[1] Yesus dubbii kana erga dubbatee bartoota isaa wajjin ka'ee, iddoo dhaabaa dachaa Qedroon gama jiru tokko dhaqe; inni, bartoonni isaas dhaabaa sana keessa lixan.
[2] Yesus yeroo baay'ee bartoota isaa wajjin achitti wal arga waan tureef, Yihudaan inni dabarsee isa kennuuf ture iddoo sana in beeka.
[3] Yommus Yihudaan loltuu kutata tokko, warra eegduu mana qulqullummaa, luboota angafootaa fi Fariisota biraa ergamanis, of duukaa buusee dhufe; jarri guca, ibsaa, mi'a lolaas in baatu turan.
[4] Yesus waan isatti dhufuuf jiru hundumaa beekee, ka'ee itti adeemee, ?Eenyuun barbaaddu?? isaaniin jedhe.
[5] Isaan immoo deebisanii, ?Yesusin namicha biyya Naazireet? jedhan; kana irratti Yesus, ?Innoo, ana? jedhe. Yihudaan inni dabarsee isa kennus isaanumaa wajjin in dhaabata ture.
[6] Yeroo inni, ?Innoo, ana? isaaniin jedhetti gara booddee isaaniitti deebi'anii in kukkufan.
[7] Ammas, ?Eenyuun barbaaddu?? jedhee isaan gaafate; isaan immoo, ?Yesusin namicha biyya Naazireet? jedhan.
[8] Yesus deebisee, ? ?Innoo, ana?, jedhee isinitti himeera; kanaaf ana barbaaddu yoo ta'e, isaan kana dhiisaa, haa dhaqan!? jedhe.
[9] Dubbiin inni kanaan dura, ?Warra ati anaaf kennite keessaa tokko illee hin ganne? jedhe, akka raawwatamuuf kana dubbate.
[10] Simoon Phexros, billaa qaba ture iyyuu, luqqifatee naa'oo angafa lubootaa rukutee, gurra isaa mirgaa irraa kute; maqaan naa'oo sanaa immoo Maalkos ture.
[11] Yesus garuu Phexrosiin, ?Billaa kee mann'ee isaatti deebisi! Xoofoo dhiphinaa abbaan anaaf kenne keessaa hin dhuguu ree?? jedhe.
[12] Kutati warra loltuu, angafni kumaas, karaa warra Yihudootaa immoo eegdonni mana qulqullummaa Yesusin qabanii hidhan.
[13] Duras Haannaasitti isa geessan; Haannaas abbiyyuu Qayyaafaa ti, Qayyaafaan immoo bara sanatti angafa lubootaa ture.
[14] Qayyaafaan kunis, namni tokko sabaaf du'uu akka wayyu Yihudoota isa gorse ture.
[15] Simoon Phexrosii fi bartuun kan biraa tokko Yesus duukaa dhaqan; bartuun inni kaan angafa lubootaa biratti beekamaa waan tureef, Yesusii wajjin oobdii mana angafa lubootaa sana lixe.
[16] Phexros immoo karaa alaa karra dura in dhaabata ture; kanaaf bartuun inni kaan, inni angafa lubootaa biratti beekame sun, gad ba'ee xomboree ishee karra eegdutti dubbatee, Phexrosin ol galche.
[17] Xomboreen karra eegdu sun Phexrosiin, ?Atis bartoota namicha kanaa keessaa tokko mitii ree?? jette; inni immoo, ?Ana miti? jedhe.
[18] In dhaamota waan tureef, hojjetoonnii fi eegdonni ibidda cilaattii qabsiisanii, ijaajjanii in qaqqaammatu turan; Phexrosis isaanii wajjin dhaabatee in qaqqaammata ture.
[19] Angafichi lubootaa yommus Yesusin waa'ee bartoota isaatii fi waa'ee barsiisa isaatii gaggaafate.
[20] Yesus immoo deebisee, ?Ani mul'inatti biyya lafaatti dubbadheera; yeroo hundumaas mana sagadaa fi mana qulqullummaa iddoo Yihudoonni hundinuu itti wal ga'anitti barsiiseera; dhoksaattis waan tokko illee hin dubbanne.
[21] Egaa maaliif na gaafatta ree? Waanan isaaniin jedhe, warra na dhaga'e gaafadhu; isaan waanan jedhe in beeku? jedheen.
