[1] Ayyaaneffamuu Faasiikaa guyyaa ja'aan jiru, Yesus Bitaaniyaa iddoo Alaazaar ture dhaqe; inni isa Yesus warra du'an keessaa dammaqse ture.
[2] Achitti irbaata qopheessaniif; Maartaan in ergamti, Alaazaar garuu warra isaa wajjin maaddiitti dhi'aatan keessaa tokko ture.
[3] Maariyaam yommus urgooftuu dibataa makaa hin qabne hidda biqiltuu gati-jabeessa ?Naardos? jedhamu irraa kan hojjetame, akka walakkaa liitrii kan ta'u fuutee, miilla Yesus lachuu dibdee, rifeensa mataa isheetiinis haxoofte; manichi immoo foolii urgooftuu sanaatiin in guutame.
[4] Bartoota isaa keessaa tokko, Yihudaan namni biyya Keriyot, inni isa qabsiisuuf jira ture garuu kana irratti,
[5] ?Urgooftuun kun meetii dhibba sadiitti gurguramee, maaliif warra hiyyeessotaaf hin kennamne?? jedhee dubbate.
[6] Kana immoo hiyyeessotaaf oo'ee miti, hattuu waan tureef jedhe malee; korojoo horii isaanii isa baatu keessaas in fudhata ture.
[7] Yesus immoo, ?Ishee dhiisi! Guyyaa awwaala kootiif na qopheessuudhaaf urgoofticha keesse'o.
[8] Namoota hiyyeessota yeroo hundumaa of biratti in argattu, ana garuu yeroo hundumaa hin argattan? jedhe.
[9] Yihudoota keessaas namoonni sonaan baay'een Yesus achi jiraachuu dhaga'an; yommus Yesus duwwaadhaaf utuu hin ta'in, Alaazaarin isa inni warra du'an keessaa dammaqses ilaaluudhaaf achi dhufan.
[10] Yommus luboonni warri angafoonni Alaazaarin immoo ajjeesuudhaaf murtoo godhan.
[11] Sababiin isaa immoo Yihudoota keessaa baay'een isaaf jedhanii dhaqanii, Yesusitti in amanu waan turaniif.
[12] Borumtaas namoonni sonaan baay'atanii ayyaanichaaf ol ba'an, Yesus Yerusaalem akka dhufu dhaga'an.
[13] Damee muka meexxii harkatti qabatanii, isa simuudhaaf ba'an; sagalee guddaadhaanis, ?Hosaa'inaa, mootiin Israa'el inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha? jedhan.
[14] Yesus yommus ilmoo harree tokko argatee irra taa'e; kunis macaafa keessatti caafameera;
[15] ?Yaa ijoollee Xiyoon hin sodaatinaa, kunoo mootiin keessan ilmoo harree irra taa'ee in dhufa? jedhame.
[16] Bartoonni isaa si'a duraa kana hin hubanne; Yesus ulfina isaatti erga ol fudhatamee booddee garuu, kun waa'ee isaatiif akka caafame, kanas akka isaaf godhan in yaadatan.
[17] Namoonni gaafa inni Alaazaarin awwaala keessaa waamee, warra du'an keessaas dammaqse isa bira turan, kana gochuu isaa dhugaa ba'anii turan.
[18] Yommus tuuti jaraa milikkita kana argisiisuu isaa waan dhaga'aniif, isa simuudhaaf ba'an.
[19] Warri Fariisotaa garuu, ?Isin waan tokko dhimma baafachuu akka hin dandeenye in argitu; biyyi lafaa isa duukaa bu'eera? waliin jedhan.
[20] Warra yeroo ayyaanichaatti sagaduudhaaf ol ba'an keessa, Griikonni tokko turan.
[21] Isaan kun Filiphos, nama Betsayidaa isa kutaa biyya Galiilaa sana bira dhufanii, ?Yesusin arguu feena, gooftaa? jedhaniin.
[22] Filiphos immoo dhaqee Indriiyaasitti hime; Indriiyaasii fi Filiphos walii wajjin dhaqanii Yesusitti himan.
[23] Yesus garuu deebisee, ?Yeroon ilmi namaa ulfina isaatti ol fudhatamu ga'eera.
[24] Dhuguma, dhuguman isinitti hima; iji qamadii biyyoo keessa bu'ee yoo du'uu dhabaate, tokkichuma ta'ee hafa; yoo du'e garuu ija baay'ee in godhata.
[25] Namni jireenya isaa mararsiifatu jireenya isaa in dhaba; namni biyya lafaa kanatti jireenya isaa hin mararsiifanne garuu, jireenya bara baraatiif isa in kaa'ata.
