Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:17

[1] Jarreen kutaa biyya Yihudaatii, Anxokiyaa biyya Sooriyaatti gad bu'an tokko immoo, ?Akka seerri Musee ajajutti yoo dhagna qabachuu dhabaattan, fayyuu hin dandeessan? jedhanii kristiiyaanota barsiisuutti ka'an.

[2] Kana irratti Phaawulosii fi Baarnaabaas jarreen sanaa wajjin wal didanii waliin morkatan. Kanaafis waldaan, morkii kana ergamootaa fi jaarsolii achi jiran biraan ga'uudhaaf, Phaawulosii fi Baarnaabaas, amantoota keessaas namoonni tokko, Yerusaalemitti akka ol ba'aniif murtoo goote.

[3] Waldaan kristiiyaanaas isaan geggeessitee karaa irra isaan buufte. Isaan immoo, warri saba Waaqayyoo hin ta'in gara Waaqayyootti deebi'uu isaanii odeessaa, Finiiqeedhaa fi Samaariyaa keessa darban; oduu kanaanis amantoota achi jiran baay'ee gammachiisan.

[4] Yerusaalemitti yommuu galan, waldaa kristiiyaanaatii fi ergamootaan, jaarsoliidhaanis in simataman; warri ergaman kun Waaqayyo inni isaanii wajjin ture kan hojjete hundumaa itti himan.

[5] Garee warra Fariisotaa keessaa amantoota kan ta'an tokko ka'anii, ?Dhagna qabachuudhaaf seera Museen kenne eeguu isaan barsiisuu in barbaachisa? jedhan.

[6] Kanaaf ergamoonnii fi jaarsoliin dubbii kana ilaaluudhaaf walitti qabaman.

[7] Yeroo dheeraa erga irratti dudubbatanii booddee, Phexros isaanitti dubbachuudhaaf ka'ee, ?Obboloota ko, Waaqayyo warri saba isaa hin ta'in dubbii wangeelaa afaan koo irraa dhaga'anii haa amananiif, kanaan dura isin keessaa akka na fo'e, ba'eessa gootanii in beektu.

[8] Waaqayyo inni garaa namaa beeku, hafuura qulqulluu nuufis immoo akkuma kenne, isaaniif kennuu isaatiin, isaan simachuu isaa mul'iseera.

[9] Inni amantiidhaan garaa isaanii qulleesse malee, nuu fi isaan gidduutti garaagarummaa hin argisiifne.

[10] Amma'oo ba'aa abboonni keenya, nuyis baachuu hin dandeenye, gatiitii amantootaa irra kaa'uudhaan maaliif Waaqayyoon qortu?

[11] Nuyi garuu ayyaana gooftaa keenyaa Yesusiin fayyuu keenya in amananna; isaan immoo akkuma kanatti in fayyu? jedheen.

[12] Kana irratti namoonni hundinuus calluma jedhanii Baarnaabaasii fi Phaawulosin dhaggeeffatan; isaan lamaanis dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa, Waaqayyo harka isaaniitiin saba Waaqayyoo warra hin ta'in keessatti hojjete, itti odeessan.

[13] Isaan dubbii isaanii afaanii yommuu fixan Yaaqoob ka'ee, ?Obboloota ko, na dhaggeeffadhaa!

[14] Simoon, Waaqayyo attamitti dura warra saba isaa hin ta'in keessaa, saba ofii isaatii godhachuudhaaf akka dhimme, nutti himeera.

[15] Dubbiin raajotaas akka caafamee jirutti, kanaa wajjin wal fudhata;

[16] ?Isa kana booddee nan deebi'a, mana Daawit isa jiges deebisee nan ijaara, isa diigames haaressee nan dhaaba, nan qajeelchas,

[17] namoonni hafanis goofticha akka barbaadan, sabni biyya lafaa irraa maqaa kootiin waamaman hundinuus; gooftaan inni kana godhu akkas jedha?

[18] kunis durii durii jalqabee beekamaa dha.

[19] ?Kanaafis akkan yaadutti yoo ta'e, warri saba isaa hin ta'in gara Waaqayyootti yommuu deebi'an, isaan rakkisuun nuuf hin ta'u.

[20] Garuu qalma isa xuraa'aa waaqayyo tolfamaadhaaf aarsaa dhi'aate irraa akka afaaniin hin qabne, halalummaa irraa akka of eeggatan, foon horii hudhamee du'e irraa akka hin nyaanne, dhiigas akka hin nyaanne akka hin dhugnes, isaaniif caafuun nuuf in ta'a.

