Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:01

[1] Ergamoonnii fi obboloonni Yihudaa jiranis, warri saba Waaqayyoo hin ta'in iyyuu dubbii Waaqayyoo akka fudhatan dhaga'an.

[2] Kanaaf yeroo Phexros gara Yerusaalemitti ol ba'etti, Yihudoota keessaa amantoota kan ta'an, isaan morkatanii,

[3] ?Ati immoo mana warra dhagna hin qabatinii dhaqxee, isaanii wajjin nyaatte iyyuu mitii?? jedhaniin.

[4] Kana irratti Phexros waan ta'e hundumaa, jalqabaa jalqabee tarreedhaan isaanitti hime.

[5] ?Mandara Yophee keessatti kadhata godhachaa utuun jiruu, of wallaaleen mul'ata arge. Kunoo, wanti akka baallee uffata guddaa, mataa arfaniin hidhamee, waaqa irraa gad buufamee, dhufee ana bukkee bu'e.

[6] Hubadhee yommuun ilaales bineensa lafa irraa miilla afur qaban, bineensota wal nyaatan, kan munyuuqan, qilleensa keessa kan balali'anis isa keessatti nan arge.

[7] Sagalee, ?Ka'i Phexros, qaliitii nyaadhu!? naan jedhuun immoo dhaga'e.

[8] Ani immoo deebisee, ?Matumaa kun hin ta'u, yaa gooftaa, wanti ciiggaasisaanii fi xuraa'aatti ilaalamu takkaa afaan koo lixee hin beeku? nan jedheen.

[9] Sagalichi waaqa irraa ammoo deebisee, ?Waaqayyo kan qulleesse, ati xuraa'aatti hin ilaalin!? jedhe.

[10] Kun si'a sadii ta'e, kana booddee akkuma jirutti deebi'ee gara waaqaatti ol fuudhame.

[11] ?Yommusuma jarri sadii warri Qiisaariyaadhaa gara kootti ergaman, mana ani ture sana dhufan.

[12] Hafuurri qulqulluun garaagarummaa tokko illee utuu hin argisiisin, isaanii wajjin akkan dhaqu anatti hime. Obboloonni ja'a as na bira jiranis anaa wajjin dhaqan; hundumti keenyas mana Qorneelewositti galle.

[13] Qorneelewos immoo ergamaa Waaqayyoo mana isaa keessatti akka arge, ergamichi, ?Yopheetti nama ergi, Simoon isa Phexros jedhamu waamsisi;

[14] inni dubbii atii fi warri mana kee hundinuu ittiin fayyitan sitti in hima? akka ittiin jedhe nutti hime.

[15] Yeroo ani dubbachuu jalqabetti hafuurri qulqulluun, akkuma jalqaba nu irratti bu'etti, isaan irra bu'e.

[16] Yommus isa gooftaan, ?Yohannis bishaaniin cuuphe, isin garuu hafuura qulqulluudhaan in cuuphamtu? jedhe nan yaadadhe.

[17] Egaa isaan akkuma keenya gooftaa Yesus Kristositti yeroo amanan, Waaqayyo kennaa hafuuraa isa nuuf kenne, isaan kanaafis erga kennee, ani eenyuun ta'eetan Waaqayyoon dhowwuu danda'a ree?? jedhe.

[18] Isaan kana hundumaa erga dhaga'anii, morkiin isaanii gab jedhe. Kana irratti isaan, ?Egaa'oo, yaada garaa isaanii geddaratanii akka ittiin jiraataniif, Waaqayyo warra saba isaa hin ta'iniifis karaa kenneera kaa? jechaa Waaqayyoon galateeffatan.

[19] Ari'atamuu yeroo Isxifaanos du'e waldaa irratti ka'e sana keessa, amantoonni hamma Finiiqeetti hamma Qophrositti akkasumas hamma Anxokiyaatti bittimmaa'anii turan; lafa dhaqanitti immoo dubbii gooftaa Yihudoota duwwaatti in himu turan.

[20] Isaan keessaa warri Qophrosii fi warri Qareenee garuu, Anxokiyaa yommuu dhufan dubbii gooftaa warra Griikotaattis immoo dubbatanii, gooftaa Yesusin misraachoo himan.

[21] Irreen gooftaa isaanii wajjin ture, namoonni baay'eenis amananii gara gooftichaatti in deebi'an.

[22] Oduun kun waldaa amantootaa Yerusaalem bira ga'e, achii Baarnaabaasin Anxokiyaatti ergan.

[23] Inni dhufee, ayyaana Waaqayyoo isaaniif kenne yommuu argetti, in gammade; gooftaatti amanamanii garaa isaanii guutuudhaan akka itti cimaniif, isaan in gorse.

[24] Innoo nama gaarii, hafuura qulqulluudhaan guutuu, amantii isaattis jabaa ture; namoonni baay'eenis gara gooftaa dhufan.

[25] Baarnaabaas yommus Saa'olin barbaaduudhaaf gara Xarsees dhaqe.

[26] Yeroo isa argatettis gara Anxokiyaatti isa fide; waggaa sana guutuu waldaa sanaa wajjin wal arganii, namoota danuu barsiisaa turan. Bartoonni jalqaba duraa Anxokiyaatti ?Kristiiyaanota? jedhamanii waamaman.

[27] Gidduu sanatti raajonni tokko Yerusaalemii gara Anxokiyaatti gad bu'an.

[28] Isaan keessaa tokkos Agaabos kan jedhamu ka'ee, lafa hundumaa irratti beelli jabaan akka bu'u, hafuuraan raajii dubbate; kunis bara mo'icha Klaawudiiyositti raawwatame.

[29] Bartoonni kana irratti adduma addaan hamma danda'an obboloota warra Yihudaa jiraatan gargaaruudhaaf ofitti muran.

[30] Akkuma yaadanis godhanii, gargaarsicha harka Baarnaabaasii fi Saa'olitti gara maanguddoota waldaatti ergan.

Hojii Ergamootaa — Chapters