[26] Namni tokko yoo anaaf ergamuu barbaade, ana duukaa bu'uun in ta'aaf, inni anaaf ergamus lafa ani jiru in jiraata; namni anaaf ergamu yoo jiraate, abbaan koo ulfina in kennaaf? jedhe.
[27] Yesus itti fufee, ?Amma lubbuun koo dhiphatteetti; egaa, ?Yaa abbaa yerottii kana na oolchi!? jedhu moo ree? Garuu sababiidhuma kanaaf ani immoo gara yerottii kanaa dhufe.
[28] Yaa abbaa maqaa kee ulfeessi, guddisi!? jedhe. Yommus sagaleen tokko waaqa irraa dhufee, ?Raawwadhee ulfeessee, guddiseera; si'achis nan ulfeessa, nan guddisas!? jedhe.
[29] Tuuta achi ijaajjee dhaga'aa ture keessaa kaan, ?Kakawwee dha? jennaan, kaan immoo, ?Ergamaa Waaqayyootu isatti dubbate? jedhan.
[30] Yesus immoo deebisee, ?Sagaleen kun sababii keessaniif dubbate malee, sababii kootiif miti.
[31] Yeroon firdii biyya lafa kanaa amma, inni hamaan biyya lafaa kana seerratus amma gad in gatama.
[32] Ani yommuun lafa irraa ol kaafamu, nama hundumaa ofitti nan harkisa? jedhe.
[33] Kanas du'a attamii du'uudhaaf akka ture tuquuf jedhe.
[34] Tuuti jaraas deebisanii, ?Kristos bara baraan akka jiraatu seera irraa dhageenyeerra; egaa attamitti ilmi namaa ol kaafamuun in ta'a jetta ree? Ilmi namaa kun eenyu inni?? jedhaniin.
[35] Yesus immoo, ?Ifni amma iyyuu yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira; dukkanni akka isin hin qaqqabnetti, ificha utuu qabdanii adeemaa! Namni dukkana keessa adeemu, gara kam akka dhaqu hin beeku.
[36] Ijoollee ifaa akka taatanitti, ificha utuu qabdanii ifichatti amanaa!? isaaniin jedhe. Yesus kana dubbatee isaan biraa adeemee, ija isaanii duraas of dhokse.
[37] Utuma Yesus milikkita baay'ee isaan duratti hojjetee argisiisuu iyyuu, isaan isatti hin amanne.
[38] Kun immoo dubbiin raajicha Isaayaas akka raawwatamuuf, isa inni, ?Yaa gooftaa, eenyutu waan nuyi dhageenyee itti himne amane? Irreen Waaqayyoos eenyutti mul'ate?? jedhe.
[39] Isaan amanuu hin dandeenye; Isaayaas itti dabale immoo,
[40] ?Ija isaaniitiin akka hin arginetti, garaa isaaniitiinis akka hin fudhannetti akka ani isaan fayyisuufis, akka isaan hin deebinetti, inni ija isaanii jaamseera, garaa isaaniis jabeesseera? jedhee dubbateera.
[41] Isaayaas ulfina isaa argee, waa'ee isaa waan dubbateef kana jedhe.
[42] Haa ta'u iyyuu malee, Yihudoota warra aboo qaban keessaa iyyuu baay'een itti amananiiru; garuu mana sagadaa isaanii keessaa nu baasu jedhanii warra Fariisotaa waan sodaataniif, isatti amanuu isaanii hin mul'ifne.
[43] Isaan Waaqayyo irraa ulfina argachuu caalaa nama irraa ulfina argachuu jaallatan.
[44] Yesus sagalee isaa guddisee, ?Namni anatti amanu, isa ana erge sanatti amana malee, anatti amana miti;
[45] namni ana argus, isa ana erge sana arga.
[46] Eenyu illee kan anatti amanu dukkana keessatti akka hin hafnetti, ani ifa ta'ee gara biyya lafa kanaa dhufeera.
[47] Namni dubbii koo dhaga'ee yoo eeguu dhabaate, ani isatti hin faradu; ani biyya lafaa oolchuudhaaf malee, itti faraduudhaaf hin dhufne.
[48] Nama ana tuffatee, dubbii koo fudhachuu didetti kan faradu jira; dubbii ani dubbadhetu guyyaa isa dhumaatti isatti farada.
[49] Abbicha isuma na ergetu ofii isaatii waanan dubbadhu na abboome malee, ani ofuma kootiin hin dubbanne.
[50] Dubbiin inni na abboomes, jireenya bara baraaf akka ta'e ani beeka; egaa waanan jedhu, akka abbaan anatti himettan dubbadha? jedhe.