[1] Phaawulos karaa isaa itti fufee mandara Derbee dhaqee, mandara Lisxiraattis darbe. Achi immoo Ximotewos kan jedhamu dargaggeessi amane tokko ture; haati isaa Yihudii wangeelatti amantee dha, abbaan isaa immoo Griikii dha.
[2] Ximotewos amantoota Lisxiraadhaa fi Iqoniiyum jiran biratti maqaa gaarii qaba ture.
[3] Phaawulos akka Ximotewos isa duukaa adeemu barbaadee, dhagna isa qabsiise. Kana gochuun isaas, Yihudoonni naannoo sana jiraatan hundinuu abbaan isaa nama Griikii ta'uu isaa beeku waan turaniif.
[4] Kana booddees Phaawulosfaa karaa irra bu'an; seerrata ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem irratti walii galan, mandara keessa darban hundumaan ga'anii, akka eeganiifis isaan gorsan.
[5] Waldoonni kristiiyaanaas amantichatti in cimu, lakkoobsaanis guyyaa guyyaatti in guddatu turan.
[6] Hafuurri qulqulluun kutaa biyya Asiyaatti dubbicha lallabuu waan isaan dhowweef, kutaa biyya Firiigiyaatii fi Galaatiyaa gidduu darban.
[7] Fuullee kutaa biyya Miisiyaas ga'anii kutaa biyya Bitiiniyaa dhaquu yaalan; hafuurri Yesus garuu achi dhaquu isaanii hin jaallanne.
[8] Kanaaf kutaa biyya Miisiyaas keessa darbanii, Xro'aasitti gad bu'an.
[9] Phaawulos halkan sanatti nama Maqedooniyaa tokko mul'atatti arge; namichi dhaabatee, ?Maqedooniyaatti ce'ii, nu gargaari!? jedhee isa kadhate.
[10] Akkuma inni mul'aticha argeen, Waaqayyo akka wangeela isaaniif lallabnuuf nu waamuu isaa ti, jennee waan fudhanneef, achumaan biyya Maqedooniyaatti ce'uu abballe.
[11] Mandara Xro'aasii markaba yaabbanne, kallattiidhaan Saamotraaqee biyya bishaan keessaa dhaqne; borumtaas mandara Ne'apholiisitti darbine.
[12] Achii immoo mandara Filiphisiiyus geenye; isheen kutaa biyya Maqedooniyaa keessaa mandara beekamtu tokko turte, qabiyyee warra Roomaa tis. Nuyi mandara kana keessa takka bubbulle.
[13] Guyyaa Sanbataatti immoo mandaricha keessaa baanee, gara qarqara lagaa, iddoo itti Yihudoonni kadhataaf walitti in qabamu seene, dhaqne; teenyees dubartoota achitti walitti qabamanitti dubbanne.
[14] Dubartiin uffata calaqqisaa gati-jabeessa gurgurtu, mandara Tiyaatiraatii kan dhufte, amantii warra Yihudootaas kan fudhatte tokko, achi turte; maqaan ishees Liidiyaa in jedhama. Gooftaan gurra qalbii ishee baneefii waan tureef, isheen waan Phaawulos dubbate dhimmitee dhaggeeffatte.
[15] Isheen, warri mana ishee hundinuus in cuuphaman; ergasiis, ?Gooftaatti amanuu koo yoo fudhattan, mana koo kottaa na biras buufadhaa!? jettee nu waamtee, akka nuyi dhaqnuufis nu giddisiifte.
[16] Gaaf tokko nuyi gara iddoo kadhataatti utuu adeemaa jirruu, xomboreen hafuura ?Hooda dubbachiisu? of keessaa qabdu tokko nutti dhufte; isheen hooda dubbachuu isheetiin horii baay'ee gooftota isheetiif in galchiti turte.
[17] Isheen, ?Namoonni kun hojjetoota Waaqayyoo aabbaa ti; karaa fayyinaa isinitti in himu? jettee iyyaa Phaawulosii fi nu duukaa in adeemti turte.
[18] Kanas guyyaa baay'ee goote. Phaawulos garuu aaree itti gara galee hafuurichaan, ?Maqaa Yesus Kristosiin akka ishee keessaa baatuuf, sin abbooma!? jedhe; hafuurichi achumaan ishee keessaa ba'e.
[19] Gooftonni xomboree kanaa garuu, abdiin horii argannaa isaanii akka cite yommuu baratan, Phaawulosii fi Siilaasin qabanii daddarbachaa gara lafa gabaatti, fuula warra biyya seerrataniitti geessan.
[20] Ergamoota sana fuula ajajjuu warra Roomaatti dhi'eessanii, ?Jarreen kun mandara keenya raasaa jiru. Isaan Yihudoota,
[21] amala nuyi warri Roomaa fudhachuun, ittiin hojjechuunis, nuuf hin taane nu barsiisaa jiru? jedhan.
[22] Kana irratti namoonni baay'een Phaawulosii fi Siilaasiin mormuudhaaf jara kanatti dabalatan; ajajjuuwwan warra Roomaa sunis uffata isaanii irratti tarsaasanii, uleedhaan akka reebaniif abbooman.
[23] Rukuttaa baay'eedhaanis erga isaan reebsisanii booddee, mana hidhaatti isaan galchisiisan; achittis jabeessee akka isaan eeguuf, eegduu mana hidhaa abbooman.
[24] Eegduun sunis ajaja akkanaa fudhatee, kutaa mana hidhaa isa gara keessaatti isaan galchee, miilla isaaniis jirma ulfaataa lama gidduutti jabeessee hidhe.
[25] Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas Waaqayyoon kadhatanii faarfatan; warri hidhaman immoo isaan in dhaggeeffatu turan.
[26] Dingatas hamma hundeen manicha hidhaa raafamutti socho'i lafaa guddaan ta'e; achumaan balbaloonni manicha hidhaa hundinuu banamanii, hidhaan warra hidhamanii hundinuus in hiikaman.
[27] Namichi mana hidhaa eegu sun warreeree hirribaa dammaqee, balbaloonni mana hidhaa banamuu yommuu argee, warri hidhaman waan sokkan se'e; kanaafis billaa isaa luqqifatee of ajjeesuu barbaade.
[28] Phaawulos garuu sagalee guddaadhaan, ?Waa of hin godhin! Nuyi hundumti keenya as jirra? jedhee itti iyye.
[29] Inni mana hidhaa eegu sun ibsaa waammatee ol fiigee, rom'aa miilla Phaawulosii fi Siilaasitti kufe.
[30] Gadis isaan baasee, ?Ani akkan fayyuuf maal gochuutu anaaf ta'a? gooftolii ko? jedhee isaan gaafate.
[31] Isaan immoo, ?Gooftaa Yesusitti amani, ati in fayyita, maatiin kees in fayyu? jedhanii deebisaniif.
[32] Isaan dubbii gooftaa namichatti, warra mana isaa keessa jiran hundumaattis in himan.
[33] Halkanuma sanas ofitti isaan fuudhee madaa isaanii irraa dhiqe; inni yeroodhuma sanatti nama isaa hundumaa wajjin in cuuphame.
[34] Phaawulosii fi Siilaasin mana isaatti geessee, nyaata isaaniif dhi'eessisiise; inni nama isaa wajjin Waaqayyotti waan amaneef, guddaa in gammade.
[35] Lafti bariinaan ajajjuun warra Roomaa, ?Jara sana gad dhiisi!? jedhanii namicha mana hidhaa eegutti akka himaniif itti ergan.
[36] Kana irratti namichi, ?Ajajjuun warra Roomaa akka gad dhiifamtaniif nutti erganiiru; kanaafis amma gad ba'aatii karaa nagaa adeemaa!? jedhee, kana Phaawulositti beeksise.
[37] Phaawulos garuu, ?Jarri kun nuyi warra Roomaa taanee utuma jirruu, firdii malee mul'inatti nu reebanii mana hidhaatti nu galchan; amma immoo dhoksaatti gad nu baasuu? Kun hin ta'u, isaanumti ofii isaanii dhufanii nu haa geggeessan malee? jedhe.
[38] Warri ergamanis yommus, dubbii kana ajajjoota warra Roomaatti in himan; ajajjoonni warra Roomaa Phaawulosii fi Siilaas warra Roomaa ta'uu isaanii yommuu dhaga'an in sodaatan.
[39] Kanaafis dhaqanii isaan sossobatan; takka isaan geggeessanii mandara isaaniitii akka ba'aniif isaan in kadhatan.
[40] Phaawulosii fi Siilaas mana hidhaatii erga ba'anii, mana Liidiyaa dhaqan; obbolootas arganii, dubbii jajjabinaatiin isaan gorsanii, achii adeeman.