Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:05

[1] Yesus itti fufee, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni gola hoolotaatti balbalaan ol galuu dhiisee, karaa biraatiin lixu, inni hattuu dha, saamtuu dhas.

[2] Namni balbalaan gola hoolotaatti ol galu garuu, inni tiksee hoolota sanaa ti.

[3] Tiksee sanaaf kella eegduun in bana, hoolonni sagalee isaa in beeku, inni hoolota isaa maqaa maqaa isaaniitiin isaan waamee gad isaan in baasa.

[4] Hoolota isaa hundumaa erga gad yaasee, fuula isaanii dura in adeema; hoolonni sagalee isaa waan beekaniif isa duukaa in bu'u.

[5] Sagalee warra ormaa waan hin beekneef, nama orma in baqatu malee, isa duukaa hin bu'an? jedhe.

[6] Yesus dubbii haalaa kana isaanitti hime, isaan garuu wanti inni isaanitti hime kun, maal akka ta'e hin hubanne.

[7] Yesus ammas ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, ana balballi hoolotaa!

[8] Warri na dura dhufanii karaa biraatiin lixan hundinuu hattuu dha, saamtuu dhas; hoolonni garuu isaaniif hin dhageenye.

[9] Balbalichi ana, inni anaan ol galu in fayya; ol in gala, gadis in ba'a, dheedichas in argata.

[10] Hattuun, waan biraaf utuu hin ta'in, hatuudhaaf, qaluudhaaf, balleessuudhaafis in dhufti; ani garuu hoolonni jireenya haa qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera? jedhe.

[11] Yesus, ?Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna.

[12] Tiksee dhugaa utuu hin ta'in bitamee kan eegu, hoolonnis kan isaa kan hin ta'in, yeeyyiin hoolotatti dhufuu yommuu argu, hoolota dhiisee in baqata; yeeyyiinis hoolota butatee, warra hafan in bittimsa.

[13] Namichi sun bitamee waan eeguuf, hoolotaaf hin dhimmu.

[14] Tikseen gaariin ana, ani hoolota koo beeka, hoolonni koos ana beeku.

[15] Abbaan akkuma ana beeku, anis akkuman abbaa beeku, anii fi hoolonni koo wal beekna; lubbuu koos hoolotaaf nan kenna.

[16] Warra gola kanatti galan malees hoolota kan biraa qaba; isaan immoo yaasuun anaaf in ta'a, sagalee koos in dhaga'u; walitti karra tokko in ta'u, tikseen isaaniis tokko in ta'a.

[17] Lubbuu koo deebisee fudhachuudhaaf dabarsee waanan kennuuf, abbaan koo na jaallata.

[18] Homtinuu lubbuu koo na duraa hin fudhatu, anumatu ofii kootiin kenna malee. Ani lubbuu koo dabarsee kennuudhaaf, ammoo deebisee fudhachuudhaaf aboo qaba; abboommii kana immoo abbaa koo biraan fudhadhe? jedhe.

[19] Sababii dubbii kana hundumaatiif Yihudoonni ammas yaadaan gargar ba'an.

[20] Baay'een isaanii, ?Hafuura hammaatu isa keessa jira, qalbiis dabarseera! Maaliif isa dhaggeeffattu?? jedhan.

[21] Kaan immoo, ?Namni hafuurri hamaan keessa jiru, dubbii akkanaa dubbachuu hin danda'u; hafuurri hamaan ija warra jaamaa banuu danda'aa ree?? in jedhu turan.

[22] Yommus Yerusaalemitti ayyaanni seenaa mana qulqullummaa eebbisuu in ayyaaneffama ture; yeroon isaas yeroo gannaa ture.

[23] Yesus immoo mana qulqullummaa keessa kutaa ?Gardaafoo Solomoon? jedhamu, jala in deddeebi'a ture.

[24] Yommus warri Yihudootaa isatti naanna'anii, ?Ati hamma yoomiitti garaa keenya rarraafta? Masiihicha yoo taate keessaa baasii nutti himi!? ittiin jedhan.

[25] Kana irratti Yesus deebisee, ?Ani isinitti himeera, isin immoo hin amantan, hojiin ani maqaa abbaa kootiin hojjedhu hundinuu anaaf dhugaa in ba'u.

[26] Isin garuu hoolota koo keessaa waan hin ta'iniif, hin amantan.

[27] Hoolonni koo sagalee koo in dhaga'u, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in bu'u.

[28] Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu.

[29] Abbaan koo inni anatti isaan kenne, hundumaa irra guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda'u.

[30] Abbaanii fi ani tokko? isaaniin jedhe.

[31] Kana irratti warri Yihudootaa dhaga'anii isa ajjeesuudhaaf ammas dhagaa funaanatan.

[32] Yesus garuu deebisee, ?Hojii gaggaarii abbaan koo anatti kenne baay'ee hojjedhee isinitti argisiiseera; isaan kana keessaa hojii isa kamiif dhagaadhaan ana dha'uu barbaaddu?? isaaniin jedhe.

[33] Yihudoonni immoo, ?Ati Waaqayyoon waan arrabsiteef malee, hojii gaarii waan hojjetteef dhagaadhaan kan si dhoofnu miti. Ati nama taatee utuma jirtuu Waaqayyoon of goota'o? jedhanii deebisaniif.

[34] Yesus immoo, ? ?Anoo, isin waaqayyoota isiniin jedheera? kan jedhu seera keessan keessatti caafamee jira mitii?

[35] Waaqayyo warra dubbiin isaa itti kennameen ?waaqayyoota? jedhe; waan macaafni jedhus hin diigamu.

[36] Yoos immoo ana, isa abbaan qulqulleessee gara biyya lafaatti erginaan, ?Ani ilma Waaqayyoo ti? jedhe kanaan, attamitti ?Waaqayyoon arrabsita? jettu ree?

[37] Egaa ani hojii abbaa koo hin hojjedhu yoon ta'e, anatti hin amaninaa.

[38] Ani hojii abbaa koo nan hojjedha yoon ta'e garuu, anatti yoo amanuu dhabaattan iyyuu, hojii kanatti amanaa! Kanaanis abbaan ana keessa, anis abbaa keessa akkan jiru, ba'eessa gootanii in hubattu? isaaniin jedhe.

[39] Yihudoonni ammas isa qabachuu barbaadan; inni garuu isaan harkaa ba'ee sokke.

[40] Yesus ammas gama Yordaanos, iddoo Yohannis duraan itti cuuphaa ture dhaqee, achi bubbule.

[41] Namoonni baay'eenis gara isaa dhufanii, ?Yohannis milikkita tokko illee hin argisiifne, garuu waa'ee namicha kanaatiif kan inni dubbate hundinuu dhugaa ture? jedhan.

[42] Achittis namoonni baay'een Yesusitti amanan.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Yohannis Caafe — Chapters