[1] Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.
[2] Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture.
[3] Wanti hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru.
[4] Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture.
[5] Ifichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga'uu hin danda'u.
[6] Namni Waaqayyo biraa ergame tokko ture, maqaan isaas Yohannis jedhama.
[7] Inni kun dhugaa ba'uudhaaf dhufe; namoonni hundinuu dubbii isaatiin akka amananiif waa'ee ifichaa dhugaa ba'e.
[8] Inni ofii isaa ificha hin turre, waa'ee ifichaa akka dhugaa ba'uuf ergame malee.
[9] Ifichi inni dhugaan, inni gara biyya lafaa dhufe, namoota hundumaaf in ibsa.
[10] Inni biyya lafaa keessa ture; biyyi lafaas isumaan ta'e; biyyi lafaa garuu isa hin beekne.
[11] Gara biyya dhuunfaa isaa dhufe; namoonni isaa garuu isa hin simanne.
[12] Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha.
[13] Isaan kun Waaqayyottii dhalatan malee, dhiigattii yookiis fedha fooniittii yookiis fedha dhiiraattii hin dhalanne.
[14] Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture.
[15] Yohannis waa'ee isaatiif dhugaa in ba'a; sagalee isaa ol fudhatees, ? ?Inni ana booddee dhufu ana irra caala, ana dura ture'o? jedhee waa'ee isaa kanan dubbadhe, kunoo isa kana? jedhe.
[16] Guutummaa ayyaana isaa keessaa hundumti keenya ayyaana irratti ayyaana fudhanneerra.
[17] Seerri Museedhaan kenname, ayyaannii fi dhugaan garuu Yesus Kristosiin argaman.
[18] Homtinuu takkaa Waaqayyoon hin argine, ilma tokkicha isa abbaa bukkee ture sanatu waa'ee isaa hiikee beeksise malee.
[19] Yeroo Yihudoonni Yerusaalemii lubootaa fi Lewoota Yohannisitti erganii, ?Ati eenyu?? jedhanii isa gaafachiisanitti, Yohannis,
[20] utuu hin haalin, ?Ani Kristos isa abdachiifame miti? jedhee mul'isee dhugaa ba'e.
[21] Warri ergamanis deebisanii, ?Amma ati eenyu? Ati Eliyaasii?? jedhanii isa gaafatan. Inni immoo, ?Waawuu ani isa miti? jedhe. Isaan, ?Ati raajichaa ree?? ittiin jennaan, ?waawuu? jedhee deebise.
[22] Isaanis, ?Eenyu ati? Egaa, warra nu erganitti kan deebifnu nutti himi; ati eenyu ofiin jetta?? ittiin jedhan.
[23] Yohannis deebisee, ?Isaayaas raajichi akkuma dubbatetti, ?Ani sagalee namaa, isa karaa gooftaan irra adeemu qajeelchaa? jedhee, lafa onaa keessaa iyyuu dha? jedhe.
[24] Warri isatti ergaman immoo Fariisota keessaa turan.
[25] Isaan kun itti dabalanii, ?Ati Kristos yookiis Eliyaas yookiis raajicha erga hin ta'inii maaliif cuuphxa ree?? jedhanii isa in gaafatan.
[26] Yohannis immoo, ?Ani bishaaniinan isin cuupha, inni isin isa hin beekne garuu isin gidduu in dhaabata.
[27] Inni na booddee in dhufa; ani immoo hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf nama ta'u miti? jedhee isaaniif deebise.
[28] Wanti kun hundinuu Yordaanos gama, Betaabaraa iddoo Yohannis cuuphaa turetti ta'e.
[29] Borumtaa Yohannis utuu Yesus gara isaa dhufuu argee, ?Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu.
[30] ?Namni ana booddee dhufu ana irra caala, ana dura ture'o? jedhee waa'ee isaa kanan dubbadhe isa kana.
[31] Ani ofii kootii iyyuu isa hin beekne, garuu Israa'elitti akka inni mul'ifamuufan bishaaniin namoota cuuphuu dhufe? jedhe.
