[1] Ayyaanni guyyaa shantamaffaa inni ?Phenxeqostee? jedhamee beekame yommuu ga'e, hundinuu iddoo tokkotti walitti qabamanii turan.
[2] Dingatas huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhaga'amee, manicha isaan keessa jiranis guute.
[3] Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa'aniis, wanti akka arraba ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa'an.
[4] Yommus hundumti isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.
[5] Yihudoonni Waaqayyoon sodaatan Yerusaalem kan jiraatan, saba irra lafa hundumaa keessaa kan dhufan turan.
[6] Jarreen kun hundinuu huursaa kana yommuu dhaga'an, iddoo kun ta'etti dacha'an; warri hafuura qulqulluudhaan guutaman kun afaan tokkon tokkon isaaniitiin akka dubbatan dhageenyaan, waan jedhan wallaalan.
[7] Na'anii dinqifatanii, ?Warri dubbachaa jiran kun hundinuu Galiilota miti moo?? jedhanii gaafatan.
[8] Dabalaniis, ?Tokkon tokkon keenya attamitti afaan itti dhalanneen isaan dhageenya?
[9] Nuyi warri biyya Phaartee, warri Meediyaa, warri Elaam, nuyi namoonni Mesophotaamiyaa, warri Yihudaa, Qaphadooqiyaa, Phonxosii fi Asiyaas,
[10] nuyi warri Firiigiyaadhaa fi Phamfiliyaa, Gibxiidhaa fi kutaa Liibiyaa keessaa naannoo mandara Qareeneetii, nuyi warri Roomaas biyya ilaaluudhaaf kan dhufne.
[11] Nuyi Yihudoonni, amantii warra Yihudootaa kan fudhannes, nuyi warri Qareexisii fi Araboonni, isaan kun hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa afaan ofii keenyaan utuu jajanii in dhageenya? jedhan.
[12] Hundumti isaanii na'anii waan godhan wallaalanii, ?Kun maal ta'uuf jedha?? jedhanii wal gaggaafatan.
[13] Kaan immoo, ?Isaan kun daadhii jabaa quufaniiru? jedhanii itti ga'isan.
[14] Phexros garuu warra kudha tokkoo wajjin dhaabatee, sagalee isaa ol fudhatee, namootatti dubbachuutti ka'e, ?Isin yaa warra Yihudootaa, warri Yerusaalem jiraatanis hundinuu, mee hubadhaa, dubbiin koos isiniif haa galu!
[15] Jarreen kun kan machaa'an isinitti hin fakkaatin, amma ganama, yeroonis sa'aatii sadaffaa dha!
[16] Inni asitti ta'e kun garuu, waan Waaqayyo afaan raajicha Yo'eliin dubbatee dha;
[17] ?Guyyaa gara dhumaatti akkana in ta'a jedha Waaqayyo, foon-qabeessa hundumaaf hafuura koo nan kenna, ilmaan keessanii fi intaloonni keessan raajii in dubbatu; dargaggoonni keessan mul'ata in argu, maanguddoonni keessanis abjuu in abjootu.
[18] Eyyee, guyyoota sanatti hojjetoota koo warra dhiiraa fi dubartiidhaaf hafuura koo nan kenna, raajiis in dubbatu.
[19] Wanta dinqisiisaa ol waaqa irraa, milikkitas gad lafa irraa, dhiigaa fi ibidda, aara lafa gurraachessus nan argisiisa;
[20] guyyaan gooftaa inni guddaanii fi dinqisiisaan utuu hin dhufin, aduun dukkanatti, jiinis dhiigatti in geddaramti.
[21] Maqaa gooftaa kan waammatu hundinuu immoo in oola? jedhe.
[22] ?Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, Waaqayyo harka Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe.
[23] Namni kun akka Waaqayyo dur murtoo godhetti, akka yaada isaattis dabarfamee kenname; isin immoo harka warra seera Waaqayyoo hin eegneetiin, muka irratti fanniftanii isa ajjeeftan.
[24] Waaqayyo garuu hidhaa du'aattii hiike; inni harka du'aa jalatti qabamee turuu waan hin dandeenyeef, du'aa isa kaase.