[22] Yeroo inni kana jedhetti, eegdota isa bukkee dhaabatan keessaa tokko, ?Akkasitti angafa lubootaatiif deebii deebiftaa?? jedhee maddii isaa kabale.
[23] Yesus deebisee, ?Yoon dabaa dubbadheera ta'e, dabaa sana mul'isii dhugaa ba'i! Dubbii qajeelaa yoon dubbadhe garuu maaliif na rukutta ree?? jedheen.
[24] Haannaas ergasii Yesusin, akkuma inni hidhamee jirutti, gara Qayyaafaa angaficha lubootaatti in erge.
[25] Simoon Phexros dhaabatee utuu ibidda qaqqaammachaa jiruu, warri kaan, ?Atis bartoota isaa keessaa tokko mitii?? jedhanii isa gaafatan; inni garuu, ?Ana miti? jedhee gane.
[26] Hojjetoota angafa lubootaa keessaas tokko, firri isa Phexros gurra isaa kutee, ?Isaa wajjin iddoo dhaabaa sana keessatti ani si hin arginee?? jedhe.
[27] Phexros garuu ammas in gane; yommusumas indaanqoon in iyyite.
[28] Ergasii Yesusin mana Qayyaafaatii gara mana mootummaa warra Roomaa, lafa inni biyya bulchu jiraatutti geessan; yeroon isaas ganama barii ture. Warri Yihudootaa ofii isaaniitii hoolaa Faasiikaa nyaachuudhaaf of in eeggatu waan turaniif, akka hin xuroofneef mana mootummaa warra Roomaa sana hin linne.
[29] Kanaaf Philaaxos gara isaaniitti gad ba'ee, ?Wanti isin namicha kana ittiin hadheessitan maali?? jedheen.
[30] Isaan immoo deebisanii, ?Utuu inni kun nama hamaa hojjete ta'uu dhabaate, nuyi sitti dabarsinee isa hin laannu turre? jedhaniin.
[31] Philaaxos immoo, ?Isinumti isa fudhadhaa! Dhaqaatii akka seera keessaniitti isatti faradaa? isaaniin jedhe. Warri Yihudootaa garuu, ?Nuyi nama tokko illee ajjeesuuf seerri nuuf hin kennu? jedhaniin.
[32] Kanas, Yesus du'a attamiitiin du'uuf akka jiru tuquudhaaf kan inni jedhe, akka raawwatamuuf dubbatan.
[33] Philaaxos yommus gara mana mootummaa sanatti ol deebi'e, Yesusin waamsisee, ?Ati mooticha Yihudootaa tii?? jedhee isa gaafate.
[34] Yesus deebisee, ?Kana yaaduma keetiin dubbatta moo yookiis warra kaantu waa'ee koo sitti hime?? jedhe.
[35] Philaaxos immoo, ?Anatu Yihudii dha moo ree? Saba keetu, luboota warra angafootatus anatti dabarsee si kenne, ati maal goote?? jedhe.
[36] Yesus garuu deebisee, ?Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti; utuu mootummaa biyya lafa kanaa ta'ee, akka ani warra Yihudootaatti hin kennamneef, namoonni koo anaaf in lolu turan; garuu mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti? jedhe.
[37] Philaaxos, ?Yoos immoo ati mootii dha kaa?? jedheen; Yesus deebisee, ?Akka ani mootii ta'e ati iyyuu in jetta, dhugaadhaaf dhugaa ba'uufan dhaladhe, kanumaaf anis gara biyya lafaa dhufe; inni kan dhugaa ta'e hundinuus, sagalee koo in dhaga'a? jedhe.
[38] Kana irratti Philaaxos, ?Dhugaan maal inni?? jedheen. Kana dubbatee ammas gara warra Yihudootaatti gad ba'ee, ?Ani dabaa tokko illee isa irratti hin argu.
[39] Garuu Faasiikaatti nama hidhame tokko akkan isiniif gad dhiisu, amala godhattaniittu; mooticha Yihudootaa kana akkan isiniif gad dhiisu in feetuu?? isaaniin jedhe.
[40] Isaan itti iyyanii, ?Isa kana miti, Barabbaa malee!? jedhan; Barabbaan kun immoo saamtuu ture.