awwaalichaa dhaqe. Awwaalichi holqa dhagaa ti; holqichis dhagaadhaan cufamee ture.

[39] Yommus Yesus, ?Dhagicha ittii fuudhaa!? jedhe; Maartaan obboleettiin isa du'e immoo, ?Gooftaa, yoona foolii godhateera, erga awwaalamee har'a guyyaa afuraffaa isaa ti? ittiin jette.

[40] Kana irratti Yesus, ?Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu, ani sitti hin himnee ree?? isheedhaan jedhe.

[41] Kana booddee isaan dhagicha awwaalichattii fuudhan; Yesus garuu ol ilaalee, ?Yaa abbaa! Anaaf dhaga'uu keetiif sin galateeffadha.

[42] Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as dhaabatan kun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana dubbadhe? jedhe.

[43] Kana jedhee sagalee guddaadhaan, ?Alaazaar as ba'i!? jedhee waame.

[44] Kanaaf namichi du'ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba'e; miilla isaa lamaanii fi harka isaa lamaanitti wayyaan hidhamee, fuula isaattis uffanni maramee ture. Yesus, ?Irraa hiikaatii gad dhiisaa! Haa dhaqu!? jedhee isaan abboome.

[45] Yihudoota gara Maariyaam dhufan keessaa baay'een, waan Yesus hojjete arganii itti amanan.

[46] Isaan keessaa kaan immoo gara warra Fariisotaa dhaqanii, waan Yesus hojjete isaanitti himan.

[47] Kana irratti luboonni warri angafoonnii fi Fariisonni yaa'ii warra Yihudootaa walitti waammatanii, ?Waa'ee namicha milikkita baay'ee argisiisaa jiru kanaa maal gochuu nuuf wayya?

[48] Akkasumatti yoo isa dhiifne, namoonni hundinuu isatti in amanu; warri Roomaas dhufanii, mana qulqullummaa keenya, saba keenyas nu duraa fudhatu? jedhan.

[49] Isaan keessaa tokko, Qayyaafaa inni jedhamu, waggaa sanatti angafa lubootaa ture; inni, ?Isin homaa iyyuu hin beektan.

[50] Sabni guutummaatti dhumuu mannaa, namni tokko sabaaf du'uun akka isiniif wayyus hin hubattan? isaaniin jedhe.

[51] Inni dubbii kana of keessaa fuudhee hin dubbanne; waggaa sanatti angafa lubootaa waan tureef, Yesus saba sanaaf du'uuf akka jiru, raajii dubbate malee.

[52] Saba sana duwwaadhaaf utuu hin ta'in, ijoollee Waaqayyoo warra biyya adda addaatti bittimmaa'an tokkummaatti walitti qabuudhaaf du'uuf ture.

[53] Kanaaf jarri guyyaa sanaa jalqabanii, Yesusin ajjeesuudhaaf murtoo godhan.

[54] Yommus Yesus qooda mul'inatti Yihudoota gidduu deddeebi'uu, iddoo sana dhiisee gara kutaa biyyaa isa lafa onaatti dhi'aatuu, gara mandara Efreem jedhamuu dhaqee, bartoota isaa wajjin achi in bubbule.

[55] Ayyaanni Faasiikaa warra Yihudootaa dhi'aannaan, biyya keessaa namoonni baay'een, ayyaanichi utuu hin ga'in of qulleessuudhaaf, Yerusaalemitti ol ba'an.

[56] Isaan kun Yesusii wajjin wal arguu barbaadan; mana qulqullummaa keessa dhaabatanii, ?Maal isinitti fakkaata? Gara ayyaanichaa in dhufa moo?? waliin jedhan.

[57] Luboonni warri angafoonnii fi Fariisonni, Yesusin qabachuudhaaf, namni iddoo inni jiru beeku akka isaanitti beeksisuuf abboommii baasan.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Yohannis Caafe — Chapters