Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:05

[1] Agriipha yommus Phaawulosiin, ?Ofii keetii dubbatachuu in dandeessa? jennaan, Phaawulos harka isaa facaasee falmachuutti ka'e;

[2] ?Yaa Agriiphaa mootii, har'a fuula keetti, waan Yihudoonni ittiin ana hadheessan hundumaa falmachuudhaaf dhi'aachuu kootiif ayyaantuuttan of lakkaa'a.

[3] Caalaadhumatti iyyuu immoo amala Yihudootaatii fi dubbii tokko tokko irratti wal diduu isaanii, gaarii gootee waan ati beektuuf nan gammada; kanaafis obsaan akka anaaf dhaggeeffattuuf sin kadhadha.

[4] Xinnummaa kootii jalqabee saba koo gidduutti, Yerusaalemittis attamitti akkan jiraadhe, Yihudoonni hundinuu in beeku.

[5] Warri durumaa na beekan yoo fedhan, amala sagada keenyaa keessaa akka kan warra baay'ee jabeessanii amantii cimsanii, akka kan warra Fariisotaatti, jiraachuu koo dhugaa ba'uu in danda'u.

[6] Amma immoo sababii abdii isa Waaqayyo abboota keenyaaf kenneef, ani hadheeffamee firdii eeggachaan jira.

[7] Abdichis isa gossi saba keenyaa kudha lamaanuu eeggatanii dha; isaan isa bira ga'uudhaaf guyyaa fi halkan dhimmanii Waaqayyoof in hojjetu. Ani immoo waa'ee abdii kanaafan warra Yihudootaatiin hadheeffama, yaa mootii.

[8] Waaqayyo warra du'an kaasuun isaa isin biratti maaliif waan hin amanamne ta'ee lakkaa'ama?

[9] ?Ani iyyuu ofii kootii karaa anaaf danda'ame hundumaan, maqaa Yesus nama Naazireet kanaan mormuun, hojiidhuma koo ti, jedhee fudhadheen ture.

[10] Yerusaalemittis kana gochaan ture. Aboo ani luboota warra angafoota irraa argadheenis, qulqulloota Kristos keessaa baay'ee mana hidhaatti galcheen ture. Kana duwwaas utuu hin ta'in, yeroo isaan ajjeefamuuf turanitti, warra isa irratti walii gale keessaa tokkon ture.

[11] Si'a baay'ees manneen sagadaa hundumaa keessatti adabamanii, akka isaan amantii isaanii ganan gochuu yaalaan ture; isaanitti banbanaa, hamma mandaroota biyya ormaatti illee isaan nan ari'adhan ture.

[12] ?Utuun kanatti jiruus aboodhaa fi ajaja luboota warra angafoota biraa fudhadhee, mandara Damaasqoo nan dhaqan ture.

[13] Karaa irrattis yaa mootii, ifni ifa aduu irra caalu waaqa irraa naannoo koottii fi naannoo warra anaa wajjin adeemaniitti utuu ibsuun arge.

[14] Hundumti keenya lafa dhoofne; afaan warra Yihudootaatiinis sagalee, ?Saa'ol! Saa'ol! Maaliif na ari'atta? Shukkaa qaramee dhaabatu irra yoo ejjette si waraana? anaan jedhun dhaga'e.

[15] ?Kana irratti ani, ?Eenyu atii, gooftaa?? jedheen gaafadhe; gooftaanis deebisee, ?Ana Yesus, kan ati ari'achaa jirtu.

[16] Amma garuu ka'i, miilla keetiin dhaabadhu! Anaaf hojjetaa akka taatuuf si kaasuudhaafan sitti mul'adhe; waan argitee fi, waan sitti mul'achuuf jiruuf dhuga-baatuu in taata.

[17] Warra ani itti si erguuf jiru hundumaattii, saba Waaqayyoo kanattii, saba warra kaanittiis sin oolcha.

[18] Dukkanattii gara ifaatti, aangoo Seexanaa jalaas gara Waaqayyootti haa deebi'aniif, ija isaanii in banta; anatti amanuudhaanis dhiifamuu cubbuu isaanii argatanii, warra qulqullaa'an gidduuttis dhaala isaanii haa fudhataniif sin erga? anaan jedhe.

[19] ?Kanaafis yaa Agriiphaa mootii, ani mul'ata isa waaqa irraa anaaf dhufe jalaa hin dinne.

[20] Jalqaba warra Damaasqootti, itti aanses warra Yerusaalemitti, kana booddees kutaa biyya Yihudaa hundumaatti, warra saba Waaqayyoo hin ta'inittis, yaada garaa isaanii geddaratanii gara Waaqayyootti akka deebi'aniif, hojii yaada garaa geddarachuu isaanii mul'isus akka hojjetaniif, isaanitti labseera.

[21] Kanaaf Yihudoonni mana qulqullummaa keessatti na qabanii na ajjeesuu barbaadan.

[22] Hamma guyyaa har'aattis Waaqayyo na gargaarraan kunoo jabaadhee dhaabadhee, xinnaadhaa fi guddaatti dhugaa ba'uttan jira. Wanti ani jedhus, isuma raajonnii fi Museen in ta'a jedhanii dubbatan malee, kan biraa miti.

[23] Kristos dhiphachuun akka isa irra ture, innumti immoo warra du'an keessaa dura bu'ee ka'ee, ifa isaa saba Israa'elitti, warra saba Waaqayyoo hin ta'inittis akka mul'ise dhugaa nan ba'eef? jedhe.

[24] Erga Phaawulos akkasitti falmatee, Fesxoos sagalee guddaadhaan, ?Phaawulos, qalbiin kee butameeraam, barumsa guddaatu qalbii kee bute? jedhe.

[25] Phaawulos immoo deebisee, ?Anaanoo, qalbiin koo hin butamne yaa ulfaataa Fesxoos! Ani dubbii dhugaa qalbii guutuudhaan nan dubbadha.

[26] Agriiphaa mootichi waa'ee dubbii kanaa hundumaa beeka, isattis ani of irraa bu'eetan dubbadha; kana hundumaa keessaas wanta suuqatti hojjetame waan hin ta'iniif, dubbiin tokkichi illee kan isa jala ba'e, akka hin jirre nan amana.

[27] Yaa Agriiphaa mootii, dubbii raajotaatti in amantaa? Anuu beeka akka ati amantu? jedhe.

[28] Agriipha yommus Phaawulosiin, ?Yeroodhuma gabaabduu keessatti kristiiyaana na gochuuf jetta? jedhe.

[29] Phaawulos deebisee, ?Yeroon isaa gabaabatus, dheeratus, si duwwaa iyyuu utuu hin ta'in, warri har'a na dhaggeeffatan hundinuu, hidhamuu koo irraa kan hafe, akka koo akka ta'an Waaqayyoon nan kadhadha? jedhe.

[30] Kana booddee mootichi, abbaan biyyaa, Berniiqee, warri isaanii wajjin yaa'iitti taa'anis in ka'an.

[31] Yommuu achii adeeman immoo, ?Namichi kun du'a yookiis hidhaa kan isatti farachiisu, waan tokko illee hin hojjenne? waliin jechaa turan.

[32] Agriipha kana irratti Fesxoosiin, ?Namichi kun ?Mooticha warra Roomaa nan dhageessifadha? utuu hin jenne ta'ee, gad dhiifamuu in danda'a ture? jedhe.

Hojii Ergamootaa — Chapters