Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:47

[1] Yesus itti fufee, ?Ani kana hundumaa karaa irraa akka isin hin gufanneefan isinitti hime.

[2] Manneen sagadaa isaanii keessaa isin in baasu; caalaadhumatti iyyuu yeroon itti isin ajjeesan in dhufa; namni yoo isin ajjeeses Waaqayyoof waan hojjetu isatti fakkaata.

[3] Isaan abbaa yookiis ana waan hin beekiniif kana hundumaa in godhu.

[4] Egaa yeroon, kun hundinuu itti ta'u yommuu ga'u, kana isinitti himuu koo akka yaadattaniifan, kana isinitti dubbadhe. Ani jalqabatti dubbii kana isinitti hin himne, yommus ofii kootii isinii wajjinan ture? jedhe.

[5] Yesus, ?Amma garuu gara isa na ergee nan dhaqa, isin keessaas tokko illee, ?Eessa dhaqxa?? jedhee ana hin gaafatu.

[6] Waan ani kana jedheef immoo, garaan keessan baay'ee gaddeera.

[7] Dhuguman isinitti hima, yoon adeeme isiniif wayya; yoon adeemuu dhabaadhe inni isiniif dubbatu gara keessan hin dhufu; ani yoon dhaqe garuu isa isiniifan erga.

[8] Inni yommuu dhufu waa'ee cubbuu, waa'ee qajeelummaa, waa'ee firdiis, biyya lafaa in hubachiisa.

[9] Isaan waan anatti hin amanneef, cubbuu isaanii in argisiisa;

[10] ani gara abbaa dhaquu kootiin isinis na arguu dhabuudhaan qajeelummaa koo in argisiisa;

[11] isa biyya lafaa kana abboomutti faradamuu isaatiin, firdii in argisiisa.

[12] ?Ani waan baay'ee kanan isinitti himu illee qaba, ammaaf garuu baachuu hin dandeessan.

[13] Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin in geessa; inni waan dhaga'u dubbata malee, of keessaa fuudhee hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti in mul'isa.

[14] Dubbii koo keessaa fuudhee waan isinitti mul'isuuf, inni anaaf ulfina in kenna.

[15] Waan abbaan qabu hundinuu kan koo ti; kanaafan inni dubbii koo keessaa fuudhee isinitti in mul'isa, jedhee isinitti dubbadhe? jedhe.

[16] Yesus, ?Yeroo xinnoo booddee na arguu in dhabdu, ammoo yeroo xinnoo booddee deebitanii na argitu? jedhe.

[17] Bartoota isaa keessaa kaan, ? ?Yeroo xinnoo booddee na arguu in dhabdu, ammoo yeroo xinnoo booddee deebitanii na argitu?, yeroo biraa immoo, ?Ani gara abbaa dhaquu koo ti? nuun jechuun isaa kun maali?? waliin jedhan.

[18] Itti fufaniis, ? ?Yeroo xinnoo? jechuun isaa kun maali? Maal akka inni jedhu hin beeknu? jedhan.

[19] Yesus akka isaan isa gaafachuu barbaadan baree, ?Inni ani ?Yeroo xinnoo booddee na arguu in dhabdu, ammoo yeroo xinnoo booddee deebitanii na argitu? jedhe maal jechuu akka ta'e, wal gaggaafachaa jirtuu?

[20] Dhuguma, dhuguman isiniin jedha; isin in boossu in wawwaattus; biyyi lafaa garuu in gammada; isin in gadditu, gaddi keessan garuu gammachuutti in geddarama.

[21] Dubartiin ciniinsifattu yeroon ishee waan ga'eef in gadditi; mucaa erga deessee garuu, namni biyya lafaatti waan dhalateef, gammachuu irraa kan ka'e rakkina ishee sana hin yaadattu.

[22] Akkasuma isinis amma gadda qabdu; garuu ani deebi'ee isin nan arga, garaan keessanis in gammada, gammachuu keessanis eenyu illee isin duraa hin fudhatu.

[23] Gaafas isin homaa ana hin gaafattan; dhuguma, dhuguman isinitti hima, waanuma isin maqaa kootiin isa kadhattan abbaan isiniif in kenna.

[24] Hamma ammaatti isin maqaa kootiin waan tokko illee hin kadhanne; egaa gammachuun keessan guutuu akka ta'uuf kadhadhaa, in fudhattus!? isaaniin jedhe.

[25] Yesus, ?Kana hundumaa dubbii haalaatiin isinitti dubbadheera; garuu yeroon ani dubbii haalaatiin isinitti hin dubbanne in dhufa; yommus mul'inattan waa'ee abbaa isinitti hima.

[26] Gaafas isin maqaa kootiin in kadhattu, ani immoo abbaatti isiniif nan dubbadha isiniin hin jedhu.

[27] Isin waan na jaallattaniif, abbaa biraa dhufuu koos waan amantaniif, abbaan ofii isaa isin in jaallata.

[28] Abbaa biraa ba'een gara biyya lafaa dhufe, deebi'ee immoo biyya lafaa nan dhiisa gara abbaas nan dhaqa? jedhe.

[29] Yommus bartoonni isaa, ?Kunoo amma'oo dubbii haalaatiin hin dubbattu, mul'inatti himta.

[30] Amma ati waan hundumaa, gaaffii namni qabu iyyuu utuu inni si hin gaafatin akka beektu nuyi barreerra; kanaanis Waaqayyo biraa akka ati dhufte in amanna? jedhaniin.

[31] Yesus immoo isaaniif deebisee, ?Amma in amantuu?

[32] Yeroo isin itti kophaatti na dhiiftanii gara mana mana keessaniitti bittimmooftan in dhufa, ammuma iyyuu immoo dhufeera; ani garuu kophaa koo miti, abbaan anaa wajjin jira.

[33] Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera? jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Yohannis Caafe — Chapters