Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:10

[1] Bara sana lakkoobsi warra Yesusitti amananii baay'atee, Yihudoonni warri afaan Griikii dubbatan warra afaan Yihudootaa dubbatan irratti guunguman; kun immoo haadhotiin hiyyeessaa isaanii gargaarsa guyyaa guyyaatti in argatu kan turan, waan dagatamaniif ta'e.

[2] Yommus warri kudha lamaanuu tuuta amantootaa walitti waamanii, ?Nuyi soora jara kanaaf kurkuruudhaaf jennee, dubbii Waaqayyoo lallabuutti hir'isuun nuuf hin ta'u.

[3] Yaa obbolootaa, namoota hojii kana itti kenninu torba, warra maqaa gaarii qaban, warra hafuurri qulqulluunii fi ogummaan keessa guute, of keessaa barbaadaa!

[4] Nuyi garuu kadhataa fi lallaba dubbii Waaqayyoof ergamuutti in qabamna? jedhanii yaadachiisan.

[5] Tuuti sun guutummaatti dubbii ergamoonni dhi'eessan jaallatanii, Isxifaanos kan jedhamu amantii isaatti jabaa kan ta'ee fi hafuurri qulqulluun kan keessa guute, dhi'eessan; akkasumas Filiphosii fi Phrokorosin, Niqaanooraadhaa fi Ximoonaa, Pharmenaa, Niqolaawosin nama biyya Anxokiyaa isa amantii warra Yihudootaa fudhatee tures.

[6] Isaan kana hundumaa ergamoota dura dhaabachiisan; ergamoonni yommus Waaqayyoon kadhatanii, harka isaanii mataa tokkon tokkon isaanii irra kaa'an.

[7] Dubbiin Waaqayyoo itti fufee bal'achaa, baay'inni amantoota Yerusaalemitti argamaniis ittuma dabalamaa adeeme; luboota keessaas baay'een amanticha fudhatan.

[8] Isxifaanos ayyaanaa fi humna Waaqayyootiin guutee, dinqiidhaa fi milikkita gurguddaa namoota keessatti argisiise.

[9] Yommus jarreen Qareeneetii fi Iskindriiyaa tokko, warra ?Mana sagadaa warra hurrii ba'anii? jedhamu tokkoo wajjin akkasumas biyya Qiliiqiyaatii fi Asiyaatii kan dhufan tokko ka'anii Isxifaanositti falman.

[10] Haa ta'u iyyuu malee, ogummaa fi hafuura isa Isxifaanos ittiin dubbateen mormuu hin dandeenye.

[11] Kanaafis, ?Musee fi Waaqayyoon utuu arrabsuu isa dhageenyeerra? akka jedhaniif namoota itti kaasan.

[12] Isaan akkasitti namootaa fi maanguddoota, barsiisota seeraas isatti aarsanii, Isxifaanosin qabatanii, harkisanii yaa'iitti dhi'eessan.

[13] Namoota sobaan isa irratti dhugaa ba'uuf jedhanis fidan; warri sobduun kun immoo, ?Namni kun yeroo hundumaa iddoo qulqullaa'aa kanaa fi seera Museetiin mormuu hin dhiisu.

[14] ?Yesus namni Naazireet kun iddoo kana balleessuuf, wanta amala ta'e isa Museen nutti dabarses geddaruuf jira? jedhee utuu inni dubbatuu dhageenyeerra? jedhan.

[15] Yaa'icha keessa kan turan hundinuu fajajanii Isxifaanosin yommuu ilaalan, fuulli isaa akka fuula ergamaa Waaqayyoo ta'ee argan.

Hojii Ergamootaa — Chapters