Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:51

[1] Fariisota keessa, namni Niqoodemos jedhamu tokko ture; inni dura-buutuu Yihudootaa ture.

[2] Inni kun halkaniin gara Yesus dhufee, ?Rabbii akka ati barsiisaa taatee Waaqayyo biraa dhufte nuyi beekna; homtinuu yoo Waaqayyo isaa wajjin jiraate malee milikkita ati argisiiftu kana, danda'ee hin argisiisu? ittiin jedhe.

[3] Yesus, ?Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuu dhabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda'u? jedhee deebiseef.

[4] Niqoodemos immoo, ?Namni erga qancaree attamitti dhalachuu danda'a? Gadameessa haadha isaatti lammaffaa galee, dhalachuu danda'a moo?? jedhee Yesusin gaafate.

[5] Kanaaf Yesus, ?Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u.

[6] Nama fooniittii kan dhalate foon, hafuurattii kan dhalate hafuura.

[7] Olii dhalachuun isiniif in ta'a siin jechuu kootiif hin dinqifatin.

[8] Qilleensi gara fedhetti in qilleensa'a, qilleensa'uu isaa in dhageessa, eessaa akka inni dhufu, eessas akka inni dhaqu garuu hin beektu; egaa hafuurattii kan dhalate hundinuus akkuma kana? jedhee deebiseef.

[9] Niqoodemos deebisee, ?Kun attamitti ta'uu danda'a?? jedhee Yesusin gaafate.

[10] Yesus deebiseefii, ?Ati barsiisaa Israa'el kan taate, kana hin beektuu?

[11] Dhuguma, dhuguman sitti hima, nuyi isa beeknu in dubbanna, isa argines dhugaa in baana; utuma ta'uu iyyuu isin isa nuyi dhugaa baanu hin fudhattan.

[12] Waa'ee isa biyya lafaa isinitti himnaan erga hin amantan ta'ee, waa'ee isa biyya waaqaa yoon isinitti hime immoo attamitti amantu ree?

[13] Ilma namaa isa waaqa irraa gad bu'e sana malee, homtinuu gara waaqaatti ol hin baane.

[14] Museen lafa onaa keessatti bofa sibiila diimaa muka irratti akka ol fuudhe, ilmi namaas immoo akkasuma muka irratti ol fuudhamuun in ta'a.

[15] Kunis ilma namaatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf ta'a.

[16] ?Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!

[17] Waaqayyo biyya lafaatti farachiisuuf miti, biyyi lafaa isaan haa fayyuuf ilma isaa biyya lafaatti erge malee.

[18] Ilma isaa kanatti kan amanu itti hin faradamu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif, ammuma iyyuu itti faradameera.

[19] Ifichi gara biyya lafaa dhufeera, namoonni garuu hojiin isaanii hamaa waan ta'eef, ifa irra dukkana jaallatan; firdichis akkuma kanatti in raawwatama.

[20] Hamaa kan hojjetu hundinuu ificha in jibba, hojiin isaa akka irratti hin beekamneef gara ifichaatti hin ba'u.

[21] Dhugaatti kan jiraatu garuu hojiin isaa, inni akka jaalala Waaqayyootti hojjetame, haa mul'atuuf gara ifichaatti in ba'a? jedheen.

[22] Kana booddee Yesusii fi bartoonni isaa gara kutaa biyya Yihudaa dhaqan; Yesus bartoota isaa wajjin takka achi bubbule, in cuuphas ture.

[23] Yohannis immoo mandara Enon isa Saalemitti dhi'oo, iddoo bishaan baay'een argame sanatti in cuupha ture; namoonnis achi dhaqanii in cuuphaman.

[24] Yohannis yeroo sanatti mana hidhaatti hin galfamne ture.

[25] Yommus bartoonni Yohannis waa'ee qulleessuu irratti Yihudii tokkoo wajjin walitti falmuutti ka'an.

[26] Bartoonni sun gara Yohannis dhufanii, ?Yaa barsiisaa, inni gama Yordaanositti sii wajjin ture, atis immoo dhugaa baateef sun kunoo in cuupha; hundumtinuus gara isaa dhaqaa jiru? jedhanii itti himan.

[27] Yohannis yommus deebisee, ?Namni yoo waaqa irraa isaaf kenname malee, waan tokko illee fudhachuu hin danda'u.

[28] ?Ani Kristos miti, garuu fuula isaa duran ergame? jedhee akkan dubbadhe, isin ofii keessanii dhugaa anaaf baatu.

[29] Misirroo kan manaa qabu inni dhirsa misirroo ti, miinjeen inni isa dhaggeeffatu garuu sagalee dhirsa misirroo dhaga'uutti guddaa in gammada; anis akkuma kanatti gammachuun koo amma guutuu in ta'a.

[30] Inni sun guddachaa adeemuun in ta'aaf, ani garuu xinnaachaa adeemuun anaaf in ta'a? jedhe.

[31] Yohannis itti fufee, ?Inni olii dhufu hundumaa irra jira; namni lafa kanaa kanuma lafaatti, waa'ee isa lafa irraa dubbatas, inni waaqa irraa dhufu hundumaa irra jira.

[32] Isa arge isa dhaga'e sanas dhugaa in ba'a; isa inni dhugaa ba'us homtinuu hin fudhatu.

[33] Isa inni dhugaa ba'u kan fudhatu immoo, Waaqayyo dhuga-qabeessa akka ta'e mallattoodhaan cimseera.

[34] Inni Waaqayyo isa erge dubbiidhuma Waaqayyoo dubbata, Waaqayyo hafuuricha safara malee in kenna'o.

[35] Abbaan ilma isaa in jaallata, waan hundumaas harka isaatti kenneera.

[36] Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isarratti hafa malee? jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Yohannis Caafe — Chapters