Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:44

[1] Kana booddee Yesus ciisa bishaan Xiberiyaas bukkeetti ammas bartootatti of mul'ise; akka kanatti aanee jirutti of mul'ise.

[2] Simoon Phexros, Toomaas inni ?Diidimos? jedhamu, Naataanaa'el inni Qaanaa Galiilaa, ilmaan Zabdewos, lamas bartoota warra kaan keessaa walii wajjin turan.

[3] Yommus Simoon Phexros, ?Ani qurxummii qabuu nan dhaqa? isaaniin jedhe; isaanis, ?Nuyis sii wajjin in dhaqna? jedhaniin; gad ba'aniis bidiruu yaabbatan. Halkan sana garuu waan tokko hin qabne.

[4] Erga boruun baqaqee immoo Yesus qarqara bishaanii dhaabatee ture; bartoonni garuu Yesus ta'uu isaa hin barre.

[5] Yesus yommus, ?Ijoollee! Qurxummii waa of biraa hin qabdanii?? isaaniin jedhe; isaan immoo, ?Waawuu? jedhanii deebisaniif.

[6] Inni immoo, ?Bidiricha bukkee gara mirgaatiin kiyyoo darbadhaa in argattus!? isaaniin jedhe. Isaanis kiyyicha darbatanii, baay'ina qurxummii irraa kan ka'es isa harkisuu dadhaban.

[7] Bartuun inni Yesus jaallate immoo, ?Innoo gooftaa dha? jedhee Phexrositti dubbate. Simoon Phexros, inni gooftaa akka ta'e, yommuu dhaga'e, qomee isaa isa of irraa baasee ture uffatee bishaanitti gad utaale.

[8] Bartoonni warri kaan immoo bidiruu keessa taa'anii, kiyyoo isa qurxummiin keessa guute harkisaa dhufan; isaan akka dhundhuma dhibba lamaa malee qarqara bishaanii irraa fagoo hin turre.

[9] Yommuu gara lafaatti ba'an immoo buddeenaa fi qurxummii barbadaa ibiddaa irra jiru argan.

[10] Yesus, ?Qurxummii isuma amma qabdan irraa waa fidaa!? isaaniin jedhe.

[11] Kanaaf Simoon Phexros bidiricha yaabee, kiyyoo isa qurxummii gurguddaan dhibbaa fi shantamii sadii keessa guute, gara lafaatti harkise; utuma qurxummiin hamma kana baay'atuu immoo kiyyoon hin tarsaane.

[12] Yesus yommus, ?Kottaa afaan bule baafadhaa!? isaaniin jedhe. Bartoota keessaa immoo tokko illee ija jabaatee, ?Ati eenyu?? kan jedheen hin jiru; isaan gooftaa ta'uu isaa baraniiru.

[13] Yesus dhufee buddeenicha fuudhee isaaniif kenne; qurxummichas akkasuma godhe.

[14] Yesus du'aa erga kaafamee, kanaan si'a sadaffaa bartoota isaatti of mul'isuu isaa ti.

[15] Erga afaan bule baafatanii booddee Yesus, Simoon Phexrosiin, ?Simoon ilma Yohannis! Isa warri kun na jaallatan caalaa ana jaallattaa ree?? jedhe; inni immoo, ?Eyyee gooftaa! Akkan si jaalladhu atuu in beekta? jedheen. Yesus deebisee, ?Ilmoolee koo tiksi!? jedhe.

[16] Si'a lammaffaas Yesus, ?Simoon ilma Yohannis, ana jaalattaa ree?? jedheen; yommusis inni, ?Eyyee gooftaa! Akkan si jaalladhu atuu in beekta? jedhee deebiseef. Yesus immoo, ?Hoolota koo eegi!? jedheen.

[17] Si'a sadaffaas Yesus, ?Simoon ilma Yohannis, ana jaalattaa ree?? jedheen. Phexros immoo waan inni si'a sadaffaa ?Ana jaalattaa ree? ittiin jedheef in gadde; deebise immoo, ?Gooftaa, ati waan hundumaa in beekta; akkan si jaalladhus atuu in hubatta? jedheen; Yesus immoo, ?Hoolota koo tiksi!

[18] Dhuguma, dhuguman siin jedha, ati dargaggeessa yommuu turte ofuma keetiin mudhii kee hidhattee, gara jaallatte in dhaqxa turte; yommuu dulloomtu garuu ati harka kee in diriirsita, kan biraas mudhii kee si hidha, fuudhees gara ati hin jaallannetti si geessa? ittiin jedhe.

[19] Kanas, Phexros du'a maaliitiin Waaqayyoof ulfina kennuuf akka jiru mul'isuuf dubbate; dubbii kana booddee immoo, ?Na duukaa bu'i!? ittiin jedhe.

[20] Phexros gara galee bartuu isa Yesus in jaallata ture isaan duukaa utuu dhufuu in arge; bartuun kun isa irbaata irratti isatti jedhee, ?Gooftaa, eenyu inni dabarsee si kennuuf jedhu?? jedhee gaafatee turee dha.

[21] Phexros yommuu isa arge, Yesusiin, ?Gooftaa, inni kun immoo attam ta'a?? jedhe.

[22] Yesus immoo, ?Hamma ani dhufutti akka inni jiraatuuf yoon barbaade maaltu si dhibe? Atumtuu ana duukaa bu'i!? jedheen.

[23] Achumaanis oduun, ?Bartuun kun hin du'u? jedhu obboloota keessatti odeeffame. Yesus garuu, ?Hamma ani dhufutti akka inni jiraatuuf yoon barbaade, maaltu si dhibe?? jedheen malee, ?Inni hin du'u? hin jenne.

[24] Inni dubbii kanaaf dhugaa ba'u, kan kana hundumaa caafes bartuudhuma kana; nuyis akka dhugaan isaa amanamaa ta'e in beekna.

[25] Kana malees, kan biraa Yesus kan hojjete waan baay'een jiru; hundumti isaanii tokko tokkoon utuu caafamanii, biyyi lafaa macaafota isaan itti caafaman fudhachuu hin danda'u anatti fakkaata.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Yohannis Caafe — Chapters