Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:46

[1] Kana booddees Yihudoonni warri Yesusiin morman isa ajjeesuu waan yaadaniif, Yesus kutaa biyya Galiilaa keessa deddeebi'e malee, kutaa biyya Yihudaa keessa deddeebi'uu hin barbaanne.

[2] Ayyaanni Yihudootaa inni ayyaana Gordommaa jedhamu tokko dhi'aatee ture.

[3] Obboloonni Yesus immoo, ?Bartoonni kee hojii ati hojjettu akka arganiif, iddoo kanaa ka'ii kutaa biyya Yihudaa dhaqi!

[4] Eenyu illee mul'inatti yoo beekamuu barbaade, hojii isaa dhoksaatti hin hojjetu; amma garuu ati hojii kana hundumaa in hojjetta erga ta'ee, biyya lafaatti of mul'isi!? ittiin jedhan.

[5] Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne.

[6] Yesus immoo, ?Yeroon anaaf ta'u amma illee hin geenye, isiniif garuu yeroon hundinuu kan ta'u isinitti fakkaata.

[7] Biyyi lafaa isin jibbuu hin danda'u; ana garuu, hojiin isaa hamaa akka ta'e waanan dhugaa itti ba'uuf, in jibba.

[8] Isin ofii keessanii gara ayyaanichaatti ol ba'aa, ani garuu, yeroon anaaf ta'u waan hin raawwataminiif, amma illee gara ayyaana kanaatti ol hin ba'u? jedhee isaaniif deebise.

[9] Kana isaaniin jedhee, Galiilaatti hafe.

[10] Obboloonni isaa gara ayyaanichaatti erga ol ba'anii booddee, Yesus immoo mul'inatti utuu hin ta'in dhoksaatti ol ba'e.

[11] Yihudoonni warri Yesusiin morman, ?Inni eessa jira?? jechaa ayyaanicha irratti in iyyaafatu turan.

[12] Namoonnis waa'ee isaa in guungumu turan; isaan keessaa garri tokko, ?Inni nama gaarii dha? jedhan, garri tokko immoo, ?Waawuu, inni namoota karaa irraa kaachisa? jedhan.

[13] Haa ta'u iyyuu malee, Yihudoota warra Yesusiin morman waan sodaataniif, isaan keessaa namni tokko illee waa'ee isaa mul'isee hin dubbanne.

[14] Guyyoonni ayyaanichaa torban erga walakkatanii, Yesus mana qulqullummaatti ol galee barsiisuutti ka'e.

[15] Yihudoonni warri Yesusiin morman, ?Inni kun barumsa dheeraa utuu hin qabaatin, attamitti macaafota beeke?? jedhanii dinqifatan.

[16] Yesus immoo isaaniif deebisee, ?Barsiifni ani barsiisu kan koo miti, kan isa ana ergee ti malee.

[17] Namni fedha Waaqayyoo raawwachuu barbaade, barsiifni kun Waaqayyo biraa ta'uu isaa yookiis of keessaa fuudhee dubbachuu koo in hubata.

[18] Namni of keessaa fuudhee dubbatu, ulfina mataa isaa barbaada; inni ulfina isa isa ergee barbaadu garuu dhuga-qabeessa, jal'innis isa keessa hin jiru.

[19] ?Museen seera isiniif kenneera mitii? Isin keessaas tokko illee seericha hin eegne; egaa maaliif ana ajjeesuu barbaaddu ree?? jedhe.

[20] Jarri kana irratti, ?Seexanatu si keessa jira! Eenyutu si ajjeesuu barbaada?? jedhaniin.

[21] Yesus immoo deebisee, ?Ani hojii isin dinqisiisu tokko hojjedheera, isin hundumti keessan immoo isa irratti in rifattan.

[22] Museen seera dhagna-qabaa isiniif kenne; dhagna-qabaan kun illee abaabiliidhaan dhufe malee, Museedhaan hin jalqabamne; isin immoo guyyaa Sanbataatti iyyuu nama dhagna in qabdu.

[23] Seerri Musee akka eegamuuf, namni guyyaa Sanbataatti iyyuu dhagna kan qabatu erga ta'ee, guyyaa Sanbataatti waan ani nama guutummaa isaa fayyiseef anatti dheekkamtu ree?

[24] Akka bakkeedhaan ilaaltanitti hin faradinaa, firdii qajeelaa kennaa malee? isaaniin jedhe.

[25] Amma immoo warra Yerusaalem keessaa jarri tokko, ?Inni kun isa isaan ajjeesuu barbaadan mitii?

[26] Ilaa inni mul'inumatti dubbachaa jira, isaanis waan tokko illee isa irratti hin dubbatan; warri aboo qaban, akka inni Masiihicha ta'e dhuguma hubatan laataa?

