[1] Yesus yommus Yohannis irra kan caalu bartoota dabalachaa, cuuphaas akka ture warri Fariisotaa dhaga'uu isaanii, Yesusis in bare.
[2] Utuma ta'uu iyyuu bartoota isaatu cuuphe malee Yesus ofii isaatii hin cuuphne ture.
[3] Kana booddee inni kutaa biyya Yihudaa dhiisee Galiilaa dhaqe.
[4] Yeroo achi dhaqu immoo Samaariyaa keessa darbuun isa irra ture.
[5] Kutaa biyya Samaariyaa keessaa gara mandara Siikaar jedhamu tokkoo dhufe; mandarichi lafa isa Yaaqoob ilma isaa Yoseefiif kennetti dhi'oo dha.
[6] Bishaan boollaa Yaaqoob achi ture. Yesus karaa adeemaa oolee waan dadhabeef, boolla bishaanii sana bukkee taa'e; yeroon isaas akka sa'aatii ja'aa ture.
[7] Dubartiin Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuudhaaf dhufte; yommus Yesus, ?Bishaan dhugaatii anaaf kenni!? ittiin jedhe.
[8] Bartoonni isaa nyaata bituudhaaf gara mandaraa dhaqanii turan.
[9] Dubartiin Samaariyaa sun, ?Attamitti ati Yihudii taatee, ana dubartii Samaariyaa bishaan dhugaatii gaafatta?? ittiin jette. Yihudoonni warra Samaariyaa wajjin qodaa tokkotti hin sooratan.
[10] Yesus immoo deebiseefii, ?Kennaa Waaqayyoo utuu beektee, inni ?Bishaan dhugaatii anaaf kenni!? siin jedhe kunis eenyu akka inni ta'e utuu hubattee, silaa situ isa kadhata, inni immoo bishaan yeroo hundumaa jiraatu siif in kenna ture? jedheen.
[11] Dubartittiin kana irratti, ?Yaa gooftaa, atoo waan ittiin budduqsitu hin qabdu, boolli bishaanichaa immoo gad fagoo dha, bishaan yeroo hundumaa jiraatu sana eessaa fidda ree?
[12] Abbaa keenya Yaaqoob isa bishaanicha dhugee, ijoolleen isaa, horiin isaas dhuganii, boolla bishaanichaa immoo nuuf kenne in caaltaa?? jetteen.
[13] Yesus immoo, ?Bishaan kana irraa kan dhugu hundinuu deebi'ee in dheebota;
[14] bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'ao? ittiin jedhe.
[15] Kana irratti dubartittiin, ?Yaa gooftaa! Deebi'ee akka ani hin dheebonneef, bishaan waraabbachuufis akka ani as hin dhufneef, bishaan kana anaaf kenni!? jetteen.
[16] Yesus immoo, ?Dhaqi! Abbaa manaa kee waamii kottu!? jedheen.
[17] Dubartittiin deebiftee, ?Anoo abbaa manaa hin qabu? jetteen; Yesus immoo, ?Isa ?Abbaa manaa hin qabu? jette, ba'eessa dubbatte.
[18] Abboota manaa shan qabda yoo turte iyyuu, inni amma sii wajjin jiru abbaa manaa kee miti'o; kana dhugaa dubbatte? ittiin jedhe.
[19] Kana irratti dubartittiin, ?Akka ati raajii taate nan arga, yaa gooftaa.
[20] Abboonni keenya gaara kana gubbaatti in sagadu; isin warri Yihudootaa immoo ?Lafti itti Waaqayyoof sagaduun ta'u Yerusaalem keessa jira? jettu? ittiin jette.
[21] Yesus yommus, ?Dubartii nana, yeroon itti isin gaara kana gubbaatti yookiis Yerusaalemitti abbaadhaaf hin saganne dhufuuf jira; na amani!
[22] Isin waan hin beeknetti sagaddu, nuyi garuu waan beeknutti saganna, fayyinni Yihudoota keessaa in dhufa.
[23] Yeroon itti warri dhuguma sagadan, hafuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaaf sagadan garuu in dhufa; innis ammuma iyyuu ga'eera. Abbaanis warra akkasitti isaaf sagadan in barbaada.
[24] Waaqayyo hafuura; warri isaaf sagadanis hafuuraa fi dhugaadhaan isaaf sagaduun in ta'aaf? ittiin jedhe.
[25] Dubartittiin immoo deebiftee, ?Masiihiin inni Kristos jedhamu akka dhufu anuu beeka; inni gaafa dhufe waan hundumaa nutti in hima? jette.
[26] Yesus yommus, ?Inni amma sii wajjin dubbachaa jira; kunoo ani isa? ittiin jedhe.
[27] Yeroo kanatti bartoonni isaa deebi'anii dhufan; dubartii wajjin dubbachuu isaatiifis in dinqifatan, garuu isaan keessaa tokko illee, maal akka isheen barbaaddu, yookiis maaliif akka inni isheedhaa wajjin dubbatu hin gaafanne.