[25] Daawit waa'ee isaatiif, ?Yeroo hundumaa goofticha fuula koo durattan ilaala, akka ani hin sochooneefis inni gara mirga koo jira;
[26] kanaaf garaan koo gammade, arrabni koos in ililcha; foon koos abdii keessa in buufata.
[27] Lubbuu koo iddoo warra du'aniitti hin dhiiftu, dhuunfaa kees tortoratti dabarsitee hin kennitu.
[28] Karaa gara jireenyaatti geessus na barsiifteetta; anaa wajjin jiraachuu keetiin garaa koo gammachuudhaan in guutta? in jedha.
[29] ?Yaa obboloota ko, waa'ee Daawit abaabilii keenyaa mul'inatti isinitti himuu nan jaalladha; inni du'eera awwaalameeras, awwaalli isaas hamma har'aatti iyyuu nu bira jira.
[30] Inni raajii ture, Waaqayyo sanyii isaa keessaa tokko teessoo mootummaa isaa irra akka teessisuuf, kakuudhaan akka isa abdachiise in beeke.
[31] Kanaaf duraan dursee argee, waa'ee du'aa ka'uu Kristosiif, ?Inni iddoo warra du'aniitti hin dhiifamne, foon isaas tortoratti hin kennamne? jedhee raajii dubbate.
[32] Yesus kana, Waaqayyo du'aa kaaseera; nus hundumti keenya isa kanaaf dhuga-baatuu dha.
[33] Inni gara mirga Waaqayyoo abbaatti ol fudhatamee, hafuura qulqulluu isa abdachiifamee ture abbaa biraa fuudhee erge; kan isin amma argitanii fi dhageessan kun isa.
[34] Daawit ofii isaa gara waaqaatti ol hin baane, haa ta'u iyyuu malee, ?Gooftichi gooftaa kootiin gara mirga koo taa'i,
[35] diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti? jedhee dubbateera.
[36] Egaa Waaqayyo, Yesus isa isin muka irratti fanniftan kana gooftaadhaa fi Masiihii akka godhe, Israa'elonni hundinuu utuu hin mamin haa beekan!? jedhe.
[37] Namoonnis kana dhaga'anii garaan isaanii baqaqe; Phexrosii fi ergamoota warra kaaniin, ?Yaa obboloota nana, maal goonu ree?? jedhan.
[38] Phexros immoo, ?Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkon tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.
[39] Abdiin Waaqayyo abdachiise isinii fi, ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraatanii, Waaqayyo keenya gooftichi itti waamu hundumaafis? jedhee deebiseef.
[40] Kana malees Phexros, kan biraa dubbii baay'eedhaan dhugaa isaanitti ba'e, ?Adaba dhaloota jal'aa kanatti dhufu jalaa oolaa!? jedhee, cimsee isaan gorse.
[41] Warri dubbii isaa fudhatan in cuuphaman; kanaaf guyyaa sanatti akki lubbuu kuma sadii isaanitti in dabalaman.
[42] Amantoonnis barsiisa ergamootaatti, tokkummaa isaanii cimsachuutti, buddeena cabsachuutti, kadhata godhachuuttis qabamanii jiraatan.
[43] Dinqiinii fi milikkinni baay'een harka ergamootaatiin in godhamu, namoonni hundinuus Waaqayyoon in sodaatu turan.
[44] Kan amanan hundinuu walii wajjin iddoodhuma tokko turan, kan isaan qaban hundinuus qixxee ture.
[45] Araddaa isaaniitii fi qabeenya isaanii gurguranii, horii isaas hundumaafuu, akka isa barbaachisetti in hiru turan.
[46] Guyyaa guyyaatti yaada tokkoon mana qulqullummaatti deddeebi'anii, manuma mana isaaniittis buddeena cabsatanii, gammachuudhaan, garaa qulqulluudhaanis nyaata isaanii waliin ga'anii in nyaatu turan.
[47] Isaan Waaqayyoon in galateeffatan, saba hundumaa durattis ayyaana argatan; gooftaanis guyyaa guyyaatti warra fayyan amantootatti in dabale.