[1] Fesxoos abbaan biyyaa kutaa biyyichaatti hojii isaa jalqabuu dhufee, guyyaa sadii booddee mandara Qiisaariyaatii ka'ee Yerusaalemitti ol ba'e.
[2] Luboonni warri angafoonnii fi dura-buutuun Yihudootaa garuu Fesxoos akka isaan gargaaruuf, itti dhi'aatanii Phaawulosin hadheessan.
[3] ?Karaatti riphanii isa ajjeesuudhaaf irratti mari'atanii waan turaniif, Phaawulosin Yerusaalemitti nuuf ergi!? jedhanii isa kadhatan.
[4] Fesxoos immoo deebisee, ?Phaawulos Qiisaariyaatti hidhamee eegamaa jira; anis immoo dafeen achitti deebi'uu yaada.
[5] Ammas warri kanaaf dhaabatan anaa wajjin gad bu'anii, yoo namichi kun hamaa hojjeteera ta'e isa haa hadheessan!? jedheen.
[6] Fesxoos guyyaa saddeet yookiis kudhan isaan bira bubbule, kana booddee Qiisaariyaatti gad bu'e; borumtaas barcuma firdii irra taa'ee, Phaawulosin akka ol galchan abboome.
[7] Akkuma Phaawulos dhi'aateen, Yihudoonni Yerusaalemii dhufan isatti marsan. Hadheessa ciccimaa baay'ees isa irratti dhi'eessan; haa ta'u iyyuu malee dhugaa itti baasisuu hin dandeenye.
[8] Phaawulos garuu, ?Ani seera Yihudootaa irratti, mana qulqullummaa irratti, mootii warra Roomaa irrattis homaa yakka hin hojjenne? jedhee falmate.
[9] Fesxoos yommus Yihudoota gammachiisuu barbaadee, ?Yerusaalemitti ol baatee, achitti dubbii kanaaf firdii akka ani siif kennu feetaa?? jedhee Phaawulosin gaafate.
[10] Phaawulos immoo, ?Ammuma iyyuu ani barcuma firdii mooticha Roomaa dura dhaabadheen jira; iddoon kunis lafa ani itti firdii fudhachuun anaaf ta'uu dha. Ati ofii keetii gaarii gootee akkuma beektu, ani Yihudoota homaa hin yakkine.
[11] Ani utuun yakkee waan du'a anatti farachiisu hojjedheera ta'ee, adaba du'aa jalaa ba'uudhaaf hin yaalun ture; amma garuu dubbii isaan ittiin na hadheessan keessa wanti dhugaan erga hin jirree, eenyu iyyuu harka isaaniitti dabarsee na kennuu hin danda'u; ani mooticha warra Roomaa nan dhageessifadha? jedhee deebiseef.
[12] Fesxoosis warra isa gorsaniin mari'atee, ? ?Mooticha nan dhageessifadha? jette, egaa mooticha bira in dhaqxa? jedhee itti hime.
[13] Guyyaa baay'ee utuu hin turin Agriipha mootichii fi Berniiqee obboleettiin isaa, Fesxoosin dubbisuudhaaf Qiisaariyaa dhufan.
[14] Isaan guyyaa baay'ee erga achi turanii booddee, Fesxoos waa'ee dubbii Phaawulos gargar baasee Agriiphaa mootichatti himuutti ka'ee, ?Namni Feeliks akka inni hidhametti asitti dhiisee adeeme tokko jira.
[15] Ani yommuun Yerusaalem ture luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni Yihudootaa isa hadheessanii, akkan isatti faraduuf ana gaafatan.
[16] Ani immoo, ?Akka amala warra Roomaatti nama tokko, warra isa hadheessuu wajjin wal bukkee utuu hin dhaabin, hadheessa isa irratti dhi'aatettis utuu hin falmachiisin, dabarsanii isa hin kennan? jedheen isaaniif deebise.
[17] Warri namicha kana hadheessan anaa wajjin yommuu asitti galan, ani dubbii kana hin tursine; borumtaa barcuma firdii irra taa'een, namicha akka ol galchan abboome.
[18] Warri isa hadheessan yommuu dubbachuudhaaf ka'an, seera irra darbee waan hamaa hojjechuu isaatiif in dubbatu kanan se'e, waa'ee kanaa homaa tokko iyyuu isa irratti hin dubbanne.
[19] Kan isaan irratti wal badan waa'ee gaaffii amantii ofii isaaniitii fi, waa'ee Yesus isa jedhamu tokko ture; inni du'eera, Phaawulos garuu, ?Inni jiraataa dha? jedhe.
[20] Dubbii kana akkan itti qoru nan wallaalee, kanaafan Phaawulos Yerusaalem dhaqee, achitti dubbii kanaaf firdii argachuu in fedha yoo ta'eef, isa gaafadhe.
[21] Phaawulos garuu, ?Mooticha nan dhageessifadha? jedhee, hamma mooticha surra-qabeessa biraa murtoo argatutti eegamuu gaafate; kanaafis hamma ani gara mootichaatti isa dabarsutti, akka inni eegamuuf nan abboome? jedhe.
[22] Agriipha yommus Fesxoosiin, ?Ani ofii kootii dubbii isaa isa irraa dhaga'uu nan jaalladhan ture? jedhe; Fesxoos immoo deebisee, ?Bor isa irraa in dhageessa? jedheen.
[23] Borumtaas Agriiphaa fi Berniiqee ulfina guddaadhaan dhufanii, angafoota kumaa fi gurguddoota mandaraa wajjin mana firdii itti kennanitti ol galan; Fesxoos abboomnaan, Phaawulosin ol galchan.
[24] Fesxoos yommus, ?Yaa Agriiphaa mootii, yaa warra as nuu wajjin jirtanii hundumti keessan, namichi isin argitan kun jiraachuun hin ta'uuf jedhanii, hammi Yihudootaa hundinuu Yerusaalemitti asittis anatti iyyataniiru.
[25] Ani immoo firdii du'aa waan itti farachiisu tokko iyyuu akka inni hin hojjetin hubadheera; amma garuu inni, ?Mooticha surra-qabeessa nan dhageessifadha? waan jedheef, mootichatti isa erguudhaaf murtoo godheera.
[26] haa ta'u iyyuu malee waa'ee namicha kanaa gooftaa kootiif caafuudhaaf dubbii muramaa waanan dhabeef, as fuula keessan, keessumaa immoo yaa Agriiphaa mootii, fuula kee dura isa fideera; kanas ergan asitti isa qoree booddee waanan caafu akka ani beekuuf nan godhe.
[27] Nama hidhaa tokko waan isa irratti dhi'aate utuu hin mul'isin, mootichatti dabarsuun qajeelaa ta'ee anatti hin mul'atu? jedhe.