Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:57

[1] Akka kanatti nagaa isaanitti dhaamnee giddiitti gargar baanee, utuu hin jal'atin markabaan ceenee, Qos biyya bishaan keessaa dhufne; borumtaa isaa immoo Roodoos biyya bishaan keessaa geenye, achii immoo kaanee mandara Phaaxaraa dhaqne.

[2] Achitti markaba kutaa biyya Finiiqeetti ce'u argannee, yaabbannee ittiin adeemne.

[3] Qophrosin fuulleetti arginee, harka bitaatti hambifnee Sooriyaatti darbinee, Xiiroos iddoo itti markabichi mi'a buusuun ta'utti buufanne.

[4] Amantoota achi jiranis argannee, torban tokko isaan bira turre; amantoonni kunis hafuura qulqulluutiin geggeeffamanii, akka inni Yerusaalem hin dhaqne Phaawulositti himan.

[5] Yeroon nuyi isaan biraa adeemuuf jenne geenyaan, isaan biraa kaanee, karaa keenya irra buune; hundumti isaaniis haadha manaa isaaniitii fi ijoollee isaanii wajjin hamma nuyi mandara keessaa baanutti nu geggeessan. Hundumti keenya qarqara bishaanichaatti jilbeenfannee Waaqayyoon kadhanne.

[6] Nagaa walitti dhaamne, nuyi markabicha yaabbanne, isaan immoo deebi'anii gara mana isaaniitti galan.

[7] Nuyi isa Xiiroosii kaane immoo mandara Phitolemeesitti gallee, markabaan adeemuu raawwanne; achittis amantoota nagaa gaafannee, guyyaa tokko isaan bira oolle.

[8] Borumtaas achii kaanee mandara Qiisaariyaa dhufnee, mana Filiphos lallabaa wangeelaa dhaqne. Inni immoo warra torban Yerusaalemitti fo'aman keessaa tokko ture; isa biras takka bubbulle.

[9] Filiphos ijoollee durbaa afur qaba ture; ijoolleen kun hafuura qulqulluudhaan wanta Waaqayyo isaanitti mul'ise in himu turan.

[10] Erga guyyaa danuu Qiisaariyaa teenyee raajiin Agaabos jedhamu tokko biyya Yihudaatii achi dhufe.

[11] Raajiin kunis nu bira ga'ee sabbata, Phaawulos ittiin hidhatu fuudhee, sabbatichaanis harka ofii isaatii fi miilla ofii isaa walitti hidhee, ?Yihudoonni Yerusaalem jiraatan abbaa sabbata kanaa akkasitti akka hidhan, harka warra saba Waaqayyoo hin ta'inittis dabarsanii akka kennan hafuurri qulqulluun in dubbata? jedhe.

[12] Nuyi, namoonni achi turanis dubbii kana dhageenyee, Yerusaalemitti akka ol hin baane Phaawulosin in kadhanne.

[13] Inni garuu, ?Maaliif boossanii, yaada garaa koo dhiphiftu? Anoo hidhamuu duwwaa utuu hin ta'in, maqaa gooftaa Yesusiif jedhee Yerusaalemitti du'uuf iyyuu qophaa'aa dha? jedhee nuuf deebise.

[14] Inni nuuf sarmuu dinnaan, ?Jaalalli gooftichaa haa ta'u? jennee dhiifne.

[15] Guyyoota kana booddees qophoofnee, Yerusaalemitti ol baane.

[16] Amantoonni Qiisaariyaa tokkos immoo nu duukaa dhufanii, mana Minaason nama Qophros, isa duraan gooftaatti amane bira akka buufannuuf nu geessan.

[17] Yommuu nuyi Yerusaalem geenye, amantoonni gammachuudhaan nu simatan.

[18] Borumtaas Phaawulos nuu wajjin Yaaqoob bira dhaqe; jaarsoliin waldaa kristiiyaanaa hundumti isaaniis achitti argaman.

[19] Phaawulos erga nagaa isaan gaafatee booddee, waan Waaqayyo warra saba isaa hin ta'in gidduutti hojii isaa keessaan raawwate, tokko tokkoon tarree galchee isaanitti in odeesse.

[20] Yommus warri kana dhaga'an Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan; Phaawulosiin immoo komatanii, ?Ilaa obboleessaa! Yihudoonni amanan kumaatama meeqatti kan lakkaa'aman akka jiran atumtuu in argita; hundumti isaaniis seera Waaqayyootiif in hinaafu.

[21] Yihudoonni warri biyya ormaa keessa jiraatan hundinuu, seera Musee akka ganan, ijoollee isaanii akka dhagna hin qabne, wanta amala ta'e duukaa akka hin buune, barsiisuun kee isaanitti himameera.

[22] Isaanoo akka ati dhufte in dhaga'u; egaa maal gochuu wayya ree?

[23] Amma waan nuyi sitti himnu godhi! Namoota wareega of irraa qaban afur qabna.

