[1] Gaaf tokko Phexrosii fi Yohannis yeroo kadhata waaree booddee, innis sa'aatii salgaffaatti, gara mana qulqullummaatti ol in adeemu turan.
[2] Kunoos namni dhaloota isaatii jalqabee naafate tokko, achi ture; innis guyyuma guyyaatti baatamee dhufee, ?Balbala miidhagaa? isa jedhamu sana dura taa'ee, warra mana qulqullummaa dhaqan irraa horii in kadhata ture.
[3] Namichi, Phexrosii fi Yohannis mana qulqullummaatti ol lixuuf akka dhufan argee, horii isaan kadhate.
[4] Phexrosii fi Yohannis ijaan isa qaban; Phexros immoo, ?Nu ilaali!? jedheen.
[5] Yommus inni waa isaan biraa kan argatu se'ee, ija keessa ilaale.
[6] Phexros garuu, ?Ani meetii fi warqee hin qabu, waanan qabu garuu siifan kenna; maqaa Yesus Kristos nama Naazireetiin ka'ii, adeemi!? jedheen.
[7] Harka isaa mirgaa qabee isa kaases, achumaanis miilli isaaf gulubiin isaa jabaatan.
[8] Utaalees ka'ee ijaajjee, adeemees, isaanii wajjin mana qulqullummaa lixee, asii fi achi adeemee, quruphisaa Waaqayyoon galateeffate.
[9] Namoonni hundinuu utuu inni asii fi achi adeemuu, Waaqayyoonis utuu galateeffatuu argan;
[10] mana qulqullummaa, ?Balbala miidhagaa? dura taa'ee, horii kadhataa inni ture isa akka ta'es baranii, waan isaaf godhame kanaafis fajajanii baay'ee raajeffatan.
[11] Yeroo namichi Phexrosii fi Yohannis biraa hafuu dide sanatti, namoonni hundinuu dinqifachaa gara isaaniitti, gara jalgala mana qulqullummaa isa ?Gardaafoo Solomoon? jedhamuutti fiigan.
[12] Phexros yommuu kana arge jaraan, ?Yaa namoota Israa'el, maaliif kanatti dinqifattu? Akka waan nuyi humna keenyaan yookiis qulqullummaa ofii keenyaan isa adeemsifneettis, maaliif fajajjanii nu ilaaltu?
[13] Isin, Yesusin Philaaxositti dabarsitanii laattan; yeroo inni isa gad dhiisuuf murtoo godhettis, fuula yaa'ii isaa dura dhaabattanii isa gantan; Waaqayyo inni kan Abrahaam kan Yisihaq kan Yaaqoobis, Waaqayyo abaabilii keenyaa, garuu hojjetaa isaa kana ol ol qabeera.
[14] ?Yesus qulqulluu fi qajeelaa ture; isin garuu isa gantanii, nama gumaa akka isiniif hiikuuf Philaaxosin kadhattan.
[15] Isa namoota gara jireenyaatti geessus ajjeeftan, Waaqayyo immoo du'aa isa kaase, kanaafis nuyi dhuga-baatuu dha.
[16] Humna maqaa Yesustu, maqaa isaattis amanuutu, namicha naafa isin argitanii fi beektan kanaaf jabina kenne; amantiin Yesusiin kenname immoo, fuula hunduma keessanii duratti fayyaa guutuu kenneef.
[17] ?Ammas yaa obboloota nana, isin, warri isin geggeessanis, waan gootan hundumaa utuu hin hubatin akka gootan, anuu beeka.
[18] Waaqayyo garuu bara baay'ee dura, Masiihiin isaa akka dhiphatu, afaan raajota hundumaan dubbatee kan ture, akka kanatti akka raawwatamu godhe.
[19] Egaa yaada garaa keessanii geddaradhaa, inni cubbuu keessan akka isiniif haxaa'utti gara Waaqayyootti deebi'aa.
[20] Waaqayyo yeroo itti hafuurri keessan haareffamu akka isiniif fiduuf, Yesus Masiihicha, isa duraan dursee isiniif qopheessee tures, akka isiniif erguuf deebi'aa!
[21] Durumaa jalqabee Waaqayyo afaan qulqulloota raajota isaatiin dubbachaa kan ture raawwate, hundumaa hamma iddootti deebisutti garuu, Yesus waaqa irra turuutu isaaf ta'a.
[22] Museen iyyuu, ?Anaan akkuma kaase, Waaqayyo gooftaan keessan obboloota keessan keessaa raajii tokko isiniif in kaasa, waan inni isinitti himu hundumaa dhaggeeffachuun isin irra jira;
[23] namni raajii sana hin dhaggeeffanne hundinuu garuu, saba sana keessaa in balleeffama? jedhee ture.
[24] Raajonni Saamu'elii jalqabanii ka'anii fi dubbatan hundinuu, waa'ee bara kanaa labsaniiru.
[25] Raajonni kan dubbatan isiniif; kakuu Waaqayyo abaabilii keessaniif dhaabe keessaas in hirmaattu; Abrahaamiin, ?Ijoollee ijoollee keetiin sabni biyya lafaa irraa hundinuu in eebbifamu? jedhee ture.
[26] Kanaafis Waaqayyo karaa keessan isa hamaatii hunduma keessan deebisuudhaan isin eebbisuudhaaf, hojjetaa isaa kaasee, duraan dursas isinitti erge? jedhe.