[28] Dubartittiin yommus okkotee ishee achumatti dhiifte, gara mandaraa dhaqxee namootattis dubbattee,
[29] ?Kottaa namicha, waan ani kanaan dura hojjedhe hundumaa anatti hime tokko ilaalaa; kun Kristos laataa?? jette.
[30] Namoonni yeroo sanatti mandaricha keessaa ba'anii, gara isaa dhufuutti ka'an.
[31] Kana gidduutti bartoonni isaa, ?Yaa barsiisa, waa nyaadhu!? jedhanii isa in kadhatu turan.
[32] Inni garuu deebisee, ?Ani nyaata isin hin beekne kanan nyaadhu qaba? isaaniin jedhe.
[33] Yommus bartoonni, ?Namni nyaata fideef jiraa ree?? waliin jedhan.
[34] Yesus immoo, ?Nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha.
[35] Isin amma, ?Haamaan ji'a afur booddee in ta'a? jettu mitii? Ija keessaniin maasicha ilaalaa! Ani immoo, midhaan ammuma iyyuu bilchaatee, haamaan akka ga'e kunoo isinittan beeksisa.
[36] Inni haamu gatii isaa in argata, ija midhaanichaas jireenya bara baraatiif walitti in qaba; kunis inni facaasuu fi inni haamu walii wajjin akka gammadaniif in ta'a.
[37] Egaa mammaaksichi, ?Namni tokko in facaasa inni kaan immoo in haama? jedhu sun kanaan dhugaa in ta'a.
[38] Waan itti hin dadhabin akka haamtaniifan isin erge; warri kaan itti dadhabaniiru, isin immoo isa isaan itti dadhabanitti galtan? isaaniin jedhe.
[39] Sababii dubartittiin, ?Waan ani kanaan dura hojjedhe hundumaa anatti hime? jettee dhugaa baateef, mandara sanaa warri Samaariyaa baay'een isatti amanan.
[40] Warri Samaariyaa kunis yeroo isa bira ga'an, isaan bira akka turuuf Yesusin kadhannaan, inni guyyaa lamaaf isaan bira ture.
[41] Namoonni sonaan baay'eenis dubbii isaatiif jedhanii itti amanan.
[42] Jarri garuu dubartittiidhaan, ?Egaa nuyi si'achi waan ati dubbatteef amanna miti; nuyi ofuma keenyaa dhageenyeerra, inni kun dhuguma fayyisaa biyya lafaa akka ta'es in beekna? jedhan.
[43] Guyyaa lamaan sana booddees Yesus achii ba'ee kutaa biyya Galiilaa dhaqe.
[44] Innumtuu ofii isaatii illee raajiin tokko biyya isaa keessatti akka hin fudhatamne dubbatee ture.
[45] Warri Galiilaas gara ayyaanichaatti ol ba'anii, guyyaa ayyaanaa sana Yerusaalemitti kan inni hojjete hundumaa waan arganiif, yeroo inni Galiilaa ga'e isa siman.
[46] Inni deebi'ee Qaanaa Galiilaa, iddoo itti bishaan daadhii wayniitti geddare in dhufe; Qifirnaahomis namichi mootiidhaaf hojjetu tokko ture; ilmi isaa duraa dhukkubsatee ture.
[47] Yesus Yihudaadhaa Galiilaa dhufuu isaa yommuu dhaga'es, namichi gara isaa dhaqee Qifirnaahomitti gad bu'ee, akka inni ilma isaa isa du'atti dhi'aate fayyisuuf Yesusin kadhate.
[48] Yesus immoo, ?Silaa isin milikkitaa fi dinqii yoo arguu dhabaattan hin amantan? jedheen.
[49] Namichi mootiidhaaf hojjetu sunis, ?Yaa gooftaa kottu, mucaan koo utuu hin dui'n gad bu'i!? jedheen.
[50] Yesus immoo, ?Dhaqi! Ilmi kee siif in jiraata? ittiin jedhe; namichis dubbicha Yesus isatti dubbate amanee dhaqe.
[51] Gara manaatti utuu inni adeemaa jiruu, hojjetoonni isaa karaatti itti dhufanii, ilmi isaa du'a akka oole itti himan.
[52] Inni immoo sa'aatii mucichi itti foyya'e isaan irraa qorannaan, isaan immoo ?Kaleessa sa'aatii torbaffaatti dhagna gubaan isa dhiise? jedhaniin.
[53] Yommus abbaan mucichaa yeroo itti Yesus, ?Ilmi kee siif in jiraata? ittiin jedhetti ta'uu isaa hubate; kana irratti inni, namoonni isaa hundinuus in amanan.
[54] Yesus Yihudaadhaa gara Galiilaatti erga deebi'ee, kanaan milikkita lammaffaa gochuu isaa ti.