[1] Saa'ol ajjeefamuu Isxifaanositti walii galee ture. Kana irratti immoo guyyuma sana waldaa amantoota Yerusaalem keessa jirtu irratti ari'atamuu guddaatu ka'e; ergamoota irraa kan hafe amantoonni hundinuu kutaa biyya Yihudaatii fi Samaariyaa keessa bittimfaman.
[2] Jarreen Waaqayyoof bulan tokko Isxifaanosiif boo'icha guddaa isaa boo'anii, reeffa isaa awwaalan.
[3] Saa'ol garuu waldaa amantootaa lafa irraa balleessuudhaaf manneen keessa adeemee, dhiirotaa fi dubartoota amantoota ta'an harkisee, mana hidhaatti in kenna ture.
[4] Amantoonni warri bittimmaa'an biyya keessa naanna'anii, dubbicha in lallaban.
[5] Filiphos gargaartota keessaa tokko, mandara Samaariyaa tokkotti gad bu'ee, namoota mandarichaatti Kristosin lallabe.
[6] Tuuti jaraas gurra qeensanii, dubbii Filiphos dubbate dhaggeeffatan; milikkita inni hojjetes in argan.
[7] Hafuuronni hamoonni sagalee guddaadhaan caraananii, namoota baay'ee keessaa ba'an; namoonni baay'een dhagni isaanii gar tokko kan du'e, warri hokkolanis in fayyifaman.
[8] Kanattis warri mandara sanaa guddaa in gammadan.
[9] Mandara sana namichi Simoon jedhamu, qoricha namatti gochuu isaatiin namoota Samaariyaa dinqisiisee, nama guddaa kan ofiin jedhe tokko jira ture.
[10] Namoonni mandara sanaa hundinuu xixinnayyootaa hamma gurguddootaatti dubbiin isaa dhugaa dha jedhanii fudhatanii, ?Namichi kun, humna Waaqayyoo isa guddaa jedhamee waamamu, of keessaa qaba? jedhan.
[11] Isaan, Simoon kun yeroo dheeraadhaa jalqabee qoricha namatti gochuu isaatiin waan isaan dinqifachiiseef, isa duukaa rarra'aa turan.
[12] Amma garuu namoonni kun, Filiphos waa'ee mootummaa Waaqayyootii fi, waa'ee maqaa Yesus Kristos misraachoo yommuu isaanitti lallabe amananii, dhiironnis dubartoonnis in cuuphaman.
[13] Simoon ofii isaatii iyyuu amanee, erga cuuphamee milikkitaa fi dinqii gurguddaa, Waaqayyo harka Filiphosiin hojjete arginaan dinqifatee Filiphos biraa adeemuu jibbe.
[14] Yommus ergamoonni Yerusaalem jiran warri Samaariyaa dubbii Waaqayyoo fudhachuu isaanii dhaga'anii, Phexrosii fi Yohannisin erganiif.
[15] Isaan Samaariyaatti gad bu'anii, hafuura qulqulluu akka argataniif amantootaaf kadhatan.
[16] Maqaa gooftaa Yesus duwwaatti cuuphamanii turan malee, hafuurri qulqulluun isaan keessaa nama tokko irratti illee hin buune.
[17] Ergamoonni harka isaanii isaan irra kaa'an, isaan immoo hafuura qulqulluu argatan.
[18] Simoon yommus harki ergamootaa nama irra kaa'amuudhaan, hafuurichi akka kenname arginaan, horii ergamootaaf fidee,
[19] ?Harka koo kanan irra kaa'u hundinuu hafuura qulqulluu haa argatuuf; humna akkasii anaafis immoo kennaa!? jedhe.
[20] Phexros garuu deebiseefii, ?Kennaan Waaqayyoo horiidhaan in bitama jettee waan yaaddeef, horiin kee sii wajjin haa badu!
[21] Yaadni garaa kee Waaqayyo duratti qajeelaa waan hin ta'iniif, ati dubbii kana keessaa hin qabdu, qoodas hin qabdu.
