[1] Guyyaa jalqaba torbaniitti, [gaafa Sanbata guddaa,] utuu dukkanaa'uutti jiruu obboroodhaan, Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalichaa dhuftee, dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turan, awwaalicha irraa akka fuudhame argite.
[2] Isheen fiigaa gara Simoon Phexrosii fi gara bartuu isa kaan, isa Yesus jaallatee dhuftee, ?Goofticha awwaala keessaa fudhataniiru, eessa akka isa kaa'anis hin beeknu!? jettee isaanitti himte.
[3] Yommusumas Phexrosii fi bartuun inni kaan ba'anii, gara awwaalichaa dhaqan.
[4] Isaan lamaan walii wajjin fiigan; bartuun inni kaan garuu Phexros dura darbee fiigee, dafee awwaalicha bira ga'e.
[5] Innis gad jedhee kafanni achi akka jiru arge malee, keessa hin linne.
[6] Simoon Phexrosis immoo isa booddeedhaan dhufee, achumaan awwaalichatti ol lixee, kafanichi achi kaa'amee arge.
[7] Erbeen mataa Yesus irra ture garuu, kafanichaa wajjin hin kaa'amne, dachaafamee kophaatti iddoo tokko ture malee.
[8] Kana booddee bartuun inni kaan, inni Phexros dura awwaala bira ga'ee ture, keessa lixee, kana argee amanes.
[9] Macaafni, ?Inni, warra du'an keessaa ka'uun in ta'aaf? in jedha, isaan garuu kana hamma ammaatti hin beekne.
[10] Kana booddee bartoonni deebi'anii manatti galan.
[11] Maariyaam alaan awwaala bukkee dhaabatee in boossi turte; isheen boo'aa gad jettee awwaalicha keessa ilaalte.
[12] Ergamoonni Waaqayyoo lama uffata adii uffatanii, iddoo Yesus kaa'amee ture, inni tokko mataa duraan, inni kaan immoo miilla jalaan utuu taa'anii argite.
[13] Isaan yommus, ?Dubartii nana, maaliif boossa?? jedhanii ishee gaafatan; isheen immoo, ?Gooftaa koo fudhataniiru, anis iddoo isa kaa'an hin beeku? jettee isaaniif deebifte.
[14] Kana jechaa yommuu gara galte, Yesusin argite. Inni achi dhaabata ture; isheen garuu Yesus ta'uu isaa hin barre.
[15] Yesus immoo, ?Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyuun barbaadda?? jedhee ishee gaafate; isheen illee, kun eegduu dha jettee, waan yaadeef, ?Gooftaa ko, ati asii fuutee iddoo tokkotti isa geessiteetta yoo ta'e, eessa akka isa keesse anatti himi, ani dhaqee isa nan fida? ittiin jette.
[16] Yommus Yesus, ?Maariyaam!? isheedhaan jedhe. Isheen immoo gara isaatti gara galte afaan Ibraayisxiitiin, ?Rabbuunii!? ittiin jette; kana jechuun ?Barsiisaa? jechuu dha.
[17] Yesus immoo, ?Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqi, ?Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a? jedhii isaanitti anaaf himi!? jedhee ishee abboome.
[18] Ergasii Maariyaam isheen Magdalaa dhuftee, ?Ani goofticha argeera, inni dubbii kana anatti dubbateera? jettee bartootatti in himte.
[19] Guyyaa jalqaba torbaniitti [gaafa Sanbata guddaa] sana galgala, bartoonni Yihudoota waan sodaataniif, mana cufatanii taa'an; yommus Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe.
[20] Kana erga jedhee booddee harka isaa lamaanii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise; bartoonnis goofticha arganii gammadan.
[21] Yesus ammas itti deebi'ee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe; itti fufees, ?Abbaan akkuma ana erge, ani immoo isin nan erga? jedhee isaanitti dubbate.
[22] Kana jechaa hafuura isaanitti baafatee, ?Hafuura qulqulluu fudhadhaa!
[23] Cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif, cubbuun isaanii isaaniif dhiifameera; cubbuu isaaniittii kan isin hin hiikne, cubbuu isaaniitiin hidhamaniiru? isaaniin jedhe.
[24] Bartoota gooftaa kudha lamaan keessaa, Toomaas inni ?Diidimos? jedhame tokko, yommuu Yesus dhufe bartootaa wajjin hin turre.
[25] Bartoonni warri kaanis, ?Goofticha argineerra? jedhanii itti himan; inni garuu, ?Iddoo sibiilichi ure, harka isaa lamaanitti yoon arge malee, quba koos iddoo sibiilichi ure irra yoon kaa'e malee, harka koos madaa cinaacha isaa keessa yoon kaa'e malee, hin amanu!? isaaniin jedhe.
[26] Guyyaa saddeet booddees bartoonni isaa ammas walitti qabamanii mana keessa turan, Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaan mana cufatanii utuu taa'anii, Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe.
[27] Kana booddee Toomaasiin, ?Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i malee!? jedhe.
[28] Toomaasis, ?Gooftaa ko, Waaqayyo ko!? jedhee deebiseef.
[29] Yesus immoo, ?Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!? ittiin jedhe.
[30] Yesus macaafa kana keessatti kan hin caafamin, milikkita kan biraa baay'ee bartoota isaa duratti hojjeteera.
[31] Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman.