Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:03

[1] Dubbii kana erga dubbatee booddee, Yesus gara waaqaatti ol ilaalee, ?Yaa abbaa, yerichi ga'eera, ilmi kee ulfina akka siif kennuuf, ilma kee gara ulfinaatti ol fudhadhu.

[2] Akkuma ati foon-qabeessa hundumaa irratti aboo isaaf kennite, inni immoo warra ati isaaf kennite hundumaaf jireenya bara baraa haa kennuuf.

[3] Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.

[4] Ani lafa irratti ulfina siif kenneera, hojii akka ani hojjedhuuf ati anaaf laattes raawwadheera.

[5] Ammas yaa abbaa, ulfina isa utuu biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qaba tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni!

[6] ?Biyya lafaa keessaa warra ati anaaf laattetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan, ati immoo anaaf isaan laatte; isaanis dubbii kee eeganiiru.

[7] Ammas wanti ati anaaf kennite hundinuu si biraa ta'uu isaa hubataniiru.

[8] Dubbii ati anaaf kennite hundumaa ani immoo isaaniif kenneera. Isaanis fudhatanii, ani si biraa akkan dhufe dhuguma hubatan; akka ati na ergites amanan.

[9] Ani isaaniifan kadhadha, biyya lafaatiif hin kadhadhu, warra ati anaaf kenniteef malee; isaanoo kan kee ti.

[10] Kan koo hundumtuu kan kee ti, kan kees kan koo ti, ulfinni koos isaaniin in mul'ata.

[11] Ammas ani si'achi biyya lafaatti hin argamu, isaan garuu biyya lafaa keessa jiru; ani immoo gara kee nan dhufa. Yaa abbaa qulqulluu, akkuma nuyi tokko taane, warri ati anaaf kennites tokko akka ta'aniif, maqaa keetiin isaan eegi!

[12] Hamma ani isaan bira turetti, humna maqaa keetii isa ati anaaf kenniteen isaan nan eege; waan hamaattii isaan eegeera, dubbiin macaafaa akka raawwatamuufis isaan keessaa ilma badiisaa malee, tokko illee kan bade hin jiru.

[13] Amma garuu gara kee nan dhufa, isaan immoo gammachuu koo guutummaatti akka qabaataniif, dubbii kana biyya lafaa keessatti nan dubbadha.

[14] Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan biyya lafaa hin ta'in, isaanis kan biyya lafaa waan hin ta'iniif, biyyi lafaa isaan jibbe.

[15] Isa hamaattii akka isaan eegduuf malee, biyya lafaa keessaa akka isaan baaftuuf si hin kadhadhu.

[16] Akkuma ani kan biyya lafaa hin ta'in, isaanis kan biyya lafaa miti.

[17] Dubbiin kee dhugaa dha, dhugichaan isaan qulqulleessi.

[18] Akka ati biyya lafaatti na ergite, anis akkasuma biyya lafaatti isaan ergeera.

[19] Isaan immoo dhugaatti kan qulqullaa'an akka ta'aniif, ani isaaniif jedhee of nan qulleessa.

[20] ?Isaan kana duwwaadhaaf miti, warra dubbii isaanii dhaga'anii anatti amananiifis immoo nan kadhadha malee.

[21] Isaanis tokko haa ta'aniif, yaa abbaa, akka ati ana keessa jirtu anis si keessa akkan jiru, isaanis nu keessa haa jiraataniif, biyyi lafaas ati akka na ergite haa beekuuf kadhachuu koo ti.

[22] Akkuma nuyi tokko taane, isaanis tokko haa ta'aniif, ulfina ati anaaf kennite isaaniif kenneera.

[23] Ani isaan keessa atis na keessa jiraachuu keetiin isaanis raawwatanii tokko haa ta'an; biyyi lafaas ati na erguu kee, akkuma na jaallattes isaan immoo jaallachuu kee haa beeku!

[24] Yaa abbaa, isaan ati anaaf kennite kun iddoon ofii jiraadhu haa jiraataniif, ulfina isa ati biyyi lafaa utuu hin uumamin waan na jaallatteef anaaf laattes, haa arganiif nan fedha.

[25] Yaa abbaa ko, qajeelaa! Biyyi lafaa kun si hin beeku, ani garuu si beeka, isaan kunis immoo ati akka na ergite beekaniiru.

[26] Maqaan kee isaan biratti akka beekamu godheera, jaalalli ati ittiin na jaallatte isaan keessa akka jiraatuuf, anis isaan keessa akkan jiraadhuuf, ammas akka beekamu nan godha? jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Yohannis Caafe — Chapters