[1] Bara sanas Herodis mootichi, namoota bu'aa waldaa kristiiyaanaa turan tokko miidhuudhaaf ciqlee irra dhaabbate;
[2] Yaaqoobin obboleessa Yohannisis billaadhaan morma isaa irraa kuchisiise.
[3] Kun warra Yihudootaa akka garaa ciibse yommuu arge, itti dabalee Phexrosin immoo qabsiise; yeroon isaas yeroo namoonni ayyaana Maxinoo itti ayyaaneffatan ture.
[4] Herodis yommus Phexrosin qabsiisee mana hidhaatti galchisiisee, darabee isa haa eeganiifis loltoota kutata afuritti hiramanii, tokkon tokkon isaa nama afur afur qabutti kenne. Ayyaana Faasiikaa booddee garuu saba duratti akka qoramuuf isa dhi'eessuu barbaade.
[5] Yeroo Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa turetti, waldaan kristiiyaanaa immoo utuu gargar hin kutin Waaqayyoon in kadhattiif turte.
[6] Edumtii guyyaa itti Herodis Phexrosin akka qoramuuf dhi'eessuudhaaf jedhe sanatti, Phexros fuuncaa lamaan hidhamee, loltuu lama gidduu in rafa ture; eegduun immoo balbala manicha hidhaa dura dhaabatanii in eegu turan.
[7] Kunoo, ergamaan gooftichaa Phexros bukkee dhaabate; golli manicha hidhaa inni keessa tures ifa waaqa irraatiin guute. Ergamaan sun cinaacha Phexros rurrukutee dammaqsee, ?Dafii ka'i!? ittiin jedhe; achumaan fuuncaan inni ittiin hidhame harka isaatii bu'e.
[8] Ergamichi immoo, ?Hidhadhu, kophee kees kaa'adhu!? jedheen. Phexros ka'ee hidhatee, kophee isaas kaa'ate; ergamichi ammas, ?Wayyaa kee uffadhuu ana duukaa bu'i!? ittiin jedhe.
[9] Phexros manicha hidhaa keessaa ba'ee, ergamicha duukaa bu'e. Garuu ergamaan gooftaa kan hojjeteef kun dhugaa itti hin fakkaanne; innoo mul'ata waan arge se'e.
[10] Ergamichaa wajjin eegduu warra duraa, warra lammaffaa biras darbanii, balbalicha sibiilaa isa mandaratti baasu bira ga'an. Balbalichi utuu namni itti hin bu'in isaaniif baname, isaanis gad in ba'an; karaa tokko irra takka erga adeemanii, ergamichi achumaan Phexros biraa sokke.
[11] Phexros yommuu of bare, ?Gooftichi ergamaa isaa ergee, harka Herodisii fi harka Yihudoota warra hamaa na irratti yaadan hundumaa akka na oolche, amma dhuguma beekeera? jedhe.
[12] Phexros kana hubatee, gara mana Maariyaam haadha Yohannis isa Maarqos jedhamuu dhaqe; achitti namoonni baay'een walitti qabamanii kadhachaa turan.
[13] Phexros immoo balbala kellichaa rukunnaan, intalli Roodaa jedhamtu tokko gara balbalichaa dhuftee owwaatte.
[14] Isheen Phexros ta'uu isaa sagalee isaatiin bartee, waan gammaddeef utuu balbala hin baniniif ol fiigdee, ?Phexros balbala dura in dhaabata? jettee himte.
[15] Warri kana dhaga'an immoo, ?Ati in maraatte fakkaata? isheedhaan jedhan. Isheen garuu, ?Lakkii isuma? jettee falmite. Kana irratti isaan, ?Egaa'oo ergamaa isaa isa isa eegu ta'inna? jedhan.
[16] Inni garuu ittuma fufee balbalicha rukute; balbalicha yommuu banan Phexrosin arganii, akka abjuu ta'an.
[17] Calluma jedhanii akka dhaggeeffataniif harkaan milikkita isaaniif kenne; gooftichi mana hidhaa keessaa attamitti akka isa baase, isaanitti odeessee, ?Dubbii kana Yaaqoobii fi obbolootatti himaa!? jedhee, ba'ee iddoo biraa dhaqe.
[18] Lafti bariinaan warri loltuu, ?Phexros attam ta'e?? jedhanii, waan godhanis wallaalanii rakkatan.
[19] Herodisis Phexrosin barbaachisee argachuu dadhabnaan, loltuu isa eeguudhaaf kennamanii turan sanas qoree, akka ajjeefamaniif abboome; kana booddees Herodis Yihudaadhaa Qiisaariyaatti gad bu'ee, takka achi taa'e.
[20] Herodis warra Xiiroosii fi Sidoonitti dalanee ture; isaan garuu walii galteedhaan gara mana isaa dhaqanii, Bilaasxos abboomaan mana mootichaa, Herodisitti dhi'aatee araara akka isaaniif gaafatuuf, tole isa jechisiifatan; isaan kutaa biyya Herodis bulchu keessaa midhaan in argatu turan.
[21] Guyyaa dhaaba isaaniitti Herodis uffata mootummaa uffatee, iddoo ol jedhaa isaaf qophaa'e irra taa'ee, isaanitti dubbate.
[22] Namoonni yommus sagalee isaanii ol fudhatanii, ?Kun sagalee namaa miti, sagalee Waaqayyoo ti malee? jedhanii isa jajan.
[23] Ulfina kana dabarsee Waaqayyoof waan hin kenniniif, achumaan ergamaan gooftichaa isa dha'e; kana irratti Herodis raama'ee du'e.
[24] Dubbiin Waaqayyoo garuu guddachaa, bal'achaas in adeeme.
[25] Baarnaabaasii fi Saa'ol Yerusaalemitti hojii gargaarsaa isa itti ergaman sana raawwatanii, Yohannis isa Maarqos jedhamu, fudhatanii deebi'an.