[1] Yesus, ?Mukichi waynii inni dhugaan ana, mukicha dhaabee kan eeguu immoo abbaa koo ti.
[2] Damee utuu anatti jiruu ija hin godhanne, hundumaa in mura; damee isa ija godhatu hundumaa garuu, caalchisee akka inni ija godhatuuf irraa in qeexa'a.
[3] Isin ammuma iyyuu dubbii ani isinitti dubbadheen qulleeffamtaniittu.
[4] Anatti qabadhaa jiraadhaa! Anis isinitti nan jiraadha; akkuma dameen muka waynichaatti qabatee yoo jiraachuu dhabaate ofiin ija godhachuu hin dandeenye, isin anatti qabattanii yoo jiraachuu dhabaattan ija godhachuu hin dandeessan.
[5] Ani muka waynichaa ti isin immoo damoota isaa ti; inni anatti qabatee jiraatu, anis isatti jiraadhu, isa ija baay'ee kan godhatu; anattii gargar baatanii waan tokko illee gochuu hin dandeessan.
[6] Namni anatti qabatee hin jiraanne, akkuma damee sanaa in gatama, in gogas; damoota akkasiis walitti qabanii ibiddatti in naqu, in gubatus.
[7] Isin anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan in kadhattu, isiniif in ta'as.
[8] Kanaan, ija baay'ee godhachuu keessaniin, bartoota koo akka taatanis mul'isuu keessaniin ulfinni abbaa koo in argama.
[9] ?Abbaan akka na jaallate, anis akkasuma isin jaalladheera; jaalala kootti qabamaa jiraadhaa!
[10] Akkuma ani abboommii abbaa kootii hundumaa eegee, jaalala isaattis qabamee jiraadhu, isinis abboommii koo hundumaa yoo eegdan jaalala kootti qabamtanii in jiraattu.
[11] Gammachuun koo isin keessatti akka argamuuf, gammachuun keessanis guutuu akka ta'uufan kana hundumaa isinitti dubbadhe.
[12] ?Abboommiin koo isa kana; ani akkan isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa!
[13] Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda'u.
[14] Waanan isin abboome yoo gootan, isin firoota koo ti.
[15] Ani garboota isiniin hin jedhu, garbichi waan gooftaan isaa godhu hin beeku'o; ani garuu firoota koo isiniin jedheera, waanan abbaa koo irraa dhaga'e hundumaas isin beeksiseera.
[16] Isin ana hin fo'anne, anatu isin fo'ate; dhaqxanii akka ija godhattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf, maqaa kootiin abbaa waan kadhattanis akka inni isiniif kennuuf, ani isin kaaseera.
[17] Kana hundumaa akka isin wal jaallattaniifan isin abbooma? jedhe.
[18] Yesus itti dabalees, ?Biyyi lafaa yoo isin jibbe, isin dura akka ana jibbe beekaa!
[19] Kan biyya lafaa utuu taatanii, biyyi lafaa akka kan isaatiitti isin in jaallata ture; amma garuu anatu biyya lafaa keessaa isin fo'ate malee, isin kan biyya lafaa waan hin ta'iniif, biyyi lafaa isin in jibba.
[20] Dubbii ani, ?Hojjetaan isa hojjechiifatu irra hin caalu? jedhee isinitti hime yaadadhaa! Kanaaf na ari'atanii yoo jiraatan isinis in ari'atu; dubbii koo eeganii yoo jiraatan, dubbii keessanis in eegu.
[21] Sababii kootiif jedhanii kana hundumaa isin irratti in raawwatu, isa na erge sana hin beekani'o.
[22] Utuu ani dhufee isaanitti hin dubbanne ta'ee, cubbuu isaanitti hin ta'u ture; amma garuu cubbuu isaaniif waan itti qabatan hin argatan.
[23] Namni na jibbu, abbaa koos immoo in jibba.
[24] Utuu hojii namni biraa tokko illee hin hojjetin kana hundumaa, ani isaan gidduutti hin hojjenne ta'ee, cubbuu isaanitti hin ta'u ture; amma garuu hojii kana hundumaa utuma arganii, anas abbaa koos in jibban.
[25] Kana gochuun isaaniis, dubbiin seera isaanii keessatti, ?Sababiidhuma malee na jibban? jedhamee caafame akka raawwatamuuf.
[26] ?Hafuura isa isiniif dubbatu, abbaa biraa isiniif nan erga; hafuurri dhugaa inni abbaa biraa ba'u sun yommuu dhufu, anaaf dhugaa in ba'a.
[27] Isinis immoo jalqabaa jalqabdanii anaa wajjin waan turtaniif, dhugaa in baatu? jedhe.