[22] Kanaafis hammina kanattii yaada garaa kee geddaradhu, gooftichas kadhadhu, hamaa yaaduu kee kana dhiifamuu siif godha ta'a.
[23] Yaadni hadhaa'aan akka si keessa guuteef, cubbuun akka si hidhate nan arga? jedhe.
[24] Kana irratti Simoon deebisee, ?Hadaraa jecha isin anaan jettan keessaa, tokko illee ana irra akka hin geenyeef gooftaa anaaf kadhadhaa!? jedhe.
[25] Ergamoonni sun waa'ee Yesus dhugaa ba'anii, dubbii gooftaas dubbatanii, gandeen warra Samaariyaa baay'eetti wangeela lallabaa Yerusaalemitti deebi'an.
[26] Ergasii ergamaan Waaqayyoo Filiphosiin, ?Ka'i, waareetti gara mirgaa gara karaa onaa, isa Yerusaalemii Gaazaatti geessuu dhaqi!? jedhe.
[27] Filiphos yommus ka'ee dhaqe. Kunoo, namichi xu'aashiin tokko itti dhufe; namichi kun qabeenya ?Kandaakee? mootittii warra Itiyoophiyaa hundumaa irratti abboomaa ture; inni Waaqayyoof sagaduudhaaf Yerusaalem dhaqee ture.
[28] Utuu achii galuus konkolaataa kottee duudaadhaan harkifamu irra taa'ee, macaafa raajicha Isaayaas dubbisaa in adeema.
[29] Hafuurri qulqulluun yommus Filiphosiin, ?Konkolaataa kanatti dhi'aadhuutii, isa duukaa adeemi!? jedhe.
[30] Filiphosis konkolaataa sanatti fiigee, namichi macaafa raajicha Isaayaas utuu dubbisuu dhaga'e, ?Waan dubbisuutti jirtu kana in hubattaa?? jedhee isa gaafate.
[31] Namichi immoo, ?Utuu namni anaaf hin ibsin, attamittan hubachuu danda'a?? jedhee deebise; akka Filiphos konkolaataa yaabee isa bukkee taa'uufis in kadhate.
[32] Dubbiin macaaficha inni dubbisaa ture, ?Inni akka hoolaa qalamuudhaaf geeffame, akka ilmoon hoolaa, namni rifeensa ishee yommuu muru sagalee ishee hin dhageessifne, akkasuma innis afaan isaa hin saaqqatu.
[33] Nama gad deebi'aa waan ta'eef, dhugaan isaa hin ilaalamne; hidda dhala dhala isaas eenyutu hima ree? Jireenyi isaa lafa irraa in fuudhama? kan jedhu ture.
[34] Namichi Itiyoophiyaa sun yommus Filiphosiin, ?Raajichi waa'ee eenyuutiif kana dubbata? Hadaraa anatti himi! Waa'ee ofii isaatii moo yookiis waa'ee nama biraa ti?? jedhee gaafate.
[35] Filiphos kutaa macaafa kanaatii jalqabee, waa'ee Yesus misraachoo itti himuutti ka'e.
[36] Utuma karaa sana adeemanii, bishaan tokko bira ga'an; namichi immoo Filiphosiin, ?Bishaan kunoo ti, akka ani hin cuuphamneef maaltu na dhowwa?? jedhe. [
[37] Filiphos yommus, ?Garaa kee hundumaan yoo amanteef, siif in danda'ama? jedheen; kana irratti inni, ?Yesus Kristos ilma Waaqayyoo akka ta'e nan amana? jedhee deebise.]
[38] Namichi immoo konkolaatichi akka dhaabatuuf abboome; Filiphosii fi namichi bishaan keessa lixanii, Filiphos isa in cuuphe.
[39] Bishaanicha keessaa yommuu ba'an, hafuurri gooftaa Filiphosin butee, fuudhee adeeme. Namichi deebi'ee isa hin argine; haa ta'u iyyuu malee, karaa isaa itti fufee gammadaa adeeme.
[40] Filiphos garuu Azoxonitti argamee, biyyicha keessa naanna'ee, mandara hundumaatti wangeela lallabaa mandara Qiisaariyaa dhufe.