[21] Durii durii jalqabanii seera Musee mandara mandaratti kan lallaban, manneen sagadaa keessattis Sanbata hundumaatti kan isa dubbisan jiru? jedhe.

[22] Dubbii kana booddee ergamoonnii fi jaarsoliin, guutummaa waldaa kristiiyaanaa sanaa wajjin of keessaa namoota fo'anii, Phaawulosii fi Baarnaabaas duukaa Anxokiyaatti erguudhaaf, walii galan; Yihudaa isa ?Baarnaabaas? jedhamuu fi Siilaasin, warra dura-buutuu amantootaa keessaa turan, fo'anii ergamoota lamaanii wajjin ergan.

[23] Ergaan caaffataan isaanitti kennames, kanatti fufee kan jiruu dha; ?Nuyi ergamoonnii fi jaarsoliin obboloonni keessan, isin saba garaa garaa keessaa obboloota keenya taatanii, mandara Anxokiyaa kutaa biyya Sooriyaatii fi Qiliiqiyaa keessa kan jiraataniif, nagaa keenya isiniif in dhi'eessina.

[24] ?Nu keessaa jarreen tokko, kanaaf utuu hin ajajamin isin bira dhufanii, dubbiidhaan akka isin wallaalchisan, yaada keessanis akka raasan dhageenyeerra.

[25] Kanaaf yaada tokkoon walii gallee, of keessaa namoota foonee, Baarnaabaasii fi Phaawulos jaallatamoo wajjin, gara keessanitti erguun gaarii fakkaatee nutti mul'ate.

[26] Akkuma beektan iyyuu, Baarnaabaasii fi Phaawulos warra jireenya isaanii gooftaa keenya Yesus Kristosiif dabarsanii kennanii dha.

[27] Egaa isuma isinii caafne afaan isaaniitiin immoo akka isinitti himaniif, Yihudaadhaa fi Siilaasin isiniif ergine.

[28] Waan barbaachisu irra kan caalu ba'aa biraa isin irra akka hin keenyeef, hafuura qulqulluutti, nuttis gaarii fakkaateera.

[29] Kunis immoo qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'aate irraa, dhiiga nyaachuu fi dhuguu irraa, foon horii hudhamee du'e nyaachuu irraa, halalummaa irraas akka fagaattan; kana hundumaa irraa yoo of eeggattan gaarii dha; nagaatti jiraadhaa!?

[30] Warri ergaman ka'anii, Anxokiyaatti gad bu'an; achitti tuuta amantootaa walitti qabanii caaffaticha kennaniif.

[31] Jarri immoo caaffaticha dubbisanii, dubbii gorsa isaatti in gammadan.

[32] Yihudaanii fi Siilaas lallaboota warri turan, dubbii baay'ee amantoota gorsanii isaan cimsan.

[33] Achi isaan bira erga takka turanii, amantoonni namoota sana nagaadhaan gara warra isaan ergeetti deebisan. [

[34] Siilaas garuu jaallatee achi ture.]

[35] Phaawulosii fi Baarnaabaas Anxokiyaa takka taa'an; amantoota baay'ee wajjin dubbii gooftaa in barsiisan, in lallabanis.

[36] Erga takka achi bubbulanii booddee, Phaawulos, Baarnaabaasiin, ?Kottu deebinee, mandara dubbii gooftaa itti lallabne hundumaa dhaqnee, akka amantoonni itti jabaatanii jiraatan in ilaalla? jedhe.

[37] Baarnaabaas garuu, Yohannis isa Maarqos jedhamus, of duukaa fuudhanii akka adeemaniif barbaade.

[38] Phaawulos immoo, ?Nama kanaan dura Phamfiliyaatti nu biraa hafee, hojichaaf nuu wajjin dhaquu dhiise, kana fuunee adeemuun nuuf hin ta'u? jedhe.

[39] Kanaafis hamma isaan gargar adeemanitti, isaan lachuu gidduutti waliin morkiin ka'e; Baarnaabaas, Maarqosin of duukaa fudhatee, markabaan Qophros dhaqe.

[40] Phaawulos immoo Siilaasin waammate, amantoonnis eegumsa ayyaana Waaqayyootti erga isaan kennatanii, lama ta'anii adeeman.

[41] Phaawulos waldoota kristiiyaanaa cimsaa, kutaa biyya Sooriyaa fi Qiliiqiyaa keessa darbe.

Hojii Ergamootaa — Chapters