[1] Guyyaa sadaffaatti immoo kutaa biyya Galiilaa mandara Qaanaatti cidhi tokko ture; haati Yesus achi turte.
[2] Yesusii fi bartoonni isaas cidhichatti waamamanii turan.
[3] Daadhiin waynii duraa dhumnaan, haati isaa, ?Daadhii waynii hin qaban? jettee Yesusitti himte.
[4] Yesus immoo ?Haadhoo, maaliif hojii koo keessa lixa ree? Waa gochuuf yeroon koo amma illee hin geenye? jedhee deebise.
[5] Haati isaa yommus warra achii ergamaniin, ?Waanuma inni isinitti himu godhaa!? jetteen.
[6] Warri Yihudootaas seera ittiin ofii isaanii, qodaa isaaniis qulleessan qabu turan; kanaafis gaanii dhagaa ja'a, tokkon tokkon isaa akka liitrii saddeettamaa hamma dhibbaa fi digdamaatti kan fudhatu achi in dhadhaabatu.
[7] Yesus yommus jaraan, ?Bishaan gaanota kanatti guutaa!? jedhe; kanaaf isaan hamma afaaniitti guutan.
[8] Kana booddee Yesus, ?Buusaatii isa cidhicha geggeessutti geessaa!? isaaniin jedhe; isaan yommus itti geessan.
[9] Namichi bishaan isa daadhii ta'e sana miyeeffatee ilaale. Daadhichi eessaa akka ba'e, warra bishaan guure sanatu beeka malee namichi hin beeku ture. Yommus dhirsa misirroo ofitti waamee,
[10] ?Silaa illee akka amala biyya kanaatti namni hundinuu daadhii waynii isa gaarii dura kennee, erga keessummoonni quufanii daadhii isa laafaa fida; ati garuu daadhii isa gaarii hamma ammaatti keesse?, ittiin jedhe.
[11] Yesus milikkita argisiise hundumaa keessaa isa jalqabaa kana Qaanaa Galiilaatti hojjete, ulfina isaa mul'ise, bartoonni isaas ittumaa isatti amanan.
[12] Kana booddee Yesus haadha isaa, obboloota isaatii fi bartoota isaa wajjin gara mandara Qifirnaahomitti gad bu'e; garuu guyyaa baay'ee achi hin bubbulle.
[13] Ayyaanni Faasiikaa warra Yihudootaa geenyaan, Yesus gara Yerusaalemitti ol ba'e.
[14] Mana qulqullummaa keessattis namoota iddoo sana taa'anii sangoota, hoolota, gugees gurguran, warra horii callaa gegeddaranis arge.
[15] Yommus inni quncee irraa qaccee dha'atee, hunduma isaanii hoolota isaanii fi sangoota isaanii wajjin gad isaan oofe; horii warra horii gegeddaranii in bittimse, gabatootas gad gara galche.
[16] Warra gugee gurguraniin immoo, ?Kana keessaa gad baafadhaa! Mana abbaa kootiis mana bitaa gurgurtaa hin godhinaa!? jedheen.
[17] Yommus bartoonni isaa, ?Hinaaffaan mana keetii na guba? jedhamee isa caafame yaadatan.
[18] Kana irratti Yihudoonni, ?Waan ittiin kana gochuu dandeessu mul'isuudhaaf, milikkita maalii nu argisiifta?? jedhanii isa gaafatan.
[19] Yommus Yesus deebisee, ?Mana qulqullummaa kana jigsaa! Ani immoo guyyaa sadiitti deebisee isa nan dhaaba? isaaniin jedhe.
[20] Yihudoonni immoo, ?Mana qulqullummaa kana ijaaruun isaa waggaa afurtamii ja'a fudhate, ati immoo guyyaa sadii keessatti deebiftee isa dhaabdaa ree?? jedhanii gaafatan.
[21] Yesus garuu waa'ee mana qulqullummaa yommuu dubbate waa'ee dhagna ofii isaa dubbachuu isaa ti.
[22] Kanaaf bartoonni isaa, erga inni du'aa ka'ee booddee, waa'ee isa kanaaf dubbachuu isaa yaadatan; waan macaafni jedhe, dubbii Yesus dubbates in amanan.
[23] Yeroo inni ayyaana Faasiikaaf Yerusaalem turetti, namoonni baay'een milikkita inni godhe arganii isatti in amanan.
[24] Inni garuu namoota hundumaa gaarii godhee waan beekuuf, amanee isaanitti of hin dhiifne.
[25] Inni ofii isaatii garaa namaa keessa kan jiru waan beekuuf, kan biraa dhufee waa'ee nama tokkoo isatti himuu hin barbaachifne.