[27] Haa ta'u iyyuu malee, namichi kun nama eessaa akka ta'e in beekna; Masiihichi yommuu dhufu garuu, eessaa akka inni ta'e homtinuu hin beeku? jedhan.

[28] Isa irratti Yesus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee, ?Dhuguma ana beektu, nama eessaa akkan ta'es in beektu. Ofiin hin dhufne, inni ana erge jira; inni amanamaa dha, isin immoo isa hin beektan.

[29] Ani garuu isa biraa nan dhufe, isatus na erge; kanaafis isa nan beeka? isaaniin jedhe.

[30] Kana irratti isa qabuu yaadan; garuu yeroon isaa amma illee waan hin ga'iniif, namni tokko iyyuu harkaan isa hin qabne.

[31] Namoota sana keessaa baay'een Yesusitti amanan; isaanis, ?Masiihichi yommuu dhufu, isa namichi kun argisiise irra caalaa milikkita argisiisa laataa?? jedhan.

[32] Fariisonni yommus isa namoonni waa'ee Yesus guunguman dhaga'an; luboonni warri angafoonni, Fariisonnis Yesusin qabsiisuudhaaf naa'ota isaanii isatti ergan.

[33] Yesus yeroo sanatti, ?Egaa ani yeroo gabaabduu duwwaadhaaf isin biran jira; kana booddee gara isa ana ergee nan dhaqa.

[34] Isin ana barbaaduuf jirtu, garuu ana hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan? jedhe.

[35] Yihudoonni warri Yesusiin morman, ?Akka nuyi isa hin argineef namichi kun eessa dhaquudhaaf jedha? Gara Yihudoota warra biyya Griikotaa keessatti faca'anii dhaqee Griikota barsiisuu yaadaa?

[36] ?Isin ana barbaaduuf jirtu, garuu ana hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan? jechuun isaa kun maal jechuu isaa ti?? jedhanii waliin dudubbatan.

[37] Guyyaan dhuma ayyaanichaa guyyoota sana hunduma irra caalaa guddaa ture; guyyaa sanatti Yesus ka'ee dhaabatee, sagalee isaa ol fudhatee, ?Namni dheebote yoo jiraate gara koo haa dhufu, haa dhugus.

[38] Namni anatti amanu akkasuma haa godhu! Macaafni akkuma dubbate, ?Yaa'aan bishaan jiraataa garaa isaa keessaa in burqa?? jedhe.

[39] Inni dubbii kana waa'ee hafuura qulqulluu, isa warri isatti amanan fudhachuuf jiraniif dubbate; inni iddoo ulfina isaatti waan ol hin fudhataminiif, hafuurri qulqulluun amma iyyuu hin kennamne ture.

[40] Warra dubbii kana dhaga'an keessaa jarreen tokko, ?Namichi kun dhuguma raajicha? jedhan.

[41] Warri kaan immoo, ?Inni Kristos? jedhan; warri kaan garuu, ?Kristos Galiilaadhaa dhufaa?

[42] Macaafichi, Kristos sanyii Daawit keessaa Betlihem ganda Daawitii akka dhufu hin dubbannee ree?? jedhan.

[43] Namoonni waa'ee isaa irratti yaadaan gargar ba'an.

[44] Isaan keessaa kaan isa qabuu barbaadan; garuu namni tokko iyyuu harkaan isa hin qabne.

[45] Naa'onni warri Yesusitti ergaman gara luboota warra angafootaatti gara warra Fariisotaattis in deebi'an; isaan immoo, ?Maaliif Yesusin hin dhi'eessine?? jedhanii naa'ota in gaafatan.

[46] Naa'onnis, ?Akka namicha kanaatti takkaa namni dubbatee hin beeku? jedhanii deebisaniif.

[47] Kana irratti warri Fariisotaa, ?Isinuma iyyuu karaa irraa isin kaachise.

[48] Warra aboo qaban keessaa yookiis warra Fariisotaa keessaa tokko iyyuu isatti amaneeraa ree?

[49] Jarattii seera Museedhaan kenname hin beekne kana duwwaa dha; isaan immoo abaaramoo dha? jedhaniin.

[50] Niqoodemos inni duraan gara Yesus dhaqe immoo, warra Fariisotaa sana keessaa tokko ture.

[51] Inni yommus, ?Seerri keenya afaan isaa irraa utuu hin dhaga'in, waan inni hojjetes utuu hin hubatin nama tokkotti in farachiisaa?? isaaniin jedhe.

[52] Isaan garuu deebisanii, ?Atis immoo nama Galiilaa tii? Macaaficha qoriitii ilaali! Galiilaadhaa raajiin hin ka'u? jedhaniin. [

[53] Kana booddee hundumti isaanii gara mana mana isaaniitti galan.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Yohannis Caafe — Chapters