[24] Ati isaaniin fuudhii dhaqi, isaanii wajjin of qulleessi, mataa isaanii haaddachuu akka danda'aniifis, gatii isaan of qulleessuudhaaf baasan ati baasiif! Kanaan namoonni hundinuu, waa'ee keetiif kan isaanitti himame kun waan dhimma hin baafne ta'uu isaa, atis ofii keetii seeratti qabamuu kee, isas eeguu kee beekuu in danda'u.

[25] Saba Waaqayyoo warra hin ta'in keessaa kan amanan immoo, qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'aate irraa, dhiiga nyaachuu fi dhuguu irraa, foon horii hudhamee du'ee nyaachuu irraa, halalummaa irraas, akka of eeggatan duraan dursinee murtoo goonee isaaniif caafneerra? ittiin jedhan.

[26] Phaawulos borumtaa namoota sana geessee isaanii wajjin of qulleesse. Guyyaan qullaa'ummaa isaanii yoom akka raawwatamu, guyyaa kamittis tokko tokkon isaaniitiif aarsaan akka dhi'aatu beeksisuudhaaf, mana qulqullummaatti gale.

[27] Guyyaa torbaffaan isaanii raawwatamuu geenyaan, Yihudoonni kutaa biyya Asiyaatii dhufan Phaawulosin mana qulqullummaa keessatti arganii, tuuta jaraa hundumaa itti kaasanii, isa qabatan.

[28] Jarri kun sagalee isaanii ol fudhatanii, ?Yaa warra Israa'el, kottaa nu gargaaraa! Isa kana namichi nama keenya, seera Musee, mana qulqullummaa kanas tuquudhaan, iddoo halle dhaqee barsiisu, ammuma iyyuu Griikota tokko fidee mana qulqullummaatti galchuudhaan, iddoo qulqulluu kanas xureesseera? jedhanii itti iyyan.

[29] Duraan Xrofimoos nama Efesoon isaa wajjin mandara keessatti waan arganiif, Phaawulos mana qulqullummaatti isa geesseera ta'a jedhanii yaadanii turan.

[30] Kana irratti mandarichi guutummaatti socho'e, namoonni walitti dacha'an Phaawulosin butanii daddarbachaa mana qulqullummaa keessaa baasan; achumaanis balbaloonni mana qulqullummaa in cufaman.

[31] Isaan Phaawulosin ajjeesuuf utuu yaalanii, Yerusaalem guutummaatti goolamuun isaa kutata waraana Roomaa irratti angafa kumaa isa turetti himame.

[32] Angafichi kumaa sun achumaan loltootaa fi angafoota dhibbaa fudhatee, namoota Phaawulosin qabatan irra ba'e. Isaan angaficha kumaatii fi loltoota yommuu argan, Phaawulosin rukutuu dhiisan.

[33] Yommus angafichi kumaa Phaawulositti dhi'aatee isa qabsiisee, ?Fuuncaa lamaan hidhaa!? jedhee abboome. Kana booddee immoo, ?Namichi kun eenyu jedhama? Maal balleesses?? jedhee, jara gaafate.

[34] Tuuta sana keessaa kaan waan tokko jedhee iyya, kaan immoo waan biraa jedha. Angafichi garuu waca jaraatiif akka isaa hubachuu waan dadhabeef, Phaawulosin iddoo buufata loltuutti akka geessan abboome.

[35] Phaawulos buusaa ittiin ol yaaban bira ga'ee, wal dhiibuu namootaatiif akka itti adeemu dhabnaan, warri loltuu ol fuudhanii isa baatan.

[36] Yommus tuuti jaraa ?Balleessi!? jedhaa iyyaa duukaa bu'an.

[37] Yeroo warri loltuu iddoo buufata isaaniitti isa galchuuf jedhanitti Phaawulos, ?Waa sitti dubbachuun in danda'amaa?? jedhee angafa kumaa gaafate. Kana irratti angafichi, ?Afaan Griikii iyyuu beektaa?

[38] Yoos ati Gibxicha isa kanaan dura, warra kuma arfan godduu hidhatanii, hinaaffaa biyya isaaniif nama ajjeesuu barbaadan, geggeessee lafa onaatti galche sana miti kaa?? jedheen.

[39] Phaawulos garuu deebisee, ?Ani Yihudii dha, Xarsees mandara biyya Qiliiqiyaattan dhaladhe, ani nama mandara beekamaa tokkoo ti; hadaraa namoota kanatti akkan dubbadhuuf sin kadhadha? jedhe.

[40] Yommus angafichi kumaa, ?Haa ta'u dubbadhu!? ittiin jedhe. Phaawulos buusaa irra dhaabatee, harkaan isaan hawwate; namoonni gab jennaan, afaan warra Yihudootaatiin isaanitti dubbachuutti ka'e.

Hojii Ergamootaa — Chapters