[32] Yohannis dhugaa ba'eefii, ?Hafuurri qulqulluun akka gugeetti waaqa irraa isa irra bu'ee hafuu isaa argeera.
[33] Ani ofii kootii iyyuu isa hin beekne; garuu inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, ?Hafuurri qulqulluun isa irra bu'ee hafuu isaa kan argitu, isa inni hafuura qulqulluudhaan cuuphu? jedhee anatti hime.
[34] Ani ofii kootii kana argeera, inni kun ilma Waaqayyoo ta'uu isaas dhugaa ba'eera? jedhe.
[35] Borumtaas immoo Yohannis bartoota isaa keessaa namoota lamaa wajjin in dhaabata ture.
[36] Yohannis utuu Yesus achiin darbuu ilaalee, ?Ilaa hoolicha Waaqayyoo? jedhe.
[37] Bartoonni isaa lamaan kana dubbachuu isaa dhaga'anii, Yesus duukaa bu'an.
[38] Yesus gara galee isa duukaa bu'uu isaanii argee, ?Maal barbaaddu?? jedhee isaan gaafate. Isaan immoo, ?Rabbii, eessa buufatte?? jedhanii deebisaniif; ?Rabbii? jechuun ?Barsiisaa? jechuu dha.
[39] Yesus immoo, ?Kottaatii ilaalaa!? jedhee isaaniif deebise. Bartoonni sunis dhaqanii, iddoo Yesus buufate arganii, guyyaa sana isa bira oolan; yeroon isaa akka sa'aatii kudhanii ture.
[40] Bartoota lamaan dubbii Yohannis dhaga'anii, Yesus duukaa bu'an keessaa, inni tokko Indriiyaas obboleessa Simoon Phexros ture.
[41] Indriiyaas, dura obboleessa isaa Simoonin argatee, ?Masiihicha arganneerra? jedhee itti hime; ?Masiihii? jechuun ?Kristos? jechuu dha.
[42] Indriiyaasis Simoonin gara Yesusitti geesse; Yesus immoo isa ilaalee, ?Edaa ati Simoon ilma Yohannis; egaa si'achi ?Keefaas? jedhamtee in waamamta? jedheen. ?Keefaas? jechuun afaan Griikiitti ?Phexros? jechuu dha; Phexros jechuun immoo ?Dhagaa hin sochoone? jechuu dha.
[43] Borumtaas Yesus Galiilaa dhaquudhaaf ka'ee, Filiphosin argatee, ?Na duukaa bu'i!? ittiin jedhe.
[44] Filiphosis akkuma Indriiyaasii fi Phexros, nama mandara Betsayidaa ture.
[45] Filiphos kun Naataanaa'elin argatee, ?Isa Museen macaafa seeraa keessatti, raajonnis immoo macaafa isaanii keessatti waa'ee isaa caafan arganneerra; inni namicha Naazireet, Yesus ilma Yoseef? jedheen.
[46] Naataanaa'el yommus, ?Naazireet keessaa wanti gaariin ba'uu danda'aa?? jedhee Filiphosin gaafate; Filiphos immoo, ?Kottuutii ilaali!? jedhee deebiseef.
[47] Yesus, utuu Naataanaa'el gara isaa dhufuu argee, ?Ilaa, nama Israa'el isa dhugaa isa sobni keessa hin jirre? jedhee waa'ee isaa dubbate.
[48] Naataanaa'el, ?Eessatti na beekta?? jedhee isa gaafate; Yesus immoo deebisee, ?Filiphos utuu si hin waamin muka harbuu jalattan si arge? jedheen.
[49] Kana irratti Naataanaa'el, ?Rabbii! Ati ilma Waaqayyoo ti, ati mootii Israa'el!? jedheen.
[50] Yesus ammas deebisee, ?Muka harbuu jalattan si arge waanan siin jedheef amantaa? Isaan kana irra kan caalu iyyuu arguuf jirta? jedheen.
[51] Itti dabalees, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, waaqa banamaa, ergamoota Waaqayyoos ilma namaa irra utuu ol ba'anii gad bu'anii arguuf jirtu? jedheen.