Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:55

[1] Yesus itti fufee bartoota isaatiin, ?Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa!

[2] Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira; utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema.

[3] Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif, deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha.

[4] Lafa ani dhaqu, karicha achi geessus in beektu? jedhe.

[5] Toomaas immoo, ?Yaa gooftaa, eessa akka ati dhaqxu hin beeknu, karicha immoo attamitti beekuu dandeenya?? jedheen.

[6] Yesus deebisee, ?Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.

[7] Ana beektanii utuu jiraattanii, abbaa koos in beektu turtan; ammaa jalqabdanii isa in beektu, isa argitaniittus? jedheen.

[8] Filiphos immoo, ?Yaa gooftaa, abbaa nu argisiisi, kanaa achi nu ga'a? ittiin jedhe.

[9] Yesus deebisee, ?Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii wajjin jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? Namni ana arge abbaa arge; attamitti, ?Abbaa nu argisiisi? jetta ree?

[10] Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru hin amantuu ree? Abbaa isa ana keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta malee, dubbii ani isinitti dubbadhu hundumaa ofuma kootiin hin dubbadhu.

[11] Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru na amanaa! Yookiis sababii hojichuma kana hundumaaf ana amanaa!

[12] ?Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, namni anatti amanu waan ani hojjedhu hundumaas in hojjeta; ani gara abbaa waanan dhaquuf kana irra kan caalu iyyuu in hojjeta.

[13] Abbaan ilma isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaa kootiin kadhattan ani nan raawwadha.

[14] Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha? jedheen.

[15] Yesus itti fufee, ?Isin yoo na jaallattan abboommota koo in eegdu.

[16] Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna.

[17] Inni isiniif dubbatu kun, hafuura dhugaa ti; biyyi lafaa waan isa hin argineef isa hin beekneefis, isa fudhachuu hin danda'u. Isin garuu, inni isinii wajjin waan turuuf, isin keessas waan jiraatuuf isa beekuuf jirtu.

[18] Ani kophaatti isin hin dhiisu, gara keessan nan dhufa.

[19] Yeroo gabaabduu booddee biyyi lafaa deebi'ee ana hin argu, isin garuu ani waanan jiraadhuuf, isinis immoo jiraachuuf waan jirtaniif na argitu.

[20] Gaafas ani abbaa koo keessa, isin immoo ana keessa, anis isin keessa akkan jiru beekuuf jirtu.

[21] Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatus, isa, kan na jaallatu; nama na jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa nan jaalladha, ofii koos isatti mul'isuufan jira? jedhe.

[22] Yihudaa nama biyya Keriyot utuu hin ta'in, Yihudaa inni tokko, ?Gooftaa, attamitti ati biyya lafaatti utuu hin ta'in nutti of mul'ifta ree?? ittiin jedhe.

[23] Yesus deebisee, ?Eenyu illee yoo na jaallate dubbii koo in raawwata, abbaan koo immoo isa in jaallata; nuyis isa bira in dhufna, iddoo jireenyaas isa bira in godhanna.

[24] Namni ana hin jaallanne immoo dubbii koo hundumaa hin raawwatu, dubbiin isin dhageessan kunis kan abbicha isa na ergee ti malee, kan koo miti? jedheen.

[25] Yesus ammoo, ?Kana hundumaa utuun isin bira jiruu isinitti himeera.

[26] Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa.

[27] Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis!

[28] ?Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa? akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, abbaan na caala'o.

[29] Kunis yeroo raawwatamu akka amantaniif, duraan dursee utuu inni hin ta'in kunoo isinitti himeera.

[30] Kanatti dabalee si'achi waan baay'ee isinii wajjin hin dubbadhu, inni biyya lafaa kana seerratu dhufuutti jira; haa ta'u iyyuu malee, inni ana irratti aboo hin qabu.

[31] Garuu ani abbaa jaallachuu koo, akka abboommii abbaan anaaf kennettis hojjechuu koo biyyi lafaa haa beeku; ka'aa egaa itti adeemnaa!? jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Yohannis Caafe — Chapters